Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Dammaqaa!

0 804

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Dammaqaa!

Ibsaa Namarraa

Haanni kan ol’antuummaa argachu dandahu bakka ol’antuummaan seera hinjirretti. Hattoonni kan dhookatan bosana keesa osoo hinta’ini sirna siyaasaa ol’antuummaa seera kabajsisu hindandeegne keessa. Haattoonni jiraachuuf yeero mara jeeqa barbadu. Biyyoonni jeeqni ol’antuummaa ittiin argate waltajji haannaa fi saamicha ta’u. Fakkeegnaaf; Afgaanistaanin waltajji daldala qorich sammuu adochu taatee turte; ammas kana keessa hinbaanne. Somaliyaan buuttaa galaanaa adugnaa rakkisaa taate bahuun ishii niyadatmaa. Eggaa, namoonni fi gareewwan gocha seeraa aala ta’e kanaan badhaadhan yeero mara nageegni akka bora’u fi ol’antuummaan seeraa akka hinkabajamne barabaadu.

Biyya keegna Itiyoophiyaa keessas gocha seeraa aala ta’een badhaadhuun wanta barame dhaa. Namoonni baay’e daladala kontrobaanditin, weerara lafaatin, sharafa biyya alaa dadabarssuu dhaan . . . yeroo gabaabaa keessa biliiyoonara ta’ani jiru. Namoonni fi gareewwan gocha seeraa aala ta’e kanaan gar malee badhaadhan kun biyyatti keessa ngeegni fi tasgabin akka jiraatu, seerri ol’antuummaa akka argatu hinfeedhani. Yeero mara nageegni akka bora’u feedhu; Iddoon negeegni hinjjiri fi hojii seera kabajsiisa idleetin nagaaf tasgabi too’achuun hindanadaahamne haannaaf mijataa waan ta’eef.

Jeeqni fi walittibu’insi tibbana Oromiyaa keesa uumamaa jiru gocha haattoota fi kiraa sasaabdootati. Oromiyaan naannoo bal’o dhaa. Naannon Oromiya hoomishoota daladala biyya aalaa kan akka bunaa, warqee fi kkf bay’inaan itti argamu dhaa.  Meeshooleen daladala kontroobaandi gara Fifinnee fi giddu gala biyyattitti miliqani liixan gara maraanu Oromiyaa keessa darbu. Lafti naanawaa Finfinne – goddina addaa naanawaa Finfinne bay’e qaalii dhaa. Iddoon kun sadarkaa aduugnaatti gatiin lafaa baay’e qaali ta’an keessa issa tokko. Sharafni maallaqa aalaa magaalaa giddu gala siyaasaa fi daladala biyyatti kan taate Finfinnee irraa ka’e gabaa duukkanaan gara alaa miliqu Oromiyaa keessa darbeeti.   

Egaa, Oromiyaan qabeegni biliyanaan lakkaahamuu hammattee kun, hattootaani fi kiraa sasaabdootaan baay’e kajeelamti. Naannoon dureetti tun haattootaa fi kiraa sasabdoota ishii kajeelan duroomsuu akka dandeettu nageegni ishii bora’u qaba; naannoo ol’antummaan seeraa ittin hinkabajamne ta’u qabdi; biyya jeeqaan uunkuuramtu ta’u qabdi; biyya, hojii seera kabajsisa idletin seera kabajsisuun ittiin hindandahmne ta’u qabdi; yoo kan dandaahamu ta’e yeroo mara  tumaa yeroo ariifaciisaa jala akka bultu ta’u qabdi. Haalli kun haattootaaf mijtaa dhaa.

Akkuma beekamu; Oromiyaan waggooti daraban keessa saammichaaf saaxilamte turte. Lafti nanawaa Finfinnee fi magaaloota gurguddoo kan biro, akka huccuutti meetraan lakaahamaa gurgurmaa ture. Qonnaan bulaan Oromo kaaremeetraan beegnaa jeedhame birri lamaafi saantima 50 keennameef lafa isaa irraa buqqayee maatii isaa walin beelaan dararamaa ture. Maqaa invastmantitin lafti heektaara ibbaan lakkaahamu weerartoota lafaatin qabame faaydaa irra osoo hin’olini dalleefamee akka taa’u godhamaa turun isaas Oromootaaf ifaa dhaa.

Lafti qonnaan bulaa Oroomoo kafaltii begnaa lubbuu ganna tokko ool dabarsu hindandeegneen invastimantif jeedhame fudhatame keessa baay’een isaa hojii irra hin’olle. Lafti misooma investimaniif jeedhamee fudhatame kuun hojii irra waan hin’olleef, ijooleen qonnaan bultoota carraa hojitin fayyadamaa ta’u hindandeegne. Iddoowwan tokko tokko lafti invastimantiif jeedhame fuudhatame dalleefamee taa’e, homishuummaa qonnaan bultoota gadi ta’en tajaajila qonnaaf akka ooluu taassiifame jiraa. Qonnaan bultoonni abbaa lafticha garuu, lafa kana irratitt loon bobbaasulle hindandahni.

