Artcles

Sirni Feedaraalawaa Biyyattii, Walittibuu’isaaf Fuurmaata Ta’eeraa

By Admin

October 20, 2017

Sirni Feedaraalawaa Biyyattii, Walittibuu’isaaf Fuurmaata Ta’eeraa

Abbaadidu B.

Waggootii kurnan lamaa fi walakkaa duura Itiyoophiyaan biyya walittibuu’insaan ibsamtuu turte.  Walittibuu’insi kuun loola diina alaa dhuufee ykn biyyatti weeraree waliin kan adeemasifame mitii. Gara tokkoon  sabaaf sablammoonni biyyatti, gara biraatiin ammoo motuummaan dargii faallaa dhaabatanii isaan gidduu kan adeemsiifamaa turee. Sababni wlittibuu’insa kanaa  haacuuccaa, dhabiinsa kabaja mirgaa turee. Saboonni fi sablammoonni biyyattii mirga egnuummaa isaanii kabajsiisuuf motuummaa irrati sibila kaasnii qabsoo hidhanoo adeemsisuu jalqban.

Akkuuma beekamu; dhuuma jaarraa 19ffaa eegalee saboonni, sablammoonni fi ummattoonni lafa amm Itiyoophiyaa jeedhamtuu irratii jiraatan huumnaani fi tooftaan sirna mootoota jala akka buulan taasifamani tuuran. Sirnii mootoota ummata huumnaan gabroonfate kuun; saboonnii, sablammoonii fi ummattoonni mirga egnuummaa isaanii seeraan fuudhatamaa  akka hinqabaanne taassiisee ture. Saboonni fi sablammoonni biyyatti mirgoota afaan isaaniitiin tajaajiila mootuummaa argachuu; ijoollee isaanii afaan isaanitiin barsiisuu; adaa isaanii dagaagfachuu; seenaa isaanii qoo’achuu, beeksiisuu fi kununsuu . . . . seeraan dhoowwamani turan.

Dhabiinsa mirga sabuummaa dabalatee, laftii akaakayyuuni fi abaabayyuun isaanii misoomsee ittiin jiraachaa ture jalaa sarbamee, algaa biyya isaan irrati abbaa lafaa ta’eef cisagnaa ta’uuf dirqamani. Saboonni fi sablammoonni, biyya isaan irratti abbaa lafuummaa dhabanii huumnaa fi hoomish isaanii abaa lafaaf akka gabaran tasiifamani. Sirna mootoota keessa; saboonni, sabllammoonni fi ummattoonni biyyatii mirga eegnuummaa isaan waliin lafa isaaniis dhabanii tuuran. Dhabiinsii mirga eegnuummaa fi dhabiinsi abbaa lafuummaa wanta addaan hinbaanee fuula lama  saantiima tokkooti.

Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyatii, haacuuccaa sukkanneessaa kana tole jeedhani hinfuudhannee. Qawaa argatannin mormachaa fi qabsahaa turan. Garuu, mormini fi qabsoon isaanii, yammuu  sababa argatu  tasa ka’ee kan dhaamu tuuree. Qabsoon adeemsifamaa ture, barmaatilee maaluummaa siranicha irrattii hundaahee, gurmuun ijaaramaa haala ittifuufinsa qbuun  kan adeemsifamaa hinture. Aal tokko tasa ifee, osoo essayyuu hingahini kan dhaamuu sababa kanaan ture. Finciila qotee bultoota Baalee, fiinciila wayyaanee duursaa Tigraay . . . waabii qabsoo kanaa ta’ani caqafamu dandahu.  

Yaata’uu malee; qabsoon sabaaf sablammoota biyyatti kun, bubbuulee kallach qabaachaa dhufe. Walkkaa jaarraa 20ffaa kaasee, namoonni taa’itaa sirnch irra jirani fi hayyooleen biyyatti  gaffii mirga sabaa fi sablamii kaasuu jalqaban. Kana irratti gaaffii mirga Oromoota Geeneeraal Taaddasa Birruun ka’ee, akkasuumas waldaa Meeccaaf Tuulama  akka fakeegnatii kaasuun nidandaahamaa.

Kana booda; hayyooleen biyyattii, keessatuu Yuuniivarsitii Haayila sillaasee keessa tuuran haacuuccaa fi gaaffii mirgaa sabaaf sablammoota falasamaan xinxxaalanii, qabsoo haala bittinaayeen adeemsifamaa turee kalacha qabsisan. Bara 1960ffaa keessaa qabsoon barattootaan duurfamuu dhaadanoo Laftii Abbaa Lafaaf  jeedhuun biyyatti mara keesa walqabatee. Sirnii motootas qabsoo kanaan kufe; bara 1966.

