Bakka buutonni dhaabbilee obbolaa yaa’ii dhaabbattummaa ABUT irratti ergaa dabarsan

Bakka buutonni dhaabbilee obbolaa yaa’ii dhaabbattummaa 13ffaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) irratti argamuudhan ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsan.

Bakka buutonni Sochii Demokraasummaa Saba Amaaraa, Oromoo Demokraatiik Paartii fi bakka buutun Sochii Demokraasummaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa sirna baniinsa yaa’ichaarratti argamuudhan haasaa taasisaniiru.

Bakka bu’aan Sochii Demokraasummaa Saba Amaaraa haasaa isaanitiin, ummanni naannoo Tigraayii fi Amaaraa hariiroo dhalootaa gargar isaan hin baasne akka qaban ibsaniiru.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraayii fi Sochiin Demokraasummaa Saba Amaaraa kaayyoo walfakkaataa qabachuudhan qabsaa’uu fi dhaabbilee of danda’an ta’uu ibsaniiru.

Garaagarteewwan jiran hiikudhaan tokkummaadhaf hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Bakka bu’aan Oromoo Demokraatiik Paartii gama isaanitiin paartin isaanii ummata tigraayii fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay waliin fayyadamtummaa waliinitiif kan hojjetan ta’uu ibsan.

Hariiron Eertiraa waliin eegalame sadarkaa olaanaatti akka cee’uuf paartin isaanii gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Oromoo Demokraatiik Paartiin, Addi Bilisummaa Ummata Tigraay bilisummaa ummattootaa kabachiisuuf qabsoo taasiseef kabaja olaanaa qaba jedhaniiru.

Jijjiirrama akka biyyaatti eegalame itti fufsiisudhaaf dhaabbilee obbolaa; ADWUI waliin kan tumsu ta’uu eeraniiru.

Bakka buutun Sochii Demokraasummaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa gama isaanitiin ABUT sirnoota cunqursaa turaniif osoo hin jilbiilfatin ummata naannichaa of cinaa hiriirsudhaan injifannoowwan argaman akka biyyaatti akka galmaa’an hojjeteera jedhan.

Murteewwan yaa’ichaan darban tokkummaa Ityoophiyaa akka cimsanii fi hojiirra oolmaa isaanitiifis Sochiin Demokraasummaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.