Wanti kun daragaggoota Oromiyaa dalansise jiraa. Kana irraa kana ka’e, tasa balaaleefnnaaf addababayi baahani turan. Balaaleeffannaan kun kan dhugaa irra madde ta’ulle, kiraa sasaabdoonni fi mormitoonni sirna heeruummaa mooummaa diguuf dinoota biyyati waliin socho’anin buutame, dargaggoonni Oromo arsaa hinbarbaachisne akka kafalan taasise jiraa. Wanta kana yeero mara gaddaan yaadannaa.

Motuumman nanichaa dargaggoonni balaaleeffannaaf bahani dhugaa qabaachu isaani huubate, gaaffi misooma, carraa hojii, bulchinsa qajeela, sirna haaqaa qajeelaa fi kkf debii keennuuf tattaafachu jalqabe jiraa: bara 2009 eegale. Yeero kana jalqabe mootummaan naannichaa tarakanfiwwan gaaffiile uumataa fi dargaggoota deebisan fudhate jiraa. Bu’aa qabatamaas argamsiise jiraa.

Tarkaanfiwwan fudhatamanin, iddoowwan maqaa invastimantin fudhatamni hojii ala dalleefamani taa’an abootii irraa fuudhatamani fi dargaggootaa hojii dhabiyyeef akka keennaman taassifame jiraa. Mootummaan naannichaa warreen lafa qonnan bulaa irra ciracha hammaaraa waa tokko osoo hinida’nin duuroman irraas lafa fuudhatee dargaggoonni guurmaahani albuuda akka homishan laateefi jiraa. Lafa magaalootaa seeraan ala fuudhatmanis gara baanki lafatti akka deebi’an taassise jiraa. Kiraa sasaabdoota sadarkaa hojii gara garaa irra turan irratti tarkaanfiin bulchinsaa fi seeraa akka fudhatamu godhe jiraa. Kana qoofa miti; dhaabbiile missoma haawaasummaa fi bu’ura misooma, ijaarsi isaani haarkifame fi addaan cite ture, akka ariftaan hojjatamani fi hojiin isaani akka itti fufu taassisee jiraa. Midiyooleen uummataa naanichaa kan akka OBN koomi uumataa osoo hindhooksiini ifaa baasuunis hojii idlee isaani ta’e jiraa.

Sababa kanaan mootummaa naannichaa fi uumata giddu, haala kanaan duura argame hinbeekneen waligalteeni fi wal’amntiin uumame jiraa. Waligalteeni fi wal’amantiin uumtaa fi mootummaa giddu uumamae kun bu’ura ngaa ta’e jiraa. Egaa; nageegni jiraannaan ol’aantuummaan sera akkasumas missomni nijiraa. Gar biraatin nageegni fi ol’antuummaan seeraa haattootaa fi kiraa sasaabdootaaf waan hintolleef issan rifachise jiraa.

Haattoonni fi kiraa sasaabdonni balaa isaan irra dhufe kana taa’ani eegu hinfeenne. Kanaafuu tooftaa adda addaatin nagaa naannichaa booreesuuf ka’ani jiru. Tooftaan jaqabaa, sababa daangaatin walittibu’isa uumu dhaan namoonni akka du’ani fi jireegna isaan irraa akka buuqaahan taassisuu dhaan iddoo seeraan aala bulu uumu dhaa. Tooftaan lammaffaa ammo, dargaggoota goowwoomsani kakkaasudhaan magaaloota keessa jeeqa kaasani qabeegna akka barabadeessan, karaa akka cuufan, saboota biro waliin walittibu’insa akka uuman taassiisu dhaa. Jeeqni kuun naannoo mara keessa babal’ate mootummaan naannichaa ol’antummaa serraa kabajsisu akka hindandeegne tassisuuf yaadani. Kun ammo hojii saamicha qabeegna uumataaf haal mijataa uumaa. Kan baa’ye nama gaddisisu jeeqni fi walittibu’insi kun kana raawwatmu dargaggootaa midhamaa jeeqicha isa jalaqabaa ta’anin ta’u isaati.

Kanaafu; dargaggoonni Oromoo, warreen alaabaa (faajjii) gareewwan seera aala ta’an karaa meeshoolee kontrobaandi itti galfatanin dabarsani jeeqaaf kana isini kakkaasan marti, warra isinif quqaman akka hintaane huubachu qabu. Warreen kuun, kan isin kakkaasan nageegna naannichaa booreessu dhaan, ol’aantuummaa seeraa barabadeessani haala haannaaf mijataa ta’e uumuuf akka ta’ee dargaggoonni Oromoo huubachu qabu. Yaa dargaggoota Oromoo; naannoo keessan haarka keessanin barbadeessitani booda akka hingaabinne dammaqaa. Dammaqaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy