Artcles

Sadaasa 29; Guyyaa walqixxuummaa, tokkuummaa fi obboleeyyummaa

By Admin

November 22, 2017

Sadaasa 29; Guyyaa walqixxuummaa, tokkuummaa fi obboleeyyummaa

Ibsa Namarraa

Dhuma ji’a itti jirru kana irratti; Sadaasa 29, bara 2010 guyyaan saboota, sablammoota fi uummatoota 12ffaa naannoo Afaar magaala Samaraatti nikabajamaa. Guyyaan saboota, sablammoota fi uummttoota bara baraan kabajamulle, iddo tokkotti yokin nannoo tokkotti hinkabajamu. Naannoleen wal’irra fudhachaa ayyaanich kessummessu. Barana naannoo Afaaritti kan kabajamu dabalate, hanga ammaa naannooleen saglanu carraa ayyaanicha kessummessu argatani jiru. Bulchinsi magaala Finfinnees carraa kana qoddate jiraa. Amma kana hafe yo jiraate bulchinsa magaal Dirre Dawaa qoofa.

Guyyan ayyanni saboota, sablamoota fi uummattoota ittin kabajamu Sadaasa 29; guyyaa heerri mootummaa Ripablika Demokraatawaa Fedaraala Itiyoophiyaan itti ragaahe dhaa. Heerri mootummaa Itiyoophiyaa saboonni, sablammoonni fi uummattoonni ofiin oof bulchaa,  abbaa ango birmaduummaa biyyatti taa’ani tokkummaa walaqixxummaan jiraachuuf wada kan itti senani dhaa. Itiyoophiyaan ammaa, akkaataa heera mootummaa kanaan ijaaramte, akka mootumoota duraanii kan huumnaan ijaaramtte fi huumnaan egamtu miti. Itiyoophiyaan ammaa biyya tokkummaa lafaa osoo hinta’ini, biyya tokkummaa uummataa kan qabdu dhaa. Kanaaffuu heerri mootummaa gudunfaa tokkummaa biyyattiti. Heerri kun yoo digame, gudunfaan tokkummaa waan hikamuuf biyyattin nijigdi.

Heerri mootummaa tokkummaan biyyatti ittiin gudunfame kun, saboota, sablammoota fi uummattootaaf qaama birotin tumame kan laatame osoo hinta’ini, saboonni, sablammoonni fi uummattoonni biyyatti, tokkummaa walaqixxummaa qabuun walitti nujiraachisu danadahaa jeedhani walagorfatan kan tumani dhaa.

Saboonni, sablammonni fi uummattoonni, sirnoota darban keessa enymuummaan isaanni  ukkaamamee haacuuccaa sukkannessaan mataa akka gadi qaban dhibamaa turantu heera mootummaa kana tuman. Kufaati dargi borumtaan Waxabajji 24, bara 1983, dhaabbattoonni qabsoo sibilaatin dargi kufisani, carraa isaanii fulduraa murteessuuf galma tokko keessa waliti dhuufani mariif taa’ani. Mari kana irratti fofottoqani biyya xixiqqaa ofii isaani ijaarachu irraa, ofin of bulchaa walaqixxummaan waliin jiraachuuf wali galan. Akkaataa waligalte kanatti mootummaa ceehumsaa ijaaratani yeroo cehuumsa kana keessa heera walaiin jiraachuuf waadaa ittin seenan tumani.

Heerri mootummaa kun koomishinii wixineessaa dhaabileen mootummaa ceehuuma ijaaratan marti ittiin hirmaataniin fi ogeessoota gahuumsa qbanin degaramuun qophaaye. Wixineen heera mootummaa jalaqbaa gara uummata biyyattiif qajeelfame. Uummanni biyyatti umriin isaani 18 ol ta’an miliyoon 20 ool ta’an wixnee kana iraatti keyytaa keeyyataatin mari’atani wantoota itti dabalamu qab fi, iraa haqamu qabaa jeedhanin dabaalani debisani ergni. Komishiniin qopheessaa wixnee, wixne heericha yaada uumataan keennameen gabisee, yeroo lammaffaaf uumaanni akka itti mari’atu gara uummataatti qajeelche. Uummaniis akkumma duraani wixnee irratti mari’ate yaada gabbisu waliin deebisee erge.

Wixneen heera mootummaa haala akkanaan marii uumataan gabbatee qophaayeee. Kana boda gara sadarkaa ragahuutti ceyee. Heerri kan ragaayye komishini qophessaan osoo hintaini, bakka bu’oota uumataatini. Ummanni wixne heerihcaa irratti mari’ate gabbisee, haala hirmaachisaa, ifaa, bilisaa fi demokraatawaa ta’een bakka bu’oota mana mare raggaasiisa heera mootummaa filate. Mani mare heera mootummaa ragaasissuf uumataan bakka bu’e, wixnee heerichaa irratti keeyytaa keeyytaan mari’achaa sagalee caalmaan dabarsaa dhuuma irratti heericha raggaasise. Heerri mootummaa uumtaan gabbatee Sadaasa 29, bara 1987  bakka bu’ota uummataan ragayee kun waadaa tokkummaa walaqixxummaan jiraachuuf saboota, sabalammotaa fi uummattootata giddu seename dhaa. Guyyaan saboota, sablammoota fi uummattoota Sadaasaa 29 akka kabajamu kan murtayee kanaafi.  

Kaayyoon guyyaa saboota, sablammotaa fi uummattota; tokkummaa fi obboleeyyummaa cimsachu dhaa. Guyyaa kana irratti saboonni, sabalammonni fi uummattoonni biyyatti marti, haala aadaa isaani calaqisuu fi beksisuun bakka tokkotti walitti dhufu. Haala kanaan aadaa walbaru; waldinqifatu. Kun ammo carraa tokkummaa fi obboleeyyumaa ittin cimsu danadahan argamasisaa.

Guyyaan saboota, sablammoota fi uummattoota giddu tokkummaa fi oboleeyyuummaa  cimsuu kaayyefate kabajamu kun bu’ura heera mootummaa qabaa. Heerri mootummaa; mootummaan feedraalawaa sabootaa fi sabalammoota giddu tokkummaa fi oboleeyyummaa cimsachu akka qabu ni ibsa. Heerri mootummaa fedaraalawaa matadure Kaayyoowwan Siyaasaa jeedhu jala keeyyata 88, lakkoofsa 2 irratti; Mootummaan eenyummaa saboota, sablammoota fi uummattoota kabajuu fi kanuma  irratti huundaahu dhaan giddu isaanitti walqixxummaa, tokkummaa fi obboleeyummaa cimsu qaba jeedhaa. Keeyyanni kun heera mootummaa feedraalawaa qoofa irrati osoo hinta’ini, heeroota mootummootta naannolee irrattis niargamaa. Waluma galatti; guyyaan saboota, sabalammota fi uummattoota bara baraan Sadaasa 29 kabajamu, guyyaa walaqixxummaa, tokkummaa fi obboleeyyummaati.