OPDO – Official 3 hrs · “Enyummaa ofii namarratti fe’anii bulchuun gadaan isaa darbeera” Pireezidaantii BMNO Dr. Kabajaa Lammaa Magarsaa

1,965

Haala yeroo ilaalchisee Pireezidaantiin BMNO Dr. Kabajaa Lammaa Magarsaa ibsa kennaniiru. Guutuun ibsa kanaas akka itti aanutti dhiyaateera.

- Advertisement -

Kanaan booda eenyumtuu eenyurratti fedhii isaa fe’uu hin danda’u. Gadaan fedhii ofii namarratti fe’an xummurameera waan ta’eef. Oromoonis yoo ta’e alaabaa kiyya kan jedhu saba biraa irratti fe’uu hin qabu. Akkas gochuu qaba jedhee hin yaadu. Abbaan fedhe alaabaa kuma tokkoo fi tokko miti miliyoona tokko qabatee yoo bahe; biyya yoo burreesse mirga isaati. Fedhii isaa kana garuu nama biraa irratti fe’uu hin danda’u. Kun biyya kana keessatti hin danda’amu. Akka dhufus hin barbaannu. Yaadni isa tokkoo isa biraa irratti fe’amuu hin qabu dha kan jechaa jirru. Hunduu waldanda’ee, waldhaga’ee tokkummaadhaan sirna waliin itti jiraachuu dandeenyu haa uumnuudha malee fedhii keenya walirratti yaa feennu jechaa hin jirru. Walirratti fe’uun aadaa kaleessaati. Inni darbeera. Aadaa kaleessaa keessaa haa baanu. Tokko tokkorratti fe’anii jiraachisuun, afaan, aadaa., alaabaa isa tokkoo isa biraa irratti fe’anii bulchuun biyya kana baleessee tureera. Lubbuu namaa nyaataa ture waan ta’eef dhaabachuu qaba kan jechaa jirru. Har’a alaabaa irratti waldhabuu qabna jedhee hin yaadu. Alaabaa ummattoonni hundinuu fedhii fi murtii isaanitiin fudhatanitu alaabaa keenya ta’a. Waan abbaan fedhe alaabaa kooti jedhee mirmirseef;yookiin ammoo waan bakka arge hundatti fanniseef alaabaa hundaa ta’uu hin danda’u. kan isaa ta’uufii ni danda’a.
Ummanni keenya tasgabaa’uun barbaachisaa dha. Abadan abbaan barbaade eenyummaa isaa, alaabaa isaa Oromoon hin feene;Oromoon hin fudhanne irratti fe’uu hin danda’u, yoo Oromoon lafa kanarraa dhabame malee. Kanarratti namni shakkuu hin qabu. Abbaan barbaade sa’aatii 24 baatee deemuu miti; uffachuu miti; yoo barbaade ittillee yaa sagadu. Garuu ammoo Oromoorratti fe’uu hin danda’u. Alabaa Oromoo ta’uu kan danda’u kan Oromoon filate duwwaadha. Kanarratti sodaachuun, shakkuu fi birrachuun nurra hin jiraatu.
Qaamni biraan waan Oromoon alaabaa kiyya jedhee qabatee bahe harkatti jibbuuf mirga hin qabu. Mirga akkasii eenyuyyuu hin qabu. Oromoon mirga kana ammoo ofiif qabsaa’ee argate malee kan eenyuyyuu kenneef miti. kun baramuu danda’uutu irra jiraata.
Kanaa olitti garuu nagaadhaaf jennee nagaan keenya, bilisummaadhaaf jennee nagaan keenya boora’uun irra hin jiraatu. Ummanni keenyas tasgabaa’uu danda’uutu irra jiraata. Hundi keenya waldanda’uu qabna. Kan nufayyadu waldanda’uu fi tasgabbii walii kennuudha. Xiiqii keessa gallee waan hin taane uumuun kisaaraa malee faayidaa nuuf hin fidu. Warri kaleessa iddoo dhabnee jirra; waan nu harka ture nurraa fuudhaniiru jechaa turan waan amma ta’aa jiru kanaan gammachuu guddaa keessa galanii jiru. Sababii xixinnaa akkanaatiin ummanni kun akka walitti bu’u kan barbaadamaa jiru. kanaaf waan taasifnu hundaaf sababa gahaa qabaachuu qabna. Gama biraatiin kan nu hin miine ta’uu isaa qalbiidhaan hubachuu qabna. Dhaabbileen siyaasaa kana hoggananis itti gaafatamummaa fudhachuu qabu. Waan raawwatan hunda tasgabbii fi of eeggannoo cimaadhaan taasisuu qabu. kanaan ala ummata walitti gadhiisuun inni tokko isa biraarratti akka muufatu taasisuun gara isa kaleessatti deebi’uuf karaa banuu waan ta’eef eenyuyyuu hin fayyadu. Paartii kamiyyuu, biyya kanas ta’e ummata keenya hin fayyadu. Waan ta’eef xiiqii hin barbaachisne keessa galuun nurra hin jiraatu.
Iddoo mirgi nama keenyaa dhiibametti hundi keenya seeraan gaafachuu danda’uu qabna. Kun dhimma nama tokkoo fi lamaa miti. Dhimma eenyummaa hunda keenyaati. Kanarraa kan hafe miiraan guutamne waan biraa keessa galla yoo ta’e deebi’e kan miidhamu numa. Warra waldhabuu hin qabne waliinis akka waldhabnu nu taasisa. Gaafa warra waldhabuu hin malle waliin waldhabuu taasifne, inni kaan akka nurratti wal-ijaaruu fi humna godhatu taasisa waan ta’eef nu miidhuu danda’a. kanaaf, waan taatee tibba tokkootiif jennee egeree keenya akka hin balleessine. Waan faayidaa guddaa irraa argannu akka hin balleessine of eeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa