Injiinar Simmanyoon maaliif of ajjeese ? Kutaa 2ffaa

1,400

Injiinar  Simmanyoon maaliif of ajjeese  ?

- Advertisement -

Kutaa 2ffaa

Hiikaa  Margaa

Barreeffamakoo kutaa tokkoffaa keessatti , dhimmi hidha Haaromsa Itiyoophiyaa kun wal-xaxaa ta’uu isaatii fi Injiinar Simmanyoonis wantoota gaariis ta’an badaa hidhichaa wajjin wal-qabatanii dhufan hundumaaf maqaan isaanii dha’amuun hin hafu waan ta’eef rakkoo amma nu mudatee jiruuf sababa ta’uu mala.

An akka mataa kootiitti waa’ee hidha haaromsa kanaa yommuu ka’u, waan tokko tokko waan sana ilaalchisee barreessuuf yaaleen ture. Sababnisaa anis akka lammii biyya kanaatti waa’een hidha kanaa waan na galchuuf yeroon waa’ee waan kanaa dhaga’u anillee abdii gudda horachaan ture.

Fakkeenyaaf ji’oota muraasa darban dura barreeffama gabaa mata dureen isaa “Xumuruuf jennaam” jedhu tokko jalatti hidhi haaromsaa kun gara xumuraatti kan dhiyaateef  yeroo sanatti parsantaa 64 irra ga’uu isaa akkaatuman Miidiyaa irraa dhaga’een barreesseen lammileen biyya kanaa ishee xiqqoo hafte kanas irratti hirmaatanii akka xunuraniif kaka’umsa uumaan ture.

Dubbiin garuu akka duraan namni nurratti hin baru jedhanii laaqaa fi saamaa turan osoo hin taane, erga Muummichi Ministeera keenyaa Dr.Abiy gara aangootti dhufanii sadarkaa pirojektichi irra jiru ifa ba’aa waan dhufeef xiinsammuu namoota yeroo sana saalfii tokko malee uummata gowwoomsaa turaniif gaarii ta’a jedhee hin shakku.

Akkumaan duraan jedhe, itti gaafatamaa pirojektii kanaa kan ta’an Injiinar Simmanyoon ammoo adda duree waan kanaa waan ta’aniif yeroo gabaasotni sobaa  hidha kanaan wal-qabatee ba’u, sanumaayyuu qarshiin silaa waan kana hojjechiisuuf oolu yeroo qisaasa’u isatu irratti mallatteessaa ture waan ta’eef yeroo dhugaan jiru hawaasa biyya kanaa bira ga’u dandeettii kamiin haaluu danda’a?

Fakkeenyaaf akka walii galteetti dhaabbanni Konistiraakshinii Saalinnii jedhamu hojii Siviilii parsantaa 75 kan xumure yommuu ta’u, METEC ammoo hojii Elektiroo Makaanikaalaa hojjetee xumuruun isarraa eegamu waggaa 7 keessatti  parsantaa 25-30 qofa waan hojjeteef hojiin sun akkaataa eegameen xumuramuu hin dandeenye. Haa ta’u malee ammoo gatii harka hojii Biliyoona 26 ta’u guutummaa hojichaatiif kan kaffalamuu qabu keessaa , qarshii biliyoona 16 ol osoo hojii isarraa eegamu hin hojjetin, hojjechuu qofa osoo hin taane waanuma hojjechuu qabuyyuu osoo hin beekin qarshii hagas guddatu sababa tokko malee saameera.

Kanarraan kan ka’es Dhaabbanni konistiraakshinii Saalinnii hojiin isaa lafarra waan duraa harkifateef kisaara qarshii biliyoona 4 tti dhiyaatu gaafachaa jira.

Inni kan biraan nama dhibee hin dhiifne ammoo bosona naannoo sanaa qulqulleessuuf jecha  METEC qarshii biliyoona shaniin kan walii gale yommuu ta’u, parsantii 37 qofa qulqulleessuun maallaqa armaan olii keessaa biliyoona 2.6 bifa kaffaltiitiin fudhatee jira. Hubadhaa hojiin jedhame walakkaallee osoo hin hojjetamin qarshii hagas ga’u kaffaluufiin maal akka of keessaa qabu shakkuun barbaachisaa dha.

