“Oolmaan yaa’ii dhaabbattummaa ADWUI Guyyaa Hardhaa milkaa’aadha” Obbo Fiqaaduu Tasammaa dubbi himaa pirizidiyeemii yaa’ichaa
Oolmaa yaa’ii dhaabbattummaa ADWUI 11ffaa Magaalaa Hawaasaatti Guyyaa hardhaa eegalee ilaalchisuun dubbi himaan pirizdeemii yaa’ichaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa miidiyaaleef kennaniin yaa’ichi milkaa’aa ta’uu ibsan.
Yaa’icharratti paartileen siyaasaa biyyaalessaa Afran Tokkoon Tokkoon isaanii hirmaattota 250 walumaagalatti namoota 1000 kallattiin kan hirmmaachisan yoo ta’u namootni 940 ol immoo al kallattiin kan irratti hirmmaatan ta’u obbo Fiqaaduun ibsaniiru.
Yaa’ii kanarratti paartileen siyaasaa deeggarttootaa Biyya keessaafi Alaa akkasumas jaarmiyaaleen siyaasaa morkattoota 18 ta’an hirmaachuu isaanii himan.
Paartileen siyaasaa morkkattootaa yaa’ii ADWUIn hanga yoonaatti gaggeessaa ture irratti hirmaatanii kan hin beekne yeroo ta’u inni kun yeroo jalqabaaf kan irratti hirmmaatan ta’uunsaa adda isa taasisa jedhan obbo Fiqaaduun.
Yaa’ichi oolmaa Guyyaa hardhaa isaa kanaan gabaasa koree qophii yaa’ichaa sagalee guutuun raggaasifamuu ibsaniiru.
ADWUIn jaarmiyaalee siyaasaa deeggartootaa addichatti makamuuf yeroo garaagaraa gaaffii dhiyeessaa turan ofitti fudhatee murtee dhumaa kennuuf qorannoon gaggeeffamee kallattiin taa’uu isaas obbo Fiqaaduun kaasaniiru.
Yaa’ichi mata duree “Tokkummaa Biyyaalessaa badhaadhina waliigalaaf” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u turtii isaa kanaan murttoowwan hiree fi egeree biyyattii murteessaan ni darbu jedhamee eegama.
Comments are closed.