Dargaggoonni Xollaayitti leenjii irra turan torbee kanaa gara mana isaanitti deebi’u

419

Oct 17, 2018

- Advertisement -

Finfinneetti rakkoo nageenyaa muudateen walqabatee dargaggoonni too’annoo jala oolanii Xollaayitti leenjii fudhachaa turan  torbee kanaa gara mana isaanitti akka deebi’an ibsame.

 

Dargaggoonni kun rakkoo nageenyaa Fulbaana 2 hamma 8 bara 2011tti umaameen wala qabatee too’annoo jala kan oolanii dha.

 

Janaaralli Komishina Komishinarii Poolisii Federaalaa Zeeynuu Jamaal Faanaa Broodkaastiingi Koorporeetitti akka himanitti,dargaggoota too’annoo jala oolan hanga yoonaattii leenjiwwan garaa garaa kennamuufii ibsaniiru.

 

Xollaayitti ji’a Tokkoof Leenjiin yakka irraa akka of qusatan isaan gargaaru fi kan biroo kennamaafii ture Kamisa dhufu xumurama jedhaniiru Komishinarichi.

 

Loojistikiin barbaachisu guutamnaan Kamisa yookin ammoo Sanbata gara maatii kan deebi’an ta’uu himaniiru.

 

Dargaggoota kanneen leenjisanii gallakkisuu qofa osoo hin taane magaala Finfinnee waliin dubbatamee gurmaa’un haala carraa hojii itti argatan kan mijatuuf ta’uu obbo Zeeynuun ibsaniiru.

 

Rakkoo nageenyaa magaalichatti umaameen dargaggoonni too’annoo jala oolan kuma 1 fi 204 yoommuu ta’an,kana keessaa yakkaan kan shakkaman 83 seeran kan gaafataman ta’a.

 

Comments are closed.