Oct 4, 2018
Akkaataa waamicha mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbattoota siyaasaa biyya aala socha’aniif taasiseen Sochiin Biyyaaleessaa Sidaamaa har’a gara biyyaa deebi’ee jira.
Jilli hoji raawwachiistuu sochichaa Ingilizii fi Ameerikaadha dhufe ganama sa’aa tokkotti Buufata Xiyyaara idil aduunyaa Booleetti Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Proofeesar Afawarqi Kaasunin simatamaniiru.
Sochichi biyya keessatti karaa nagaan qabsaa’uf gara biyyaa deebi’uu isaa proofeesar Afawarqi himaniiru.
Itti Gaaftamaan Dhimma Alaa Addichaa obbo Damboobaa Kiyyaa Naatee akka ibsanitti haala mijatee umaameen jijjiiramoota biyya keessatti dhufaa jiru deeggaruuf gara biyyaa deebi’uu kan murteessan ta’uu ibsuun,sochichi fayyadamummaa ummata Sidaamaf karaa nagaan kan qabsaa’u fi Ityoophiyaa cimtuu ijaaruf karaa nagaan kan socha’u ta’uu ibsaniiru.
Comments are closed.