Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Alaabaa Biyyattii Kabajuun, Ummata Kabajuudhaa

0 2,024

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Alaabaa Biyyattii Kabajuun, Ummata Kabajuudhaa

Ibsaa Namarraa

Guyyaan alaabaa baranaa Wiixata Onkolooleessa 6, 2010 nikabajamaa. Dhugaa dhaa, biyyattiin Itiyoophiyaa jedhamtuu kuni sirnoota darban keessas alaabaa niqabdii turtee. Garuu alaabaan  sirnii feedralawaa alaabaa sirnoota duurii irraa garaagruummaa qabaa.

Alaaboonni Itiyoophiyaa sirna mootii, sirna dargii darbani fi sirna feedaralawaa amma jiru, halluun isaanii magariisa, keelloo fi dimaa ta’uu isaanitin walfakkaatu. Yaata’uu malee alaabaan biyyattii halluu magarriisa, keelloo fi dimaa qabuu kuuni, bara 1967 hanga 1980 mootuummaa ceehuumsaa dargii, akkasuumas bara 1983 hanga 1987 mootuummaa ceehuumsaa huumnoota mormitoota keessa malee asxaa bifa gara garaa niqabaa ture. Alaabaan haalluu sadii qabuu asxaa malee kan balali’ee yeeroota ceehuumsa kanneen keessa qoofa.

Yeroo sirna mootii, asxaan alabaa irrattii muul’atu, fakkii leenca masqala qabatee tuuree. Leencii fakkii sagnii yahuudaati, Masqlli immoo mal’attoo amantii kirstaanaati. Kaayyoon asxaa kanaa sagniin mootoota, sagnii yahuudaa iraa kan haarkifamuu ta’uu isaa; amantiin isaaniis kiristaanuummaa ta’uu isaa muul’isuu dhaa. Alaabaan kun; saboota, sablammoota fi ummattoota akasuumas lammiiwwan amantii gara garaa qaban bakka hinbu’uu. Egnuummaa, feedhii, seenaa, abdii … saboota , sablammoota fi ummattoota hincalqisuu, Kanaafuu alaabaan, kan warra motoota dhaa malee kan lammiiwwan biyyattii hinturree.   

Mootuummaan dargii, waggootan ceehuumsa kudha sadii booda bara 1980 irratti ijaaramees, alaabaan isaa asxaa niqabaa turee. Asxaan kuun, abdii misooma mull’isuuf qamadii fi hilkaan maashinii haqabaatuu malee, guubbarraa siidaa aksuumii qabaa. Siidaan kuun; sirniichi dargiin ijaaramee, sirna mootoota warra kaabaa umrii kuuma 3 niqabaa jeedhamee amanamuu irratti kan hundayee ta’uu isaa kan ibsuu dhaa.  Saboonni, sablammoonni fi ummattoonnii biyattii hedduu ammo seenaa bara kuuma 3 kana wal hiqoodanii. Knaafuu asxaan alaabaa dargii irratti kaayamee ummattoota Itiyoophiyaa maraaf bakka buu’u hindandahuu.

Saboonni, sablammoonni fi ummattooni gita bittaa sirnoota mootoota fi dargii jala walaba ta’uuf qabsoo waraana dabalatee, tooftaa gara garaan qabsoo cimaa adeemsisuun isaani niyaadatamaa.  Kuufaatin sirna dargii qabsoo kanaan kan argamee dhaa. Qabsoo kana keessa lammiiwwan heeduu ajeefamanii jiruu, hidhaan dararamnii jiruu. Qaamnii isaanii kan midhamees kan salphaan lakkaahamanii mitii. Sababa kanaan alaaboonni sirnoota darbani kan isaan yaadchisan haacuuccaa, ajjeecha, fi dararamaa isaan irratti raawwatamaa turee qoofa.

Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyatti kuufaatii sirna dargii irrati sirna feedraalawaa ofiin of bulchaa walqixxuumman ittiin jiraatan ijaarratnii jiruu. Alaabaan sirna feedaraalawaa, asxaa haariiroo haaraa isaan gidduu jiruu fi abdii isaanii calqiisuu akka qabaatuu seera mootuummaa irratti murteessani jiruu.

