Injiinar Simmanyoon maaliif of ajjeese ?

Injiinar Simmanyoon maaliif of ajjeese ?
Kutaa 1ffaa

Hiikaa Margaa

Injiinar Simmanyoo Baqqalaa hoji geggeessaa ol’aanaa ta’uun Hidha Guddicha
Haaromsa Itiyoophiyaa laga Abbayyaa irratti hidhamuuf hojjetamaa jiru erga bara 2002
tii eegalee nama adda durummaan namwaggoota ogummaa isaatiin biyya kana
tajaajilaa turee dha.
Injiinar Simmanyoon nama waggoottan dheeraadhaaf dhiyeessii humna ibsaa biyya
kanaa fooyyessuuf hojjechaa ture yommuu ta’u, muuxannoo pirojektiiwwan gara garaa
irratti argateen hidha haaromsa biyya keenyaa kana akka adda durummaan
geggeessuuf bara 2002 irraa kaasee galfata fudhachuun nama gammoojjii Gubaatti
jireenya ulfaataa geggeessaa turee dha.
Kaayyoon Injiinara kanaa tokkoof tokko dha. Innis ogummaa isaatti fayyadamee
dhiyeessii humna ibsaa biyya kanaa fooyyessuu akka ta’e namoota baay’eetu dhugaa
ba’aaf. Nama kutannoo cimaa qabuuf hojii qabate amanamummaan hojjetu ta’uu isaas
sadarkaa biyyaatti nama dhugaa ba’ameefii dha. Kanas kan nuuf mirkaneessu
waggoottan saglan darbaniif bu’aa ba’ii pirojektii guddaan akkasii qabu kana
danda’uudhaan nuffii tokko malee hidhi haaromsa kanaa akka galma ga’uuf nama
yaalaaa turee dha.
An wayita pirojektiin kun akka jalqabamuuf guutummaa biyyaatti labsame barataa
Yuuniversitii waggaa lammaaffaa ta’een Maqalee Yuuniversitii ture. Wayita sanatti
lammilee biyya kanaatti miira ni dandeenyaatu itti naqame.
Sababnisaa pirojektiin kun gargaarsa maallaqaa biyya alaan kan hojjetamu osoo hin
taane, gargaarsa lammilee biyya keessaa qofaan akka ta’e waluma faana waan
labsameef jecha ija keenya gargaarsa alaarraa kaasuudhaan ofii keenyaa hojjennee
akka xumurru waadaa waliif gallee hojiin kun eegalame.
Kana jechuun yeroo yerootti ykn walitti fufiinsaan qarshiin pirojektii kana hojjechuuf jecha
walitti qabamuu eegale, qotee bulaa, daldalaa, hojjetaa mootummaa fi kan dhuunfaallee
miindaa ji’aa isaarraa qooduun waan kun akka galma ga’uuf agabuu isaa taa’ee qarshii
kana kaffaluu eegale jechuu dha.
Hubadhaa pirojektiin kun kan waggaa shanitti xumuramu jedhamee uummatatti
himameeti kan eegalame.
Haa ta’u jedhamee itti seename, lammileen biyya kanaa hundumtuu qarshii tokkoo
hanga miliyoonaatti walitti buusuu eegalan, kaka’umsi jalqaba tures baay’ee gaarii ture.
Pirojektiin kun kan mootummaa ykn jaarmiyaa siyaasaa tokkollee waan hin taaneef
lammileen biyya kanaa biyya alaaf keessaa jiran hundinuu shakkii tokko malee irratti
hirmaachuun eegalame. Qarshiin jedhames akka baalaatti itti roobuu eegale,
Qarshiin dhimma kanaaf walitti qabamu, hojii hidha haaromsa kanaa waggoottan
shaman jedhamanitti xumursiisuuf jecha malee as keessatti namni dhuunfaan akka
barbaade fedhii dhuunfaa isaaf oolcha jedhees namni yaadeef shake hin jiru.
Sababnisaa pirojektiin kun xumuramee jennaan waa’een hiyyummaa biyya kanaa ni
irraanfatama waan ta’eef hundumtuu abdii guutuudhaan akka sa’a rimaa xumuramuu
hidha haaromsa kanaa eeggachaa ture waan ta’eef.

Adeemsa kana keessatti hojiiwwan tokko tokko dhaabbanni Misoomaa METEC jedhamu
hojiiwwan baay’ee akka hogganuu fi ofii isaas akka keessatti hirmaatu waan taasifameef
rakkoon achitti mudateera jechuu ni dandeenya.
METEC kun dhaabbata Misoomaa Mootummaa Raayyaa Ittisa biyyaatiin hogganamu
yommuu ta’u pirojektiiwwan gurguddoo biyya kanaa hojjechuudhaaf yeroo baay’ee walii
galteedhaan isaa eegalu malee isaa hojjetee xumuru arginees dhageenyees hin beeknu.
Fakkeenyaaf warshaawwan akka shukkaaraa fi xaa’oo bakkeewwan garaa garaatti biyya
kana keessatti akka ijaaramaniif METEC walii galteedhaan fuudhe baay’een isaanii
maallaqa waan kanaaf oolun fixuudhaan mootummaan kasaaraa guddaa dhaaf akka
saaxilamu taasisee jira.
Kun hunduu ta’ee osoo jiruu, ammallee METEC dhaabbanni jedhamu kun hojii fiizikaala
hidha abbayyaa kana akka hojjetuuf Qarshii haadha hiyyeessotaa fi qotee bulaa biyya
kanaa irraa funaaname kana saamsisuudhaaf ta’e jedhamee garee tokko sooromsanii
kaan ammoo hiyyoomsuuf waan qindaa’e fakkaatee mul’achaa dhufe.
Pirojektichi deemee deemee silaa bara 2007 tti xumuramuun kan irra ture darbee
ammallee hanga 2011 tti akka darbu taasifamuun isaa namuu waan kana akka shakku
taasise.
Sababnisaa pirojektiin kun sababa ogeessaanis ta’e hannqina maallaqaan guyyaa
tokkoof illee akka hin dhaabbannne koreen waan kana hoogganu yeroo hundaa karaa
Miidiyaa nutty himaa oola waan ta’eef yeroo jedhametti xumuramuun dirqama isaa ture.
Haa ta’u malee dubbiin akka nuti ala teenyee ilaallu qofa osoo hin taane, waan baay’ee
of keessaa qabdi.
Dubbiin dantaa garee fi dhuunfaa as keessatti hudhaa guddaa hidhi kun yeroon akka hin
xumuramne godhan keessaa isa jalqabaati. Sababnisaa yeroodhuma taa’anii ilaalan
qarshiin waan kanaaf bakkeewwan gara garaa irraa walitti qabaman biliyoonaan waan
lakkaa’amuuf waan dhumus hin fakkaatu, garuummoo waan barbaadameef oolaa waan
hin turreef xumura irratti yeroo bukoon isaa gadi yaa’uu jalqabu namootni baay’een
waan sana keessa turan of sodaachuutti ka’an.
Keessumaa muudamuun Dr.Abiy Ahmed ammoo waan sun akka kanaan duraa
dhoksaadhaan kan itti fufuu hin dandeenye waan taasiseef namootni maqaa pirojektii
kanaatiin saamaa turan akka dhiphatan isaan taasiseera jechuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf itti gaafatamaan METEC duraanii Jeneraal Kinfee Daanyew akkuma MMI
Dr.Abiy muudamaniin dubbittiin kun akka dhuftu waan shakkeef ofii isaatiin aangoo gadi
lakkisuuf waan iyyateef bakka sanarraa jijjiiramee jira.
As irratti wanti nuti jala sararree beekuun nurra jiraatu, yeroo murteessaa kanatti
sanummaayyuu dhaabbata waggaa dheeraadhaaf geggeessaa turan battaluma kanatti
gadi dhiisanii deemuudhaaf wanti nama sardu yoo jiraate, yakka godhaniif itti
gaafatamummaa jalaa baqachuuf akka ta’e daa’imni har’a dhalatteyyuu ni beekti.
As keessatti egaa ammallee Injiinar Simmanyoon hojii geggeessummaa pirojektii kanaa
waan hojjetaniif qarshiin maqaa pirojektii kanaatiin ba’u hunda mallattoo isaanii malee
ba’uu akka hin dandeenyes adeemsi jiru nu hubachiisa.
An kanaaf akka nama dhuunfaa tokkootti soda tokko malee wanti an barreessuu
barbaadu, badii dhimma pirojektii kanaan wal-qabatee uumame hundasaaf keessumaa
dhimma qisaasuma qabeenyaa ilaalchisee mallattoon Injiinara kanaa keessa waan jiruuf
innis dhuma irratti itti gaafatamummaa jalaa ba’aa jedhanii yaaduun gowwummaa dha.

Keessumaa sadarkaa hidhi sun irra jiru isa caalaa namni beeku kan hin jirre waan ta’eef
yeroo warri faayidaa siyaasa isaaniif jecha, pirojektichi 66% irra ga’ee jira jedhan inni
isaanuma faana hawaasa kana burjaajessaa waan tureef sammuun isaa akka jeeqamu
ta’uun isaa oola hin qabu.
Dubbiin MM keenya qabate ammoo akka salphaatti sobaan bira darbuun kan hin
danda’amne waan ta’eef sobanii hawaasa gowwoomsanii jiraachuun akka hin
danda’amne waan baraniif injiinarichi dhiphachuu eegaluun isaanii salphaatti nuuf gala.
Sababnisaa kanaan dura warreen sobanii qarshii pirojektichaa nyaachaa, akka waan
pirojektichi seeraan deemaa jiruutti gabaasaa turan waan jiraniif Injiinarichis wajjinuma
ho’ifatee wajjin sobaa nuunis nu sobaa as ga’e.
Garuummoo Dr.Abiy erga aangootti dhufanii bakka hidha haaromsaa sana deemuun

projektichi maal irra ga’e wayita daawwatanitti kan jedhamuuf kan hojjetame akka wal-
hin fakkaatne arganii waan deebi’aniif dubbiin kanaan duraa burjaajessaaf dantaa

siyaasaaf jecha waan odeeffamaa ture ta’uu hayyootatti himanii turuu isaanii ni
yaadanna.
Kana jechuun dhimmichi baay’ee cimaa ta’uu isaa hubachuu dandeenyeerra. Hubadhaa
dubbiin hidha haaromsa sanaa ajandaa kamiinuu caalaa waan nu barbaachisuuf sobaan
bira darbamuun hin danda’amu.
Dr,Abiy f ammoo dhugaa jiru bakkee baasuun waan baay’eef isaan fayyada.
Sababnisaa pirojektiin kun dafee hin xumuramu taanaa boodarra komatamuun isaanii
waan hin hafneef dubbicha ofirraa baasuun dirqama waan tureef dhugaa isaa bakkee
baasaniiru.
Kanaaf dubbichi naanna’ee naanna’ee kan inni ilaallatu injiinar simmanyoo waan ta’eef
deemee deemee dubbiin gara isaatti dhufaa akka jirtu namichuu of irratti baree jira.
Galfata itti kennames dakatti gatee, qabeenyaan uummataa akka qisaasa’u waan
taasiseef xiinsamuudhaan waan miidhameef yoo of ajjeese hangas nama hin dhibu.

Itti fufa…