Eertiraatti Imbaasin Ityoophiyaa Booru Ebbifamee Hojii Eegala

 Eertiraatti imbaasin Ityoophiyaa booru ifatti banamee hojii eegala.
 
Imbaasichi booru muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin ebbifamee banamuun hojii eegala.
 
Imbaasii Ityoophiyaa Aayarlaanditti ambaasaaddara guutuu kan turan obbo Reedwaan Huseen Eertiraatti ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uudhan muudamuun isaanii ni yaadatama.
 
Eertiraan imbaasiishee Ityoophiyaa Finfinneetti Adoolessa keessa banuun ishee ni yaadatama.
 
Imbaasin Eertiraa tajaajila laachuu eegaleera.
 
Salaamaawiit Kaasaatu gabaase.