dha. Qeerroo fi jaarmiyaaleen siyaasaa keenyas waan kana itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan fudhachuutu irra jiraata. Fiigichi guyyaa tokkoo fi lamaa eessaanu nu gahuu hin danda’u. kan nu fayyaduu danda’u waliin mari’annee karaa walii keenya saaquu dha. kanaan ala wal aarsuudhaaf jecha gabaan guyyaa guyyaadhaan uumnu karaa fagoo nu deemsisuu hin danda’u. Osoo mirgi keenya hin tuqamiin waan ta’uu hunda tasgabbii fi itti gaafatmummaa guddaadhaan hojjechuun barbaachisaa dha. Yoo kana ta’uu baate deemee deemee bu’aan isaa rakkina. Waan ta’eefis yeroo kamiyyuu caalaa qeerroon keenya tasgabbaa’uu danda’uu qaba.
Abbaa barbaadeef simannaa taasisuu qaba. Sabni biraas yoo ta’e alaabaa nu ibsa jedhan qabatanii bahuun mirga. Garuu ammoo gamoorratti osoo hin hafiin halluu dibuun seeraa miti. Adeemsi akkanaa addunyaa kamirallee hin jiru. Abbaan fedhe akkas gochuu qaba jedhee hin yaadu. Garuu ammoo hanga seera hin cabsinee fi mirga qaama biraa hin tuqnetti alaabaa nu ibsa jedhan qabatanii bahuun mirga. Kana bira yoo dabarre garuu gara biraatti nu geessa waan ta’eef of eeggachuu qabna. Kanaaf, gama lamaaninu dogoggorri yoo jiraate sirrachuu qaba. Qaamni seeraatis dhimma kana tasgabbiidhaan ilaalee seeratti deebisuun akkuma eegametti ta’ee, hawaasni keenyas tasgabbaa’utu irra jiraata. Gara nagaa booreessuutti of seensisuun nurra hin jiraatu. Nu miida;waan baay’es nu dhabsiisa. Waan ta’eefis waan taasifnu hunda of eeggannoo fi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan raawwachuun barbaachisaa dha. Iddoo mirgi keenya dhiibametti ammoo sirnaa fi seeraan mirga keenya kabachiisuun barbaachisaa dha. Waldanda’uu qabna jechuun mirga keenya dabarsinee laanna jechuu miti. Waliin jireenya keenyaaf waldanda’uu fi wal hubachuu qabna yommuu jennu, mirga keenya dabarsinee laanna jechuu miti. kanaan ala wanti miraan ta’u hin jiru. Bu’aan isaas miidhaa malee faayidaa hin qabu.
Kanaaf, paartileen siyaasaas itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan ummata tasgabbeessuun; waan ta’uu qabuu fi hin qabne ilaalchisee ummanni hubannoo akka qabaatuuf kallattii kennaa hojjechuutu irraa eegama. Yoo kana ta’uu baate deemee deemee rakkooti wal-galchina. Akka sabaattis rakkootti galla. Kun ammoo nu hin fayyadu. Kalleessas nu hin fayyadne. Har’a ammoo bilisummaa qabna. Bilisummaan kun hundee akka qabaatu yaa goonu. Kan biyya alaa jiru hundi yaa dhufu kan jenneef, isa kaan aarsinee isa kaaniif sirbuuf miti. Walitti kan dhufneef, tasgaboofnee waliin haasoofnee rakkoo keenya hiikuudhaafi. Yoo itti gaafatamummaa fudhachuu hin dandeenye ammoo rakkoon keenya hiikkachuu hin danda’u. kanaaf, qaamni hundinuu itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan waan hojjechuu qabu hojjechuutu irra jiraata. Wanti hojjennee bu’aa irratti argachuu eegalle kun akka nujalaa hin banne;akka nu jalaa hin booroofne; akka nu jalaa hin xuroofne waan hojjennu hundaaf of eegganoodhaan bitaa mirga ilaaluun raawwachuun barbaachisaa dha.
Keessummoota dhufan akkaataa simachuu qabnuun simachuu qabna. Daangeeffamuu hin qabnu. Garuu ammoo karaa mirga isa kaanii hin dhiibnee fi hin muufachiifneen, irruma caalaa ammoo karaa faayidaa keenya hin miineen socho’uu qabna. Kanaaf hawaasni keenya walgorsee, wal hubachiisee, iddoo mirga isaa kabachiifachuu qabutti ammoo kabachiifachaa waan hojjechuu qabu hojjechuutu irra jiraata waan ta’eef, wantoonni miraan raawwataa jiran gara tasgabbiitti deebi’uun isaanii bay’ee murteessaa dha. kun ammoo nu fayyada malee nu hin miidhu.
Waan amma jalqabne kun itti fufuuf wal danda’uun barbaachisaa dha. Akkuma mootummaattu waan baay’ee danda’aa jirra. Akka mootummaatti waan baay’ee gochuu osoo dandeenyuu obsaan bira darbaa jirra. Kun ammoo faayidaa ummata keenyaaf jennee kan raawwannee dha. Ummanni keenyas bifuma walfakkaatuun obsa qabaachuu qaba. Qeerroon keenyas obsa horachuun gara galma keenya itti imalaa jirrutti deemuu qaba. Sanaaf ammoo eenyumtuu imala keenya akka gufachiisuuf carraa kennuu hin qabnu. Waan ta’eefis waan raawwannu hunda kan yeroo kamiyyuucaalaa tasgabbii fi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan taasisuu qabna.

Comments are closed.