Walitti bu’iinsa Tigraay Allaamaaxaatti uumameen lubbuun namoota 3 darbe

808

Walitti bu’iinsa Tigraay Allaamaaxaatti uumameen lubbuun namoota 3 darbe

- Advertisement -

Oct 22, 2018

Walitti bu’iinsa kaleessa naannoo Tigraay magaalaa Allaamaaxaatti uumameen lubbuun namoota 3 darbe.

 

Biiroon Qunnamtii Ummataa fi Mootummaa Naannoo Tigraay, walitti bu’iinsichi kan mudate qaamolee eenyummaadhan socho’anii fi humna nageenyaa gidduutti akka ta’t ibsera.

 

Akka biirichi beeksisetti, namoota lubbuun isaanii darbeen ala, humna nageenyaarras miidhan qaqqabeera.

 

Biirichi ibsaa baaseen, gaaffii eenyummaa fakkeessudhaan bu’aa siyaasaa argachuuf jeecha fiigichi taasifamu ulaagaa kamiinuu fudhatama hin qabu jedheera.

 

Miidhaa qaqqabeen naannon Tigraay gadda itti dhaga’ames ni ibsa jedheera biirichi.

 

Qaamolee kallattiidhanis ta’e alkallattiidhan walitti bu’iinsicharratti hirmaatanirratti mootummaan naannichaa tarkaanfiin akka fudhatamu ni  biirichi beeksisera.

 

Comments are closed.