Lammiilee buqqa’an deggeruuf hojjetamaa jira.

Lammiilee naannoo daangaa Beenishaangul Gumuz irraa buqqa’an deggeruuf qeerroofi ummanni Godina Wallaggaa Bahaafi Wallaga Lixaa hojii boonsaa hojjechaa jiru.
Lammiilee qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii gara magaalaa Naqamtee, Arjoo, Aanaa Saasiggaa, Gimbii, Mandiifi aanota ollaatti qubataniif deggersi garagraa taasifamaafii jira.
Mootummaanis rakkoo nageenyaa uumame furuuf qaama nageenyaa garasitti erguun tasgabbiin akka uumamu taasisaa jira. Hooggantoonni naannoorra jiranis garasitti akka ergaman ta’eera. Lammiilee buqqa’aniifis ummata waliin ta’uun deggersa garaa garaa taasisuun itti fufee jira.
Sababni walitti bu’iinsa kanaas akkuma kana dura ibsuuf yaalle, walitti bu’iinsa duraan uumameen walqabatee namoota naannoo Benishaangul irraa buqqa’anii turan lakkoofsi isaanii kuma 13 ta’u akkaataa qe’ee isaaniitti deebisuun danda’amu irratti kan xiyyeffate ture. Mariin kun Bambaasiitti geggeffame.

Guyyaa itti aanu Fulbaana 16/2011 Magaala Mandii Irratti marii itti fufanii walii galteen xumuran. Marii kana irratti bulchitoota godinaaleefi aanoolee, akkasumas itti gaafatamtoota bulchiinsaafi nageenyaa Godinaaleefi aanaalee ollaa kan naannoolee lamaaniitu irratti hirmaate ture.

Mariin erga xumuramee booda hoggantoonni Benishagul Gumuz irraa dhufan gara godina Kamashiitti osoo deebi’aa jiraanii Maqa Biilaa bakka jedhamtu yoo gahan naannoo sa’aatii 10:30tti humni maqaa WBOtiin hidhatee socho’u konolaataa dhaabsisuun dhukaasa hoggantota kanarrattti bane. Dhukaasa kanaanis Bulchaa aanaa Kamashii dabalatee namootni afur battalumatti du’an. Konkolaatonni 2 namoonni kun ittiin imalaa turanis gubate.

Rakkoon qaqaabe kun yoo dhaga’amu godiinni Kamashii gara jeequmsaatti galte. Walitti bu’iinsi Gumuz Oromoo gidduutti uumame.
Hoggantoonnis ta’ee qaamonni nageenyaa naannoo daangaa rakkoon itti uumame deemuun haala jiru hunda tasgabbeessuuf ciminaan hojjetaa turan. Rakkichis osoo hin tasgabbaa’in itti fufuun sabni Oromoofi Amaara naannoo isaanii keessa jiraniifi daangaarra jiran buqqa’an. Rakkoo uumame kana keessattis lubbuun namaa darbeera, qabeenyi (manni jireenyaa gubateera). Mootummaanis rakkichaaf furmaata kennuf qaama nageenya bobbaasuun rakkon kanaa olii akka hin uumamne ta’aa jira.

Haata’u malee, rakkoo uumame kana keessa gugachuun qeerroo fakkaatanii tasgabbiin akka hin uumamne, namoonni aanaalee nagaa keessa jiranis akka qe’ee isaanii dhiisanii baqatan taasisuuf ololli taasifamaa jira. Kanaaf, qeerroofi hawaasni keenya lammeelii buqqa’anii dhufan kana keessa gugachuun qaama jeequmsa uumuuf socho’u sirriitti adda baafachuu qaba.
Lammiilee Oromoofi Amaara buqqa’anii dhufan naannoo 47,254 olii yoo ta’an, ummanni keenya naannoo sanaa lammiilee keenya kana deggeruuf hojiin hojjechaa jirtan baay’ee kan nama jajjabeessuudha.