Qabsoon barattootta haala gurmaayeen ademsifamaa waan hintuurref, yammuu sirnii motootaa digamuu loltoonni sirnuuma san tajaajilaa tuuran darg jeedahni oof guurmmeessani taa’ita haarka galfatan. Looltoonni  sirnuuma duuraan keessa biqilan kuun, mirga sabaaf sablammoota kabajsisuu hinfeenee. Olantuummaa eegnuummaa saba tokkotin tarsiimmoo tokkuummaa biyyattii egsiisu itti fuufan. Garuu, gaaffii dhaadannoo  Laftii Abaa Lafaaf   jedhuun dhiyaachaa tureef deebiin kenname turee. Garuu laftii kan abbaa biyyaa ta’uun isaa umata fayyadamaa dinagdee taassissuu hindandeegne.

Sirni dargii gaffii mirga saboota, sablammootaa fi ummattoota debisuu wan hinfeeneef qabsoon bilisuummaa sabootaa fi sablammootaa haala guurmayeen fufe.  Addi Biliisuummaa Oroomoo, Addi Biliisuummaa Umata  Tigraay fi kkf yeroo kana dhalatan. Yeroo dargii, dhaabbattoonni sabaan gurmaahani qabsoo sibiila   adeemsisaa turan  digdama ool turan.

Qabsoon bilisuummaa sabaaf sabllammootaan adeemsifama ture kun , biyyattii mara bakkaan gahee. Sababa knaan loolli fi jeequumsii haalli biyyttii kan ittin ibsamuu ta’uuf gahee ture. Waggootiin 17 dargii, yeroo loolaa fi jeequumsa turan. Loola biyyatti mara keessa adeemsifamaa ture kanaan lubbuun lamilee biyyattii heedduu darbee jiraa; lamiileen baay’ee qaama midhamaa taa’ani jiruu; qabeegni biyyatti biliyoonaan shalagamuu barbdayee jiraa. Lamileen haammana hinjeedhamnee qiyee isaan irraa  buqaahani jiru. Biyyattin sadarkaa dinagdeetin egee aduugnaa taate turte. Beelli, wallaaluummaan, dhuukkuubni, hiyyuumaan haala biyyattiin kan ittiin ibsattuu ta’ee ture.

Egaa; sirni dargii qabsoo sibilaa saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyattii adeemsisanin kuufee; Caamsa bara 1983. Kuufaati dargii boruumtaan, biyyattiin karaa lakkuu irratti dhaabbattee. Karaan tokkoo, gara saboonni fi sablammooni fofottooqanii biyya bilisa ofii ittiin ijaaratan kan geessu yammuu ta’uu; inni lammaffaa ammo gara biyya saboonni fi sablammoonni oofiin of buulchaa walqixxuummaan ittin jiraatan kan geessuu ture. Saboonni fi sablammoonni biyyattii, karaa isa lammaffaa filatan. Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyatti sirna feedaraalawaan oofiin of buulchaa walqixxuummaan jiraachuuf heera motuummaa tumani. Kunoo amma sabaaf sablammoonni biyyatti akkaataa heera kanaa sirna feedraalawaa jala bulaa jiru.

Sirni feedraalawaa kuunii, waldhabii fi walittibuu’insa biyyati keesa ture furee nagaa fi tasgabbi buse  jiraa. Gaaffiin egnuummaa ykn gaaffiin oofiin of buulchuu yoo ka’eellee, walittibuu’insi osoo hinumamini akkaataa heera motuummaatin furuun nidandaahamaa. Sablammin Silxxee fi ummanni Qimaant gaaffii eegnuummaa (oofiin of bulchuu ) kaasanii walitti buu’insa malee akkaataa heera motuummaatin fuurmaata argachuun isaani nibeekamaa. Saboota ykn sablammoota naanoon, goddinaan, aanaan ijaarramni oofiin of buulchaa jiran gidduu sababa daangaatin waldhabbiin yoo uumamees, heerri motuummaa akaata fuurmaata itti keennuu qabaa.

Amma walittibuu’insi kan ka’uu dandahu, rakkoo fixaanbahinsa heera motuummaa iraa qoofa. Wlitti buu’insi ummattoota Qimaanti fi Amaaraa, Oromootaa fi Sumaaloota gidduu ka’ee rakkoo fixaanbahiinsa heera motuummaa irraa kan ka.ee.

Waluuma galaatti; sirni feedaraalwaa biyyatti, walitti buu’insaaf fuurmaata argamsise jiraa. Kana malees kabaja mirga saboota, sablammoota fi ummattoota mirkaneessee jiraa. Nageegni fi tasgabbiin wagootii darban digdami jahaa, kanaaf rgaa bahuu dandahaa. Nageegni fi tasgabbiin heera mottuummaan mirknaayee kuun, ummanni biyyatti misooma irratti akka fuulleefatu afuura argamsisee jiraa. Kanaaf waggootii kuudhani fi walakkaa darabn keesa misooma dingdee wala’ansuu galameessisuun dandaahamee jiraa. Guddinni dingdee kuun ammo, misooma fooyyaa’ina jiruu lammileen mul’ate jiraa.