Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Naannoo Keegna Jeequumsarraa Haa’eegnuu

0 385

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Naannoo Keegna Jeequumsarraa Haa’eegnuu

Abbaadidu B.

Bara darbe eegalee nageegni fi tasgabbiin ummata Oroomoo irraa fagaateet ture.  Kuun kan ta’ee irra caalaan   sababa waldhabbii fi walitti buu’insa dangaa oroomiyaa fi  Soomaalee Itiyoophiyaa gidduu umameetini. Waladhabbiin dangaa naannoolee lamaani haaraa mitii. Bara 1997 irratti sababa knaan wlitibuu’insii umamuun isaa niyaadtmaa. Yeroo san rakkoo kana hikuuf   ummanni sagalee akka kennu taasifame ture. Ta’uullee murtiin ummanni saglee isaatin dabarsee kun lafa irtti  naannoo lamaanii daangeessuudhaan fixaanbahu hindandegne. Egaa, wantii kuni bubbuulee bara darbee  tasa walitti buu’insa balaa geessise ta’eet ifaa bahee.

Dhuugaa haasahuuf; walitti buu’insii kuun, ummata lamaan danga irratii jiraatan keesa kan ka’ee miti. Ummattoonni saba lmaan gamaaf gamana jiraatan, meencaa dhaan walhindhoofne, eeboo wal hindarbannee, qawwee walitti hindhuukaasnee. Ummatooni dangaa irra jiraatan walbeekuu; fuudaaf heeruumaan dhiigan walhidhatnii jiruu; ,aadaa walqooduu; afaan wal beekuu; akka algaa osoo hinta’ini akka fiira wal’ilaaluu.

Ummattoonni  dangaa irrattii jiraatan lamaanu, baay’een isaanii hoorsisee buulaa waan taa’aniif,  akkuuma hoorsisee buulaa kamiyyuu bishaanifi marga barbaachaa bakka irraa gara bakatti soochoo’aa jiraatu. Kana keesa, saamica bishaani fi marga irra kan ka’ee waltibuu’insii umamaa jiraachuun isaa dhuugaa dhaa.  Ta’uullee walittibuu’insi kuun akka ammaa haammaatee hinbeeku. Walitti buu’insi horsisee buulaa ummata lamaan giduu tasa umamuu kana jaarsuummaan hiku. Keesstuu ummannii Boornaa waldhabii fi wal’ittibu’insa ummata lamaan giddu umamu ittiin hikuu sirna Nagaa Boorana jedhamuu qabaa. Ummata lmaan gidduu akka waldhabbiini fi walittibu’insi jiruutti, adaan araarriis jiraa.

Amma, haala adaa ummattoota lamaan gidduu ture walfaalleessuun, Oromoonni miliyoona wlkkaa nigahuu jeedhame tilmaaman naannoo Soomaalee Itiyoophiyaa iraa buuqaahanii gara lamii isaanitti baqatanii jiruu. Oromoonni heedduu hidhattootaan ajeefamnii jiruu. Rasaasaan madaahanii kan yalmaa jiraniis baa’yee dhaa. Gara Soomaaleetiinis akkasuummatti kan buqaahanii fi duu’an jiraachuun isaanii nidhagaahmaa.

Amma, Oromoonni martii garaagaruummaa ilaalcha siyaasaa fi amantiin aala lammiiwan  jiruu isaan irraa buqaahaniif gargaarsaa ariifataa dhiyeessaa jiruu.  Kooreen hayyoota, abbootii amntii gara garaa, jaarsoolee biyaa iraa ijaarmee,  hirphaa ummataa sassaabee buqqaatootaaf dhiyeesuuf soochii gochaa argamaa. Oromoota; waan oromoo ta’anif qoofa jiruu isaan irraa buuqaahani deebisanii dhaabuuf proojaktiin qoratamaa jiraachuu isaa dhageegnee jirraa.  Oromoonni marti lammiiwan  jiruu irraa buuqahaniif  arjoomaa jiruu. Oromoonni yeroo rakkoo kana keessa, yeroo yoomiyyuu caalaa tokkuummaa isaanii cimsatanii jiruu. Tokkuummaan kuuni Oromootaaf huumna guuddaa dhaa. Ta’uullee; warri tokkuumaa Oroomoota kanaan  rifatan jiraachuun isaani huubatamuu qabaa.

Kana malees; motuummaan naannoo Oromiyaa, rakkoo dhabiinsa bulchiinsaa qajeelaa, malaamaltuummaa fi kiraa sassaabduummaa salphisiisuuf,  akkasuumas rakkoo  dhabiinsa hojii dargaggoota hikuuf tattaaffii guddaa goochaa jiraa. Tattaaffiin kun bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraa. Tattaaffiin motuummaan naannoo goodhaa jiruu kuuni fi bu’aan argamsiisaa jiruu ummataan fuudhatmaa argatee jiraa. Ummannii fi mootuummaan naannoo yaroo yoomiyyuu caalaa waliigalaa jiruu. Ta’uullee haalli kun gareewwan fi namoota tokko tokkoo hingamachiisne. Keessatuu warrii saamicha lafa irratii bobbaa’anii tuuran, akkasuumas albuuda naannoo hammaarcaa duuroomani, kontroobaandistoonni fi kkf tokkuummaa Oroomootaani fi motuummaa isaan waliin affaan tokkoon haaswuu jalqabuun isanitin  hingmadnee.

Osoo kuun ta’aa jiruu, iddoo tokko tokkoo hiriira jeeqaan walmakamee adeemsiifamaa jiraa. Hiriira magaala shaashamnnee fi Awadaayitti adeemsiifameen lubbuun namoota darbee jirraa.  Haalli kuun  gadda irraa gada dabalee jiraa.

Ummannii orromoo, keessattuu  dargaggoonni hiriirooota amma iddoo tokko tokkoo yaamamaa jiran duuba, warren tokkuummaa ummata Oromoo cimaa dhuufeen hingamadnee; akkuusuumas saamiichi qabeenga  kan isaan iraa hafee jiraachuu isaanii huubachuu qabuu. Warrii kuun kan Oromootaaf quqaman fakkeesani gara dargaggootati dhiyaachaa jiruu. Kaayyoon isaanii tokkuummaa Oroomootaa cimaa dhuufee cabsuu; akkasuumas motuummaa naanoo hoojii misoomaa buu’aa argamsisaa dhuufee irraa gufachisu dhaa.  Qabsoo kiraa sassaabddummaa irraa, keessattuu saamiicha lafaa fi albooda irratii adeemsifamaa jiruu  fashleessuu dhaa.

Naanoon Oromiyaa naannoo jeequumsa ta’uun isaa namuuyyu caalaa ummata Oromoo kan midhu ta’uu isaa oromoonni marti huubachuu qabuu. Jeequumsa isaan midhuu kana, kan ofirraa qoolachuu  dandahan ammoo Oromoota qoofa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy