Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Ol’aantummaan Seeraa Haakabajamu

0 878

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Ol’aantummaan Seeraa Haakabajamu

Ibsa Namarraa

Walitti-bui’isi dangaa dawoo godhachun naannoolee Oromiya fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu uumame midhaan isaa ammalle jiraa. Iddo tokko tokko ammas namoota qulqullu irratti haaleellaan raawwatamaa jiraa. Ministeerri Waajira Dhimmoota Kominikeshini Fedraalawaa Dr Nagari Lenco tibbana akka ibsanitti, haaleellaa torbaan darbe keessa godina Guji, Boranaa, Baale akkasumas naannawaa Mooyyaaleetti raawwatameen namoonni 20 ajjefamaniru

Akkuma irradedebi’aan ibsamaa turetti, walitti-bu’insi naannoole Oromiyaa fi  Sumaale Itiyoophiyaa giddu uumamee dangaa sababa yaagodhu malee, sabaabni dhugaa isaa dangaa miti. Walitti-bu’insis uummattoota naannoole lamaan giddu kan adeemsifame miti. Namoonni haaleellaa tibbanaan madaahani hoospitaal cisan akka raga baahanitti, haaleellaan hidhattoota yuniformi ufatani meeshaa waraana jajjaboo hidhatanin kan rawwatame dhaa. Uummattoonni naannoolee lamaan dangaa irratti jiraatan meencaa kaasani waliitti hinbune; eeboo wal hindarabanne; qawwe walitti hindhukaasne.

Sabaabni ol’aana walitti-bui’nsa kanaa feedhii daldala seeraan aala babali’su dhaa. Akkuma beekamu; meeshooleen kontrobaandi gara biyyattitti seenuu, irra caalaan naannoon Sumaale Itiyoophiyaa keessa darbaa. Sharafni biyya alaa seraan alla biyyatti keessaa bahuus irra caalaan karaa naannoo Somaale Itiyoophiyaatin bahaa. Hordooffi walitti-bu’insi erga uumame booda taassifameen, torbaan tokko keessa dolaara Ameerikkaa miliyoonni 2 qabamuun isaa kanaaf raga dhaa. Kana malees; keessattu jimaan godinoolee Haararge bahaa fi Haararge lixaa keessa homishamu, gara biyya alatti ergamu naannoo Sumaale Itiyoophiyaa ceheeti. Akka ragooleen mul’isanitti, guyyaa dhaan jimaa dolaara miliyoon tokko naanno Sumaale Itiyoophiyaa cehee daldala alaaf dhiiyaataa.

Egaa; daldalli kontrobandii fufsisuuf, akkasumas daldala jimaa gabaa alaaf dhiyaattu monoppolii dhaan too’achuf naannoo san keessa seerri ol’antummaa akka dhabu tassisuun dhimma filanno hinqabne. Ol’antummaan seeraa yoo kabajame faayidaa seeraan aala agamu nidhaabataa. Jequmsi ammo ol’antummaan seeraa akka baka dhabu taassisaa. Sababni walitti-bu’isaa kanuma, ol’aantummaa seeraa dhabamsisu.

Walitti-bu’insa sababa kanaan uumameen namoonni haanga ammaa haammam akk taa’ani hinibsamne ajeefamni jiruu. Oromiyaa iddo gara garaa keessa namoonni qayeefi qabeeyna isaan irraa buqaahani miliyoon walakkaa ta’an qubatani argamu. Namoota qayee fi qabaeeyna isaan irra buqqaahaniif garagaarsi nyaataa fi uuffannaan laatamaa jiraa. Daa’imti fi daragaggoonni baramumsa isaan irraa buqaahan garu barauumsa isaan ittifufsisu hindandeeyne.

Buqqaatoota kanaaf uummanni garagaarsa godhaa jiraa. Keessttu uummanni Oromoo daa’imman irraa kaasee haanga dureeyyi, weelistoonni, dhalatoota Oromo biyya alaa jiraatan k,k.f gocha bonsaa fi seena qabeessaa raawwachaa jiru. Halli kun Oromoota giddu, miira tokkummaa garaagrummaa ilaalchaa siyaasaa ool ta’e uume jiraa. Oromoonni akka ammaa afaaninis miraanis tokko ta’ni argamni hinbeekani. Oromoonni raayyaa oof hirraanfatni jiru jeedhamani yaadamanillee nutis Oromoo dhaa jeedhani, lammiile isaanni Oromoo waan ta’aniif qoofa jiruu isaan irraa ari’aman jajjabeessuuf dhufani jiru. Kun wanta seenaa Oromoo keessa yaadatamaa jiraatu dhaa. Tokkummaan Oromootaa kun nageeyna biyyattifis ta’e naanoof gahee guddaa qabaachuun isaa dhugaa dhaa.