Kun hunduu utuu ta’aa jiruummoo gidduudhaan hawaasa gowwoomsuudhaaf yaaluunis jira. Fakkeenyaaf bara 2010 ji’a tokkoffaa keessa Dr.Dabretsion G/Mikaa’el walitti qabaa boordii humna Ibsaa duraanii Miidiyaaf ibsa yeroo kennanitti , hojiin hidha haaromsa kanaa gara xumuraa ga’uu isaarrayyuu gariin hojii kanaa bara kana humna maddisiisuu ni eegalu jedhee hawaasa gowwoomsee darbee jira.

Akkuma argaa jirru humni ibsaa nuti karaa hidha guddichaa argachaa jirru haa hafuutii hojichi yeroo ammaa parsantii shantamaa gadi akka ta’e miidiyaawwan biyya keessaa gara garaa gabaasaa jiru.

Mee dhugaa dubbachuuf yoo ta’e Injiinar Simmanyoon yeroo yakki hanga kanaa kanneen akka saamichaa, burjaajessuu, maqaa hidha kanaatiin uummata irraa qarshiin walitti qabamee galii nama dhuunfaa fi garee ta’u, ammallee hoji geggeessaa waan  ta’aniif badii uumameef kallattiidhaan itti hin gaafatamu jettuu?

Mee itti hin gaafatamin iyyuu, pirojektiin haati iyyeessaa sabbata ishee irraa hiiktee biyyakoof jettee irratti hirmaatte, yeroo barataan nyaata isaa hir’isee irratti hirmaate,  hojjetaan mootummaa qarshii silumaa hin qabne irraa hir’isee waan kanaaf gumaache kun bakka yaadame hin ga’in hafu dhuguma sammuun isaa nagaa ta’ee biyya kana keessa jiraataay?

Egaan anis gabaasa poolisiin of-ajjeesuu injiinar Simmanyoo ilaalchisee kenne sana sababan mormuuf tokkollee hin qabu.

Sababnisaa , pirojektii iji iyyeessa biyya kanaaf lammilee hunduu abdiidhaan eegaa jiru, itti gaafatamummaadhaan hojjechaa osoo jirtuu, yeroo pirojektichi bakka yaadame hin ga’in hafe akka namaatti maaltu sitti dhaga’ama?

Wayita ati iccitii kana itti himtu dhabdee dhiphachaa jirtutti namni biraan waa’ee dhugaa jiruu hawaasatti ifa baasu hamilee maaliitiin jiraachuuf murteessita?

Beekumsaa fi dandeettii qabduun akkasumas galfata sitti kenname kana seeraan galmaan ga’uu yeroo dadhabdu murtoon ati fudhachuu dandeessu maali ? kan jedhu gaaffii sammuu hunduma keenyaa keessa naanna’uu dha.

Walumaa galatti , gabaasa Poolisiin of-ajjeesuu Injiinar Simmanyoo irratti hundaa’anii namootni tokko tokko  gabaasichi soba akka ta’e fakkeessuudhaan hawaasa burjaajessuuf kan yaalan yoo jiraatan illee dhugaa isa hin beekne barbaachuurra waan qabatamaa ammatti beeknuu fi haala namichi keessa ture yoo madaalle murtoon inni dhumaa Injiinar ofirratti fudhate of ajjeesuu waan ta’eef wanti nuti gochuun nurra jiraatu murtoo isaa amannee fudhachuu qofa.

 

Kanaaf sichi wanti nuti gochuun nurra jiraatu, waa’ee Injiinar Simmanyoo irraanfachuu osoo hin taane, akkamiin pirojektii kana xumurree kaayyoo keenya isa jalqabaa galmaan ga’anna waan jedhus xiyyeeffannoo keenya ta’uu qaba.

Comments are closed.