Carraan Buqqaatoota Maal Ta’u Qabaa?
Ibsaa Namarraa
Waggaa haaraa barana abdi fi gaddaan eegalle, Abdiin, barri bara ol’aantummaa biyyattiti kan jeedhurraa madde. Gaddi ammo sababa daangaatin walitti-bu’insa naannoolee Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu uumamen buqqaati lamilee kuma ibbaan lakkaahaman fi dhabinsa lubbu lammilee lakkoofsi isaani hammana jeedhame haanga ammaa hinibsamne irraa kan madde. Akkuma irra dedebi’aan ibsameetti, maddi walitti bu’insa kanaa dangaa miti. Walitti bu’insi damgaa irraa fagaate, magaala guddo naannoo Sumaale Itiyoophiyaa Jigjigaa irraatti akkasumas gara naannoo Oromiyaa magaala Haararge bahaatti giddu gala daldala jimaa taate Awadaayitti uumamun isaa kana mirkaneessaa. Barruun kun, carraa buqqaatoota irratti waan fulleefatuuf, waayee sababa walitti bu’insa gaafa biraatif haabulchinu.
Sababa walitti-bu’insa kanaan lammiileen kuma ibba 5 ta’an jiru isaan irraa buqqaahuu isaani dhageeyne jirraa. Ta’ulle, hanga ammaa lakkoofsi buqqaatootaa haammana jeedhame qaama mootummaa dhimmi isa ilaalun hinibsamne. Qaamooleen mootummaa feedaraalwaa, dimshaashumatti kuma ibbantaan lakkaahaman jechaa jiru. Gara mootummaa naannoo Oromiyaas hanga kuma ibba shan kan jeedhu ala lakkoofsi murtaahe hinibsamne. Midiyaaleen Oromiyaa lakkoofsi buqqaatoota kuma ibba 6 akka ta’e ibsaa jiru. Mootummaa naannoo Sumaale Itiyoophiyaas yoo ta’e, gara isattiis buqqaatoonni akka jiran ibsu taree, lakkoofsi buqqaatoota hangam akka ta’e hanga ammaa hinibsine. Kunis ta’e sun, lakkoofsi buqqaatootaa hanga kuma ibba 5 nigahaa kana jedhu fudhatama qabaa.
Buqqaatoonni kun yeero ammaa iddoolee godinaalee bahaa fi lixa Haararge, Arsi lixa magaala Shaashamnne, akkasumas magaala Finfinne Univarsiti Rift Vaali keessa gargaarsa lubbu baraarsa argachaa qubatani jiru. Buqqaatoonni kun haala kanaan kana caalaa jiraachu akka hinqabne ifaa dhaa. Buqqaatoonni gara jiru idle isaani debi’u qabu.
Mootummaan feedaraalawaa ijjanno dhima kana irrati qabu gara ministeera mummee Haaylamaariyaam Dasaalagn ibsaa turun isaa niyaadatamaa. Ijjannoon mootummaa feedaraalawaa, buqqaatoonni gara jiru isaanitti debi’u qabu kan jedhu dhaa. Yaata’u malee hanga ammaa garaa Komishini Gaggeessa Hojii Ittisa Balaa fi Qoophaa’ummaatiin garagarsa nyaataa dhiyeesu ala wanta qabatamaan raawwatame hinmul’atu. Garuu, uummaanni Oromoo – hoojjattoonni mootummaa fi dhaabilee dhunfaa, artiistoonni, atleettoonni, abootin qabeeyna . . . buuqqaatoota dhaabuf maallaqa walitti qabu dhaan tattaafachaa jiru. Kna malees iddo buqqaatoonni itti argaman deemani jajjabeessaa jiru. Maalqa buqqaatoota deebisani dhaabuuf barabachisu walitti qabuuf artistoonni Oromoo konsarti Lammii Lammiif jedhu qoopheessani turan. Haala walafakkaatun atleetoonni oromoos figicha ol’aano hanga namoota kuma 50 hirmaachisuu qopheessaa jiru. Hnga ammaa qarshin miliyoona ibba 4 walitti sassaabame jiraa.
Gochi uummata Oromoo kun dinqisifamaa fi iddoo biraatiis akka fakkeeynatti kan fudhatmu dhaa. Ta’ulle wanti kun midiyaale fedraalwaa fi dhunfaan uuwwisa gabaasa hinarganne. Haalli kun uummata Oromoo kan komachise natti fakkaataa. Kanaafu; walitti dhufinsa uummatoota biyyati maraaf jeecha, osoo itti yaadame garii natti fakkaataa.
