Hoggansi Gaaffilee Miseensota Raayyaa Ittisaa Dhiyeenyan Hin Hordofin Adda Ni Baafama- Ministeera Raayyaa Ittisaa
Hoggansa miseensota Raayyaa Ittisaa reejmantii kutaa waraanaa 2ffaa Waajjira Ministira Muummeetti argaman gaaffii isaanii dhiyeessanirratti hojiin qulqulleessuu kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksise.
Hojiin qulqulleessuu kunis kan hojjetamu maalif dhiyeenyaan gaaffii miseensota Raayyaa Ittisaa Biyyaa deebisuu fi qaama dhimmi ilaaluf dabarsuu dadhaban kan jedhudha.
Ministirrichi obbo Mootummaa Maqaasaan miseensota reejmantichaa waliin mari’ataniiru.
Obbo Mootummaan gaaffin miseensota Raayyaa Ittisaa sirrii akka ta’e kaasanii, haalli gaaffii isaanii ittiin dhiyeeffatan garuu dogoggora akka ta’ee fi seeraa fi naamusa kan cabse ta’uu himaniru.
Miseensonni raayyaa ittisichaa dirqama baatii tokkoo erga xumuraniin booda, Fulbaana 30 bara 2011 Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahmad dubbisnaan kallattiidhan gara Waajjira Ministira Muummee imaluu isaanii kaasaniiru.
Maalif kallattiidhan gara Waajjira Ministira Muummee akka deeman, dhimmicha hoggansi olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa beekuu fi beekuu dhabuu, Waajjira Ministira Muummee osoo hin qaqqabin dura mariisisuun maalif akka hin danda’amin gaaffii gaaffatamaniif.akkas jedhu.
Hoggansi sadarkaan jiru maalif gaaffii isaanii dafee akka hin deebisin, dhiyeenyaan maalif akka hin hordofin hojii qulqulleessuu ni hojjenna jedhan.
Raayyan Ittisaa Biyyaa naamusaa fi seera kan kabaju waan ta’eef rakkoo walfakkaatan ni mudata jedhanii hawaasni akka hin shakkines dhaamaniiru.
Comments are closed.