Ayyaanni Irreechaa bara 2011 haala hoo’aa ta’een kabajame

Sep 30, 2018

Ayyaanni Irreecha Malkaa  bara 2011 dhaadannoo “Irrachi Jaalalaa fi Tokkummaaf” jeedhuun bifa hoo’aa ta’een magaala Bishooftuu Hora Arsadiitti kabajame.

Oromoonni miliyoonaan lakkaahaman guutummaa Oromiyarra irraa bobb’an akkasumas biyya alaarraa Bishooftuu Hora Arsadiitti argamanii Ayyaana irratti argamani irreefataniru.

Ganama barii irraa eegalee Abbaa Malkaan durfamuun Abbootiin Gadaa, maanguddoonni, hayyoonni, dubartoonni, shamarraaniifi dargaggoonni Hora Arsadiitti walga’uun irreenfataniiru.

Kana malees, saboota fi sablammoota  kibba keessa bakka bu’oonni Sidaamaa, Alaabaa, Koonsoo, Gaamoo fi kanneen biroos Bishooftutti argamanii irreefataniru.