Magaalichatti shakkamtootni garee Sadiin gurmaa’anii yakka raawwachaa turan too’ataman
Oct 26, 2018
Maagala Finfinneetti shakkamtoonni garee Sadiin gurmaa’anii yakka gurguddaa raawwachaa turan too’anna jala olanii galmeen himannaa qophaa’aa jiraachuu isaa Komininiin Ploisii magaalatti beksise.
Itti-gaafatmaan Qunnamtii Ummataa komishiniicha Komaadar Faasikaa Faantaa akka ibsanitti, poolisiin sochii yakka ittisuuf magaalicha keessatti taasisaa jiruun shakkamtoota kanneen seera jala oolchera.
Shakkamtootni garee Sadiin gurmaa’un kutaa magaala hunda keessatti yakka raawwachaa turuu himaniiru.
Hojii hanga yoonaatti hojjetameen namoota 17,konkolaataa 7,shugguxii 8 fi meeshaalee yakki ittiin raawwatamu biro too’annoo jala oolfamaniiru.
Ammatti shakkamtoota kanneen irratti himanni banamuuf akka ta’e komaadarichi eeraniiru.
Gama biraanis daandii tiraafikaa irratti dogongora uumun konkolaachistootni kuma 1 fi 969 malaanmaltummaa laachuf yaalanis poolisiin tiraafikaa seera kabajuun milkaa’uu dhabuu himaniiru.
ji’oottan Sadan darbanitti Shugguxiiwwan 412 fi rasaasni kuma 22 qabamuu Komaadar Faasikaan ibsaniiru.
Gara fuula duraattis poolisii hojii seera kabachiisuu bobba’e cinaa hawaasni dhaabachuun deeggarsa barame taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Comments are closed.