Lammiileen kun kan qayee fi qabeeyna isaan irraa buqaahan ol’aantummaa seeraa kabajsisun waan hindandaahmnefi. Haalli amma jiruus, lammiilee buqqaahana kana jiru fi qabeeyna isaani irra deebisni dhaabu kan dandeessisu hinfakkaattu. Kun ammo ammas ol’aantummaa sera kabajsisuun akka hindandaahamne mu’lisaa. Haaleellaan hidhattootaan rawwatamaa jiruus kanuuma mirkaneessa. Naannoo Sumaale Itiyoophiyaa keessa namoota yakka walitti-bu’insa waliin walaqabatuun shakkamani 38 keessa hanga amma kan too’anna jala oolan 5 qoof ta’uun isaa tibbana ibsame jiraa. Isaan kuniis huumna nageeyna naannootin osoo hinta’ini polisi feedaraalawaatin kan too’ana jala oolan. Halli kun laafinsa mootummaan naannoo Sumaale Itiyoophiyaa seera kabajsisu irratti qabu agarsisaa. Akka dhabinsa feedhiis ilaalamu dandahaa.   

Kana malees; barattoonni Oromoota yunivarsiti Jigjiga gara yunivarsitoota naanoolee birroo keessa argamanitti akka jijjiraman tassifame jiraa. Barattoonni Sumaale yunivarsittota Oromiyaa keessa barachaa turanis gara yunivarsitti naannoolee biro akka jijjiraman taasifame jiraa. Haalli kun mootuummaan feedralawaa ammlle ol’aantummaa seeraa kabajsisu akka hindanadeyne mu’lisaa. Kun ammo buqqaatoota gara jirruu isaani deebisuun wanta hindandaahmne ta’u isaa mirkaneessa. Walumma galatt;i dandeettiin ol’antummaa seerra kabajsisu mootumma feedraalawaa  shakki irra bu’ee jiraa.

Mootumaan naannoo Oromiyaas ta’e Sumaale Itiyoophiyaa buqqaaatootaa gara naannoo isaanitti baqatan, gara jiruu isaani deebisani dhaabu hindandaahani; naannolee lamaan giddu waligalateen yoojiraate malee. Ol’aantuummaa seeraa kabajisuudhaan yakki lammata akka isaan irraa hinraawatamne mirkanesse buqqaatoota bakka duraan itti jiraatanitti debisani dhaabuun qooda mootummaa feedraalawaati. Hanga ammaa mootummaan feedaraalawaa kana godhu waan hindanddeyneef, buqqaatoonni gara jiruu isaani deebi’u isaan irratti abdi kutachaa jiru.

Naannooleen buqqaatoonni iiti baqatan garu, lamilee isaanni naannoo isaan keessa qubatani jiru haaraa akka jalqaban taassisu nidandahu ta,aa. Tibbana Obbo Lammaa Magarsaa preezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa akka ibasanitti, lamileen qayee fi qabeenya isaan irraa buqqaahan fedhii mataa isaanitin nageenyi isaani mirkanaayee bakka barbaadan akka jiraatan hojiin cimaan hojjetamaa jira. Haaluma kanaan lammiilee qayee fi qabeenya isaan irraa buqqaahan Oromiyaa bakka adda addaa keessa akka qubatan ni taassifama jedhun isaani kana mul’isaa.

Buqqaatoota naannoo dhaloota isaanitti qubachissun rakko barana nuqunname darbuu nidandeessisaa ta’aa. Rakkoon haala kanaa furamun isaa garuu walitti dhufeeyna saboota lamaan (Oroomootaa fi Sumaaloota) giddu godaannisa dhisee darbuun isaa waan hin’olle ta’un isaa hubatamu qaba. Kanaafu; mootumman feedraalawaa ol’aantummaa seeraa kabajsisu dhaan uummattoota saboota lmaan giddu araara buse, buqqaatoonni gara mana fi qabeeyna isaanitti deebi’ani haala nagaan itti jiraachu dandahan uumun irraa egamaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy