Kabaja ayyaana Irreechaa baranaaf qophiin taasifamu isaa ibsame

Kabaja ayyaana Irreechaa baranaaf qophiin taasifamu isaa ibsame

Sep 24, 2018

Ayyaana Irreechaa baranaa nagaan fi haala hoo’aan  kabajamuuf qophiin haal duree taasifamuu isaa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sambatuun ibsani.

 Ayyaana Irreechaa bara kana Fulbaana 20,2011 kabajamu ilaalchisee haayyonnii fi dargagoonni baazaarii Giddu Gala Aadaa Oromootti gaggeessa jiran.

 Ayyaanni bara kanaa wanti adda godhu yeroo jijjiiramni bu’uuraa biyya keessatti dhufaa jiruu fi paartileen morkattootaa ala turan gara biyyaatti deebi’an ta’uu Abbaa Gadaa Bayyanaan ibsaniiru.

 Bulchiinsa maagala Bishooftuu waliinis haala simannaa fi qophii iddoo irratti hojjeetamaa turuu ibsaniiru.

 Yaaddoo nageenyanis walqabatee Foollen kumni Tokko qaama nageenyaa waliin qindoominaan kan hojjetu eeraniiru.

 Hawaasni aadaa waliin jireenya isaa cimsachuun nageenya isaaf waardiyyaa dhaabbachuu akka qabus Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu dhaamaniiru.