Artcles

Nageeyni Hundee Misoomaati

By Admin

November 15, 2017

Nageeyni Hundee Misoomaati

Ibsaa Namarraa

Ministeerri muummee Haaylamaariyaam Dasaalayn toorbaan darbee yammu gaazexeessitootaaf ibsaa keennanni; Manni maree nageeyna Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa walitti bu’insaa fi jeeqa biyyatti keessa uumamu ittisuuf kaaroora baasee soocho’aa akka jiruu dubbachuun isaani niyaadatamaa. Manni maree Nageeyna rakkoolee nageeyna too’achuuf uumata hirmaachisee akka hojatu fi kuniis uumata mareessissu akka of keessa haammatu ministeerri muummee ibsani jiru. Borumtaan Manni maree Nageeyna Biyyaaleessa Itiyoophiyaa bakka ministeerri muummee argamanitti kaaroora bara 2010 dhiyeesse mariin adeemsifame jiraa. Walgahii kana irratti, hoogantoonni huumna ittisaa ol’aano, hoogantoota ol’aano polisii feedaraalawaa fi naannoolee, preezidaantoonni naannoolee, kantiboonni buulchinsoota magaalaa Finfinne fi Dirre Dawaa argamani jiru.

Dursaan Mana maree Nageeyna Biyyaaleessaa Obbo Siraaj Fageessa ibsaa walgahi irratti keennaniin, kaayyoon walgahichaa rakkoo nageeyna biyyattin amma keessa jirtu gamaagamu dhaan kallatti kaayuu dhaa. Yeroo amma; xiqqaatees guddatees  naannoolee biyyatti mara keessa rakkoon nageeyna jiraachu isaa Obbo Siraaj beeksisani jiru. Rakko kana furuuf Manni maree Nageeyna Biyyaaleessaa huumnoota negaeeyna naannoolee waliin qindaayee akka hujjatu waligalte irratti akka gahamees ibsani jiru.

Manni maree Nageeyna Biyyooleessa kaaroora isaa erga ibsee booda wayyee maalummaa mana marichaa fi kaayyoo isaa irratti ilaalchi gara garaa keenname jiraa. Namonni bay’ee barbaachisummaa Mana mariichaa gaaffii keessa galchani jirru. Kaarroorri Mana marichaa tumaa yeroo arifachiisaa dhaa kan jeedhanis jiru. Rakko nageeyna biyyatti hundee irra buqisuuf kan barbaachisu gaafiilee uumataaf deebi siyaasaa keennu dhaa kan jeedhanis jiru.

Egaa; kaayyoon Mana maree Nageegna Biyyaaleessa Itiyoophiyaa, huumni nageeyna feedaraalawaa fi naannolee qindaahani nageeyna fi tasgabbi biyyatti kabajsisu akka dandahan taassisu dhaa. Manni maree kan ijaarame muxannoo hojii kabajsisa nageeyna irra argame ka’umsa godhu daan ta’uun isaas ibsame jiraa. Kanaafu; Manni mare, huumna fi dandeetti too’anna nageeyna ni cimsaa jeedhameet amanamaa.

Bara 2006 irraa eegalee biyyatti keessa hiriirri mormi jeequumsaan makkamee adeemsisamaa turun isaa niyaadatamaa. Gaaffiin uummanni mormi kanaan dhiyeessaa ture gaaffi dhugaa ta’ulle, hiriiroonni mormi dinoota biyyattitin butamani gara jeequmsa lubbu dabarsee fi qabeeyna uummataa fi dhuunfaa barbadeesanitti jijjiramani turan. Mootummaan, gaaffi uumataa debisuuf tattaafatulle, mormi uummataa fi jeequmsa dhaabsisu hindandeeyne. Jeequmsi kun bara 2009 jalqabaratti huumna ol waan ta’eef labsiin yeroo arifachisaa tumamuun isaa niyaadatamaa; Fuulbaana 28, 2009 irratti.   

Labsiin yeroo arifachisaa ji’oota 10 eerga hojii irra ole booda, Adooleessa 28, bara 2009 ka’e jiraa. Labsiin yeroo arifachisaa kan ka’e haalli nageeyna biyyatti waan tasagabaayeefi. Seekreetaariyaatiin komand posti raawachisaa labsii yeroo arifachisaa Obbo Siraaj Fageessa yammu labsiin ka’u mana maree bakka bu’oota uummtaatif akka ibbsanitti, ji’oota labsiin hojii irra ture keessa; keessattu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa muxannoo fi danadatti nagaa fi tasgabbi kabajsisu gumaachuun danadaahame jiraa. Kana malees huumnoota nageeyna feedraalawaa fi naannoollee giddu muxannoo qindaahani hojjacuu gummaachuun waan danadaahamee rakkoon nageeyna yoo uumamelle salphaan too’achhun akka dandaahamus beeksisni jiru.

Walumagalatti labsin yeroo arifachisaa nagaa fi tasgabi biyyatti gara bakka tureetti debisu dandeessisuu dabalate, muxanno gumaachu dandasise jiraa; keessttu humnoonni nageeyna feedraalwaa  fi naannolee qindoominaan hojjachu irratti muxanno gudda gumaachani jiru. Manni maree Nageeyna Biyyaaleessa muxnnoo  qindominaan hojjachu kana itti fufsisun nagaa fi tasgabi amansisaa uumuuf kan ijaarame dhaa. Kaaroorri Manni maree Nageeyna seera idilee irratti huundaahu dhaan waan raawwatamuf akka  tumaa yeroo arifachisaa kan fudhatamu miti. Waluma galaatti kaayyoon Mana maree Nageeyaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa huumna nagaa fi tasgabbi kabajsisu biyyatti kan cimsu dhaa. Nageeyni hundee jiruu, guddina fi misooma waan ta’eef huumna nagaa kabajsisu cimsachuun barbaachisaa dhaa.