Ityoophiyaan filannoof teeknooloojii ashaaraa quba fayyadamuufi

Ityoophiyaan filannoof teeknooloojii ashaaraa quba fayyadamuufi 

Sep 25, 2018

Miseensonni Boordii Filannoo Biyyaalessaa Afur filannoo teeknooloojii baayoomeetrik jeedhamu asharaa qubaan raawwatamu irratti muuxxannoo fudhachuuf gara Zimbaabuwee imaluufi qophaahuun isaani ibsame.

 Dura Teessun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Saamiyaa Zakkariyaa sirni filannoo teeknooloojii Zimbaabuwee ammayya’aa waan ta’eef muuxxannoo irraa qoddachuu qabna jedhaniiru.

Sirni filannoo biyyattiin hordoftu duubatti hafaa waan ta’eef,galmee filannoo teeknooloojii Baayoomeetriik fayyadamuun filannoon gaggeeffamu haqa qabeessa fi amanamaa akka ta’u muuxxannoo biyya Zimbaabuwee qooddachuun dirqama ta’a jedhan Aadde Saamiyaan.

 

Itti Gaafatamaan Boordin filannoo Biyyaaleessa Zimbaabuwee Atolii Silaangwaanaa gama isaanitiin, Boordin filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa muxxannoo fudhachuuf qopha’aa ta’uu isaa dinqisiifachuun, imalli jila miseensoota boordiin, biyyi isaanii filannoo milkaa’aa erga gaggeessite booda kan raawwatamu ta’uun akka adda isa taassiisu ibsaniru.