Barri haaraan kun bara itti caalmaatti milkoofnu akka nuuf ta’u harka wal qabannee hojjechuu qabna.

560

Ummanni keenya dheebuu misoomaafi diimokiraasii qaba. Waggoottan muraasa darban keessatti ummaanni keenyaa kallattii hundumaan tokkummaan qabsoosaa finiinsuu isaatiin har’a injifannoo kanarra geenyeerra. Qabsoon ummata keenyaas qabsoo wal qixa fayyadamuu, kan diimokiraasii, abbaa biyyummaa, kan wal qixxummaa ture. DhDUO’s qabsoo ummataa kana deggeree hoggansa dhugaa kennuun milkiin xumurameera.
Injifannoo arganne kana garuu kunuunfachuuf dinagdeen deggeruun baay’ee murteessaadha. Yeroo dheeraaf qabsoo siyaasaa geggeessaa turreerra. Har’a qabsoon keenya kana bira darbee dinagdeen yeroo itti ummata keenya cimsinurra jirra. Kana gochuuf ammoo hojii qaama muraasaa qofa osoo hin taane kan hunda keenyaati.
Kanaaf, bara 2011 keessatti nageenya keenya amanisiisaa gochuun, akkuma qabsoo keenya siysaasaa irratti tokkumman injifannoo arganne dinigdeenis utubuu gaafata. Siyaasni dinagdeen hin deggeramne essayyuu ga’uu waan hin dandeenyeef, kanarratti harka wal qabannee hojjechuun ummata keenya dinagdeen ijaaruun amma.
Kanaaf bara itti aanu kana keessatti nageenya keenya eeggachuun yeroo itti dinagdeen hawaasni keenya of ijaaru ta’uu qaba. Keessumaa dargaggonni keenya dinagdeen akka of danda’aniif kallattii addaan hojjechuu gaafata. Isaanis osoo hojii hin tuffatin jijjiiramaaf of qopheessuun barbaachisaadha.
Gama siyaasaatiinis ummanni biyya kanaa waan baay’ee nurraa eega. Tolchinis balleesinus itti gaafatamummaa biyya bulchuu hundi keenya waliin fudhanneerra.
Kanaaf, amma nurraa eegamu ol hojjennee guddummaa ummata kanaa agarsiisuu qabna. Keessumaa sabaafi sab-lammoota naannoo keenya jiraatan caalmaatti ofitti qabnee waliin jiraachuun baay’ee barbaachisaadha.

Barri 2011 bara badhaadhinaa, kan misoomaa, kan caalmaatti tokkoomnu, kan jijjiiramaa, kan ida’amuufi nageenyaa akka nuuf ta’u hawwina!

Ayyaana Gaarii!

- Advertisement -

Comments are closed.