Jilli Eertiraa Preezdaant Isaayyaasin Duurfamu Naannoo Amaaraa Daawwachuufi

1,103

Jilli Eertiraa Preezdaant Isaayyaas Afawarqiidhan duurfamu naannoo Amaaraa daawwachuudhafi.

- Advertisement -

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii naannoo Amaaraa obbo Nugusuu Xilaahuun karaa fuula Feesbuukii isaanitiin akka beeksisanitti Preezdaant Isaayyaas naannoo Amaaraa daawwachuudhaf waliigalaniiru.

Jilli mootummaa naannoo Amaaraa, kaleessa Asmaraatti Sochii Humna Demokraasummaa Amaaraa waliin walargee mari’achuudhan, sochichi gara biyyaa deebi’uudhaf waliigaleera.

Dhiyeenyammoo jilli af yaa’ii Mana Maree Naannoo Amaaratiin duurfamu gara Asmaraa imaluudhaf waliigalameera.

Hariiroo ummata Eertiraa fi Ityoophiyaa cimsuudhafis gorsaa preezdaantii Eertiraa obbo Yemaanaa G/’aab waliin mari’achuu isaanitis obbo Nugusuun eeraniiru.

Comments are closed.