Torbee Tokkotti Karaa Booletiin Doolaarri Ba’uuf Ture Kumni 46 Qabameera
Torbee Tokkotti Karaa Booletiin Doolaarri Ba’uuf Ture Kumni 46 Qabameera
Torbee 1 qofatti Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletti Doolaarri Ameerikaa kumni 46, Yuuron kumni 3, Diraamni Emmireetota Arabaa Gamtooman 3,500 fi Birriin kumni 54 qabameera.
Maallaqichi Hagayya 19 amma 25,2010tti qabame.
Abbaan Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruuka Ityoophiyaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himetti, Finfinneedhan ala; buufataalee to’annaa Matammaa fi Sarbaatti Doolaarri kumni 4 fi Yuuron kumni 6tti siqu to’atameera.
Buufaataalee kanneenitti meeshaaleen koontiroobaandii Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 15 baasanis to’atamaniiru.
Buufaataalee Hawaasaa fi Mooyyaalee dabalatee, Koonsoo, Abboostoo fi Diillaatti meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 1.3 qabamaniiru.
Miilleerratti Hagayya 19 amma 29tti to’annaa taasifameen; Awaash, Arbarakkattee, Adaayituiu fi Elbaashiritti shiishaa, dawaa, tamboo,meeshaaleen jijjiirraa konkolaataa Birrii miiliyoona 5.9tti tilmaamamu qabamaniiru.
Jigjigaatti meeshaaleen koontiroobaandii Birrii kuma dhibba 4 fi kuma 66 baasan to’atamaniiru.
Comments are closed.