Proojaktoonni tumsa Doolaara biiliyoona 7 ifooman

1,331

Proojaktoonni tumsa Doolaara biiliyoona 7 ifooman

- Advertisement -

Oct 26, 2018

Proojaktoonni tumsa mootummaa fi dhuunfaan anniisaa fi geejibarratti hojjataman 17 ifooman. Proojaktoonni kun  Doolaara Ameerikaa biiliyoona 7n hojjetamu.

 

Kanneen keessaa 14 anniisaarratti, sadan hafanimmoo geejibarratti kan hojjatamani dha.

 

Anniisaarratti kan hojjataman;

 

  • Madda anniisaa Gannaalee Daawwaa 5; meeggaa waatii 469 Doolaara miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 93,
  • Madda anniisaa Gannaalee Daawwaa 6; meeggaa waatii 100 Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 87,
  • Madda anniisaa Camoogaa Yadaa 1 fi 2; meeggaa waatii 280 Doolaara miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 29,
  • Madda anniisaa Haleelee Waraabessaa; meeggaa waatii 424 Doolaara biiliyoona 1.2,
  • Madda anniisaa Daabuus; meeggaa waatii 798 Doolaara miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 84,
  • Madda anniisaa aduu Gaad ; meeggaa waatii 125 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50,
  • Madda anniisaa aduu Diichaatoo; meeggaa waatii 125 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50,
  • Madda anniisaa aduu Maqalee; meeggaa waatii 100 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20,
  • Madda anniisaa aduu Humaraa; meeggaa waatii 100 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20,
  • Madda anniisaa Walancitii; meeggaa waatii 150 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 65,
  • Madda anniisaa Weeraansoo; meeggaa waatii 150 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 65,
  • Madda anniisaa aduu Matammaa; meeggaa waatii 125 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50,
  • Madda anniisaa Huursoo; meeggaa waatii 125 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50,

 

Damee geejibaatin ammoo Adaamaa – Awaash daandin ariitii kiilomeetira 125 Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 40, Awaash – Mi’eessoo daandii ariitii kiilomeetira 72 Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30, Mi’eessoo – Dirree Dawaa daandii ariitii kiiloomeetira 160 Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 45n caalbaasin ba’ee hojiitti ni galamu jedhameera.

 

Daayreektarri Waajjira Tumsa Mootummaa Ityoophiyaa fi Damee Dhuunfaa Dooktar Tashoomaa Taaffasaan FBCtti akka himanitti, bara kana caalbaasin ba’ee hojiitti ni galama.

 

Comments are closed.