Dura taa’aa ADWUI fi Muummeen Ministira FDRI Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii dhaabbatummaa 11ffaa ADWUI irratti ergaa dabarsan keessaa kan fudhatame.
• Yaa’iin dhaabbatummaa 11ffaan ADWUI hiree egeree biyya keenyaa kan murteessu yaa’ii seena qabeessa.
• Kaleessa malee har’a homtuu hin argamne waan ta’eef dhaloota kaleessaa galateeffachuun barbaachisaadha. Nutis boru dhaloota haaradhaan bakka bu’uu keenya dagachuu hin qabnu.
• Ityoophiyaan biyya qabeenya uumamaatin badhaate, haadha hayyoota, dargaggootaa fi daa’immaniiti.
• Itiyoophiyaan biyya guddattuudha, kanaaf hundi keenya kan waliinii fi kan darbe diiguurratti xiyyeeffachuurra ida’amnee hojjechuuf ka’uu qabna .
• Ityoophiyaa ceesisuudhaaf fageessanii yaaduu fi sammuu gaaritu barbaachisa.
• Hangafootarraa muuxannoowwan gaggaarii fudhachuu qabna; Dargaggoonni ammoo dhaloota itti aanuf biyya ceesisuuf beekumsaan hojjechuutu irra jiraata.
• Haala kanaan siyaasa bakka wal buusuu aadaa taasifachuu qabna. .
• Hoggansa bakka bu’u horachaa yoo hin deemin nuti hoggantootaa miti.
• Addunyaatti nuti waan hundaan mataa malee eegee akka hin taane hojiidhan agarsiisuu qabna!
• Hireen Ityoophiyaa amma harka keenya; dhaloota ammaa harka jira.
• Taayitaarratti wal loluu dhiisnee yoo ummataaf duursa laanne, walitti bu’iinsi akka hin jiraanne yoo tumsaan hojjenne, miira tajaajiltummaatin yoo ida’amne, dhaabbileen demokraasii ummata yoo dammaqsan, dhaabbileen siyaasaa yaada kiyya qofatu dhaga’amuu qaba qooda jedhan olaantummaa yaadaatti yoo amanan, Itiyoophiyaan har’aa dhaloota duraa harka osoo hin taane nu harka jirti jechuudha.
• Milkaa’inni keenya kufaatii kaanitiin ta’uu hin qabu; tumsaan biyya ijaaruu qabna .
• Biyyi ijaaramtu kan hunda keenyaa ta’uu waan qabduuf ADWUIn paartilee tumsaa addichatti dabaluuf qorannaan akka taasifamu kallatti ni ka’aa.
• Ityoophiyaan kan hunda keenyaa akka taatu amma cimnee hojjechuu qabna.
• Eenyummaa sabummaa fi eenyummaa biyyoolessaa sirnaan hubachuun barbaachisaadha.
• Duudhaa waliinii jajjabeessudhaan tokkummaa biyyoolessaa cimsuun barbaachisaadha.
• Fayyadamummaa diinagdee, bulchiinsa gaarii, misoomaa, demokraasii, nageenyaa, walqixxummaa, olaantummaa seeraa kabachiisuu, haqni lafa akka qabatu hojjechuuf yaa’iin ADWUI har’a eegalame murtee jajjaboo akka dabarsu eegama.