Ol’aantummaan Seeraa Falmiif Hindhiiyaatu

Ol’aantummaan Seeraa Falmiif Hindhiiyaatu

1,420

Ol’aantummaan Seeraa Falmiif Hindhiiyaatu

- Advertisement -

Ibsaa Namarraa

Ol’aantummaan Seeraa fi alsirnummaan dorgomaa dha. Yammuu inni tokko ol’aantummaa argattu, inni kaan nicuqqaalamaa. Yammuu ol’aantummaan seeraa ol’aantummaa dhabu, alsirnummaan bakka isaa bu’a. Gara biraatin, yammuu ol’aantummaan seeraa mowuu, alsirnummaan nisalphataa. Walumagalatti; alsirnummaan yammuu mootummaan seera kabajsisu dadhabbuu ykn yammuu mootummaan digamu dagaagaa. Maalummaa alsirnummaa hubachuuf haala waggootii muraasaa dura Somaaliyaa keessa ture yaadachuun gahaa dha.

Iddoo ol’aantummaan seerraa hinjirreetti, abbaa irruummaan sirna ta’aa; midhaa fi haaleellaa mirga irratti raawwatamu ittiissuf abbaa irree ta’ani argamuun aala filannoon kan biraa hinjiraatu. Iddoo ol’aantummaan seeraa hinjirreetti nageenyi hinjru. Yammuu seerri ol’aantummaa dhabuu, mirgi lubbuun jiraachuun waabii dhabaa. Haala kana keessa namoonni yeeroo fi iddoo itti argaman irraa yoo siqan maal akka isaan qunnmu beeku hindandahan. Luubuun isaani too’anna isaan jalaa baatee carraaf keennamti.

Yammuu seerri ol’aantummaa dhabu, haariiroon haawaasummaa hikkoo dhabaa. Jaalalli, walyaaduun, walgargaaruun kkf gatii dhabu. Yammuu seerri ol’aantummaa dhabu, nageenyi waan hinjeraanneef, hojjachuun hindandayamu; feedhiin hojjiis hinjiraatu. Boru, egeeree . . . lubbuun jiraachuun waan waabii dhabuuf; boruuf, eegeereef jeecha qabeenya kusuun hikkoo dhabaa.

Iddoo seerri ol’aantummaa dhabu; mirgoonni ilaalcha itti amanan qabachuun, ibsuun, tarkaanfachisuun gurmaahuun, angoo siyaasaaf morkachuun kkf kabajamu hindandahani. Walumagalatti; dhabinsi ol’aantummaa seeraa abdii dukkaneessu dhaan jiruu namaa hikkoo dhabsiisaa.

Mirgoota fi bilisummoota dhala namaa irratti hundaahuu dhaan, seera tumoon qooda mootummaati. Seera raawwachisuun, kabajsisuunis qooda mootumaati. Mootummaan seera kabajsisuuf raayyaa ittiisa biyyaa fi poliisii gurmeessaa. Mana murtee, mana sirreessaa kkf caaseeffataa. Mootummaan seera kabajsisuuf huumna fayyadamuuf angoo qabaa. Mootummaan angoo fayyadama huumnaa ummata irraa argataa.

Namni kamiyyuu, mirgoota fi biliisummoota isaa kabjsiisuuf mirga qabaatulle; mirga isaa kabajsisuuf huumna fayyadamu hindandayu. Namoonni mirga isaanii kabjsisuuf jeecha mirga huumna fayyadamu yoo kan qabaatan ta’e; tarkaanfii haqaa fi alhaqaa addaan baasuun hindndaahamu. Kana giddu, namoonni huumna hinqabane midhamu dandahu. Kanaafu; namoonni mirga, huumnaan mirga isaanii kabajsisuuf qaban, bakka bu’ummaan mootummaaf keennu. Seera tumee mirgoota fi bilisummoota dhala namaa huumnaan kabajsiifuuf kan angoo qabu mootummaa qoofa, mootummaan angoo kana kan argate akkuuman sila jeedheetti ummataraayi. Yamuu seerri ol’aantummaa dhabu ykn alsirnummaan ol’aantummaa argatu, angoon mirga ofii huumnaan tikkfachuun gara abbaatti deebi’aa. Yeroo kun ta’u alsirnummaan nimohaa.

Eegaa; ol’aantummaa seeraa kabajsisuun angoo mootummaa ta’ulle, mootummaan shiira fi goocha yakkaa ganda ganda keessa xaxamu fi raawwatamu tokko tokkoon addaan baasuu fi too’achu hindandayu. Mootummaan raawwii ol’aantummaa seera kabajsisuu irratti akka milkaahu gargaarsa ummataa barbaada. Garuu; yeroo fi iddo huumni nageenya mootummaa qaqabu hindandeenytti lubbuu baraaruuf yoo ta’e malee huumna fayyadamuun seeraan aala.

Yeroo warraaqsa (revolution) siyaasaa, ykn tarkaanfiin jijjiirama siyaasaa gurguddoon fudhataman keessa, ol’aantummaan seeraa rakkorra bu’aa. Haalli kun yaeroo ammaa biyya keenya keessa mul’achaa jira. Iddoowwan gara garaa walitti-bu’insi mudachaa jira. Jaarmiyoonni siyaasaa biyya aala socho’aa turan gara biyyatti deebi’uun isaanii dirree siyaasaa biyyatti bal’isu irratti shoora ol’aanaa qabaatulle, ijjannoon jaarmiyooleen siyaasaa haala qabatamaa biyyatti iraa fagaatani turan kun ibsan ummatta burjaajjeessaa jira. Ijjannoon ibsachaa jiran garee tokko yammuu gamachiisuu, kaan aammoo mufachiisaa jira. Gareewwan maqaa jaarmiyoota kanaan sochoo’aniis mul’achaa jiru. Gareewwan maqaa qeerroo jijjiirama amma biyyatti keessa mul’atu fidu irratti shoora ol’anaa qabuun yakka hojjachaa jiraniis nijiru. Haala kana keessa ol’aantummaa seeraa kabajsiisuun baay’ee rakkiisaa dha. Haalli kun ammo ol’aantummaa seera biyyatti alsirnuummaaf saaxilee jira.  

Walumagalatti; dhabiinsi ol’aantummaa seeraa, kabaja mirgoota namoomaa – mirga lubbuun jiraachu, mirgoota siyaasaa, dinagde fi haawaasummaa balaaf saaxila. Dhabiinsi ol’antummaa seeraa namummaa salphisa. Kanaafuu; ol’aantummaan seeraa yeroo, iddoo fi haala kamiyyuu keessa wanta falmiif dhiyaachu miti. Ol’aantummaan seeraa dhimma jiru fi jiru dhabu ta’un isaa hubatamu qaba.  

Comments are closed.