Marii yammuu seerri motuummaa kuun qophaahuu adeemsiifamee irratti, dhimmi alaabaan biyyatti maal fakkaatuu qabaa jedhu ka’e, ilalalchi gara garaa dhiyaatee falmiin bal’aa tasiifamuun isaa nibeekamaa. Marii kana irratti ummattoonnii sirnoota darban haaccuucaa keessa tuuran, alaabaa duuraanii jala buuluuf feedhii akka hinqabnee ibsani turan. Warri kuun, yaada alaabaan sirna haraa ijaaramu, alaabaa sirnoota duuraan waliin siruuma kan wal hinfakkaanee ta’uu qabaa jeedhuu dhiyeesanii tuuruun iaasni niyaadatmaa.

Garuu, gara biraatin sirnoonni duraanii sabootaa fi sablammoota irrati haaccuucaa raawachuun isaanii dhuugaa ta’uullee, saboonni, sablammoonni fi ummattooni biyyattii wareera wara Awroopaa of irraa ittisuuf, adda tokkoon walcinaa dhaabatni qabsahuun isaanii dhugaa dhaa. Baroota waliin jiraatan keessa seenaa dansa kna biros walqoodani jiruu. Seenaa dansa walii kana irraa ka’uu dhaan, alaabaan mottummaa feedraalawaa ijaarachuuf adeeman, akkuuma duurii; halluuwwan bu’uura magarriisa, keelloo fi dimaa akka qabaatuu waliigalan. Yaat’uu malee alabaan haalluuwwan bu’uura kanneen qabu kuun, asxaa harriiroo haaraa isaan giduu jiruu fi abdii isaanii calqisuu akka qabuus muurteesani jiruu. Kuuniis seera mootuummaa feedraalawaan mirkanayyee jiraa.

Seerri mootuummaa feedraalawaa kewwata 3 mata duree “Alaabaa Itiyoophiyaa” jeedhu jala:

 

  • Alaabaan Itiyoophiyaa gararraan magarriisa, gidduutti keelloo, jalaan dimaa ta’ee, haandhuura irratti asxaa niqabaa. Haalluuwwan sadden qixxee ta’anii dalga ta’uu.
  • Asxaan biyyooleessaa haandhuura alaabaa irratti kaayamuu, abdii saboonni, sablammoonni, ummattoonni fi amantiiwwan gara graa walqiixxuummaani fi tokkuummaan jiraachuuf qaban kan calaqiisuu nita’aa.

 

Jeedhaa.

Labsiin alaabaa Lakka 654/2001 keewwata 5 “Maaluummaa Alaabaa” jeedhuu jala:

 

  • Alaabaan Ripabliika Deemookraatawaa Feedaraalawaa, birmaduummaa ripabliikaa fi tokkuummaa ummataa feedhii irrattii hundayee kan ibsuu dhaa.

 

Jeedhaa.

Yaata’uu malee gareewwan tokkoo tokkoo; keessattuu, gareewwan abdii sirni duurii nideebi’a jeedhuu qban alabaa mootuummaa feedraalawaa waligaltee saboota, sablammoota fi ummattootaan seera mottumaan mirkanaayee balaaleefachaa jiraachuun isaanii nibeekmaa. Huubadhaa; alaabaa fedaraalawaa kana fuudhachuu diduun, tokkuummaa biyyattii walqixxuummaa sabootaa fi sablammoota irrattii huundayee fuudhachuu diduu dhaa. Tokkuummaan  walqixxuummaa irrattii huundayee kuun, kan tasa argamee miti. Qabsoo saboonni fi sablammooni walabuummaaf tasiisaniin kan argamee dhaa. Heerri mootuummaas bu’aa qabsoo kanaatii. Soochiin, tokkuummaa biyyattii feedhii ummattootaan ijaaramee  diguuf tasiifamuu, feedhii biyyatii diguu ala mitii. Alaabaa feedaraalawaa feedhii fi murtii saboota, sablammoota fi ummattotaan hundaayee fuudhacuu diduunis, tuuffii walaqiixxuummaa fi biliisuummaa saboota, sablammoota fi ummattoota muul’isaa. Alaabicha kabjuun ammo, kabaja saboota, sablammoota fi ummattootaa muul’isaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy