(Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa)
Qondaaltota motummaa yakka dhiittaa mirga dhala namaafi malaammaltummaan shakkaman keessaa tokko kan ta’an Obbo Geetaachoo Asaffaa hanga yoonaatti to’annoo seeraa jala ooluu hindandeenye.
Mootummaan Federaalaa dhimmicha harkaa qabus gara naanoo Tigraayi deemee nama kana seeraan to’achuuf naannicharraa tumsa argachaa akka hinjirre ibseera.
Hayyoonniifi hooggantoonni paartiilee siyaasaa dhimmi kun dafee furmaata hinargatu taanaan biyya kanaaf yaaddoo guddaa akka ta’e marii BBC waliin taasisaniin ibsaniiru.
Dura Taa’aan Paartii Madrak, Doktar Mararaa Guddinaa, biyyi kun mootummaa tokko jalatti utuu bultuu nama yakkaan shakkite tokko seera jala oolchuuf atakaaroo haganaa keessa seenuun ishee yaaddessaadha jedhu.
“Naannoon Tigraayi Geetaachoo Asaffaa dabarsee seeraaf hinkennu taanaan mootummaa lamatu biyya tokko bulcha jechuudha,” jedhan.
Kanaafuu, dabarsanii yoo kennan gaarii akka ta’e kaasanii, ajaja Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa baase hinfudhadhu jechuun mootummaa biraa uumuudha jedhan Dr. Mararaan.the
Akka isaan jedhanitti kun Tigiraayis ta’e Itoophiyaa rakkoo biraa keessa galcha. Furmaata kan ta’u dhaddacha bilisaarratti dhimmi kun akka ilaalamu gaafachuudha malee dabarsinee hin kenninu jechuun balaa qaba jechuun ibsan.
Kun gara mootummaa lama ta’uutti deema kan jedhan Dr. Mararaan, jireenya lammiilee Itoophiyaa warra kaaniifillee rakkoo guddaa waan ta’eef naannoon Tigiraayi osoo dhimma kanarratti tumsee filatama jedhu.
Dhimma shakkamaa dabarsanii kennuurratti xiyyeeffachuun dura waldhabdee paartiilee, akkasumas naannoofi mootummaa federaalaa gidduu jiruu furuu wayya kan jedhan ammoo Yuniversitii Maqaleetti Barsiisaa Seeraa kan ta’an Doktar Mangistuu Arrafaayineeti.
Akka isaan jedhanitti, biyya tokko dhiisiitii biyyoonni adda addaallee nama shakjame dabarsanii kennaa jiru.
Gama biraatiin Pirezidaantii Paartii Dimokraatawaa Itoophiyaa kan turan Obbo Mushee Sammuu, dhimmi nama yakkaan shakkamee hawaasa bal’aatti maxxansuun golga godhatanii atakaaroo siyaasaa biraa keessa galuun biyya gara hin taanetti akka oofu dubbatan.
Karaa midiyaalee hawaasaa Obbo Geetaachoo Asaffaa dabarfamanii akka kennamaniif ummatni Tigiraay ni morma jedhamus, Obbo Geetaachoon ajandaa ummata Tigiraay mitii jedhu Dura Taa’aan Paartii Mormituu Arenaa Obbo Abrahaa Dastaa.
Kanaafis akka ka’umsaatti kan kaasan, yeroo Obbo Geetaachoon taaayitaa isaanii irraa ka’anii gara Tigiraay dhaqan gaaffiin akkasii ka’uu dhabuu isaati.
”Ummatni Tigiraay dhimma nama dhuunfaa irratti ejjennoo tokko qaba jedhee hin yaadu. Obbo Geetaachoon dabarfamee kennamuufi kennamuu dhiisuun mo’amuu ykn mo’amuu ABUT fi siyaasa saba irratti xiyyeeffate godhamee waan ilaalameefi” jedhan.