Too’attootni Tiraafika Xiyyaaraa Lagannaarra Turan Hojiitti Deebi’an

671
Guyyoota darban lagannaa hojiirra kana turan hojjettootni tiraafika xiyyaaraa gara hojii idilee isaanitti deebi’an.

- Advertisement -

 
Daarektarri Siivil Aveeshinii Ityoophiyaa Jeneraal Koloneel Wasanyellee Hunaanyaw Faanaa Broodkaastingi Koorporeetitti akka himanitti hojiitti deebi’uu mirkaneessaniiru.
 
Kallattii mootummaan kaa’en daballii mindaa isaanif qorannoon ni gaggeeffama jedhaniiru.
 
Mallattoo hojjettoota fakkeessanii mallatteessufi lagannaan hojii akka raawwatamu kakaasun kanneen shakkaman hojjeettootni 9 too’atamanii jiru.
 
Shakkamtootni kaleessa Mana Murtii Federaalaa sadarkaa tokkoffaa Araadaa ramaddii tokkoffaa dhadacha yakkaatti dhiyaachun, Manni Murtii qorataa poolisiif guyyaa 8 qorannoo dabalataaf eeyyamee jira.
 
Taarik Addunyaatu gabaase

Comments are closed.