Guyyaan alaabaa 11ffaa mana mare bakka bu’oota ummatatti kabajame
Oct 15, 2018
Guyyaan alaabaa biyyoolessaa 11ffaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Feedaraalawaatti bakka preezdaant Dr Mulaatuu Tashoomaa fi keessummoonni kan biroo argamanitti kabajameera.
Preezidaan Dr Mukaatuun alaabaa Feedraalawaa Demookraatawaa Itiyoophiyaa fanisaniru. Preezidaantichi sirna kabjaa irratti haasaa taassisaniin; kabaja Alaaban tokkummaa demokraatawa walfedhaan ijaarrameef mirkana waadati jedhaniru. Alaaban wareegama dhalootatiin kan eegamee as ga’he ta’u isaas ibsaniru.
Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Shittaayee Minaalee gama isaanitiin, mootummaan jijjiirrama eegalame itti fufsiisee alaaban biyyattii ulfinaan akka mirmirfamu dirreen siyaasaa biyyattii bal’achaa jira jedhan.
Guyyichi torbee dhumaa baatii Fulbaanaarra Wiixata kabajama.
Guyyaan alaabaa kanaan dura sadarkaa federaalaatti istaadiyamii Finfinneetti kanajamaa turuun ni yaadatama.
Kan baranaa garuu waajjiraalee mootummaatti kabajamee oola.
Kunis amma waliigalteen biyyoolessaa dhimma alaabaarratti uumamutti addabaaba’iitti akka hin kabajamne waan murtaa’efi.
Haata’uutii sadarkaa biyyoolessaatti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti kabajama.