Beenishaangul Guumuzitti namoonni bosona keessatti yakka raawwachuuf leenji’aa turan too’ataman
Oct 15, 2018
Naannoo Beenishaangul Guumuzitti namoonni bosona keessatti lammiilee irratti yakka raawwachuuf loltummaa leenji’aa turan 51 too’atamuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise.
Komishinar Seeyfaddiin Haarun akka ibsanitti namoonni kunneen kan qabaman eeruu ummatni kenneen poolisiin addaa naannichaa sakatta’iinsa taasiseeni jedhaniiru.
Ganda gangan iddoo addaa laga Zaalan jedhamutti bosona keessatti osoo leenji’aa jiranuu namoonni 31 too’annoo jala yogguu oolan, 20 harka keennaniiti jedhaniiru.
Namoota too’annoo jala oolan keessaa daa’imman umurii 13 jiraachuu eerameera.
Iddoo kanatti Paaspoortii, warqaa eenyumeessaa, qorichoonni fi meeshaalen wal’aansaa garaa garaa argamuu komishinarichi ibsaniiru.
Humni addaa poolisii naannichaa kaampii lafa heektaara 2 irratti ijaarrame gutuumaan guututti barbadeessee jira.
Humnoonni leenjii kanarra turan muraasni gara biyyoota ollaatti baduu Komishinar Seeyfaddiin beeksisaniiru.
Namoonni kunneen Sochii Bilisummaa Ummata Bartaa irraa qophaatti adda kan bahan ta’uu akka hin oolle komishinarichi eeraniiru.
Namoota kanneenif leenjin ji’a tokkoof keennamaa turuus himaniiru.
Naannichatti nageenya fi tasgabbii buusuf raayyaa ittisaa fi poolisii fedraalaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Ummatni nageenya naannichaa mirkaneessuf gahee isaanii cimsatanii bahachuu akka qaban komishinar Seeyfaddiin hubachiisaniiru.
Comments are closed.