Mootummaan naannoo Sumaale Itiyoophiyaas tibbana buqqaatoota naannoo isarraa gara Oromiyaatti baqatan akka debi’an waamicha godhe jiraa. Preezidantin nannoo Obbo Abdi Mahaamud Umar ibsaa tibbana midiyaaf keennannin, feedhi buqqaatoonni gara jiru isaani akka debi’an qaban beksisani jiru. Fedhiin naannoon fi preezidaantichi kan fudhatamaa qabu fi uummata Itiyoophiyaa mara kana gammacise dhaa.
Dhaamsi Obbo Abdiin dhiyeesani gaarii ta’ulle; lammiilee jiru isaan irraa buqqaahan kuma ibbaan lkaahaman gara jiru isaanitti akka debi’an kakkaasuuf gahaa natti hinfakkaatu. Obbo Abdiin waayee haalleellaa fi ajjechaa meshaa waraanattin deegaramaa ammallee raawwatamaa jiru ilaalchise homaa hindubbanne. Haaleellaan kun akka addaan hinccinnee ragooleen dangaa naanoolee lamaan irraa argaman nimul’isu. Kana malees; namoonni buqqaati lammiilee kuma ibbaan lakkaahamni akkasumas dhabinsa lubbu namoota hanaga ammaa meeqa akka ta’an hinibsamnee keessa haarki isaani jiraa jeedhamni shakkaman too’anna seera jala olchu irratti qawaan bal’aa jiraachhun isaa ifaa dhaa. Namoota yakka kanaan shakkaman 39 keessa hanaga ammaa kan too’anna seera jeela olan namoota 5 hinccaalani. Obbo Abdiin ibsaa tibbana keennanin waayee kana ilaalchise, shakkamaan tokko huumna nageeyna naannootin qabame gara mootummaa feedaraalwaatti darbee keennammu isaa ala hommaa hinjeenne.
Wantoonni kun lammiileen jiru isaan irra buqqaahan, bakka buqqaahanitti deebi’uf waabi nageeyna akka dhaban taasisuun isaani ifaa dhaa. Feedhiin mootummaa feedraalwaa fi naannoon Sumaalee Itiyoophiyaa lammiilen buqqaahan gara jiruu isaani akka debi’an taassisuuf qaban qoofa, buqqaatoonni feedhi isaanitin akka debi’an kakkaasuuf gahaa akka hintaane hubatamu qabaa. Kanaafu; tarkaanifileen qabatamaa buqqaatoota bira waabi nageeyna uumuu danadahan fudhachuun murteessaa dhaa.
Gara naannoo Oromiyaatinis hojiin lammiilee jiru isaan irra buqqaahani gara iddo dhaloota isaanitti baqatan garagaaru fi abdi isaani dagaagsuf raawwatame dinqisifamaa ta’ulle, buqqaatoonni gara jiru isaanitti akka debi’an miraan qopheessu fi kakkaasu irratti qawaan nimul’ataa. Lammiilee jiru isaan irraa buqqaahan kana dirqisani debissuun kan hindandaahmne fi seeraanis kan fudhtamaa hinqabne ta’ulle; filannoon dursaa, buqqaatoonni gara jiru isaanitti akka debi’an tassisu ta’un isaa hubatamu qabaa. Gara naannoo Oromiyaatin kana irratti laafinsi nimul’taa. Kan adeemsi mul’achaa jiru, buqqaatoonni akka deebi’an miraan qopheesu fi kakkaasu osoo hintaini, Oromiyaa keessa jiru haaraa akka jalaqaban dhabu dhaa.
Namoota kuma ibba 5 jiru haaraa irratti dhaabuun wanta salphaa akka hintaane hubatamu qabaa. Qarshiin biliyoon 1.5 buqqaatoota dhaabuf nigahaa jedhame ibsamaa jiru, lammiilee buqqaahan jiru haaraa irratti dhaabuuf gahaa natti hinfakkaatu; qarshiin dachi heeddun kan kana caalu nibarbaachisaa. Buqqaatoota kanaaf hojii uumuuf akkasumas iddo jiru (mana jireeyna) mijeessuun maalaqqa fi qaama hojii raawwachiftu caasaa bl’aa qabu, baasii guddaa gaggessa hojii nibarbaadaa. Kun carraaqqi dargagoota hojii dhabiyyeef hojii uumuuf godhamaa jiru irratti dabalame haala rakkisaa fi xaxaa ta’e uumuunn isaa waan hin’olle.
Kanaafu; haalli mijataa kan jiru yoo ta’e buqqaatoota gara jiruu isaani deebisun filatamaa dhaa. Buqqaatoonni deebi’u dhabuun isaani nagaa fi walitti-dhuufeeyna eegree uummattoota naannoolee lmaan irratti goddaanisa dhisee kan darbu ta’un isaas yaadatamu qabaa. Adeemsi mootummaan feedraalwaas ta’e mootumoota naannoolee Oromiyaafi Sumaale Itiyoophiyaa, haala buqqaatoonni gara jiru isaanitti debi’u danadahan mijeessu irratti kana fulleefate ta’u qabaa.