Jilli ABO magaalloota Dirree Dawaa fi Walisotti simatame

Oct 22, 2018

Jilli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) magaaloota Dirree Dawaa fi Walisotti kaleessa ummataan simatame.

Waltajjii Dirree Dawaarratti jilli itti aanaa hayyu duree ABO obbo Araarsoo Biqilaatin duurfamu kan hirmaate yammuu ta’u, Walisorratti ammoo jilli itti gaafatamaa Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) waliigalaa obbo Abdii Raggaasatiin duurfamu ummataan simatameera.

Hoggansi Adda Bilisummaa Oromoo waltajjiiwwan lamaanirrattuu hirmaatan, addichi dhaabbilee siyaasaa nagayaan socho’an kamuu waliin hojjechuu akka barbaadu ibsaniiru.

 

Jilichis ABOn nagayaan siyaasa ummata Oromoo ceesisuu akka barbaadu, ummata kaan waliinis hariiroo ummattummaa cimsuuf hojjechaa akka turee fi ammas hojjechaa akka jiru kaasaniiru.

Jilichi Oromoon saba kaan hin dhiibu, Oromoon saboota biyyattiitif sodaa osoo hin taane abdiidha jechuu isaa miseensi gumii sabaa ABO obbo Yaasoo Kabbabaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Finfinneen magaalaa Oromoo akka taatu addichi kan hojjetu ta’uu jilichi ibseera.

Addi Bilisummaa Oromoo dhiibamee ba’uu isaatin malee waraana filannoo godhateetii miti, fedhii waraanaas hin qabu kan jedhi jilichi; tokkummaan Oromoo amma irra jiru cimee akka itti fufu ni hojjetamaanis waadaa galeera.

Dhaabbilee siyaasa biyyattii demokraatessuuf karaa nagayaatin hojjetan mara waliin addichi kan hojjetu ta’uunis ibsameera.

Jijjiirramni biyyattiitti eegalame akka cee’ums addichi ga’ee mataasaa kan ba’atu ta’uus eerera.

ABO waajjirasaa bakka hundatti kan banu ta’uunis ibsameera.