Buqqaatoota Beenishaanguul Gumiz keessaa kumni 40 qayeetti deebi’un isaani ibsame

380

Oct 13, 2018

- Advertisement -

Lammiilee naannoo Beenishaanguul Guumzirraa irraa buqqa’an keessaa kumni 40 gara qayee isaanii akka deebi’an itti aantun preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi hoggantuun damee hawaasummaa aadde Xayibaa Hasan beeksisan.

Lammiilee buqqa’anii magaalaa Naqamtee jiraniif deeggarsi adda ddaa taasifamaa jiraachuu isaas aadde Xayibaan ibsaniru.

Nageenya iddoo lammiilen irraa buqqa’anii  tasgabbeessuf mootummoonni naannolee lamaani hojjechaa jiraachuu isaas aadde Xayibaan  eeraniiru.

Bakki walitti bu’iinsi itti mudate haala amnsisaan tasgabbaa’aa jiraachuu kaasanii, garuu godina Kamaashiirratti hojiin hojjetamu akka hafu himaniru.

Rakkinicha waaradhaan furuudhaf namoota balleessaa qaban seeratti dhiyeessun olaantummaa seeraa kabachiisuf akka hojjetamus kaasaniru.

Sanaan cinaatti hariiroo ummattummaa gidduu jiru cimsuuf ni hojjetama jedhaniru.

 

Comments are closed.