Guyyaa Waligalte Tokkummaa Walqixxummaa
Ibsaa Namarraa
Jimaata dhufu, Sadaasaa 29, bara 2010 guyyaan saboota, sablammoota fi uummattoota Itiyoophiyaa naannoo Affaar magaala Samaraatti nikabajmaa. Ayyaana kana irratti yoo xiqqaate jiloota aadaa saboota, sablammoota fi uummattoota namoota kuma 3 ool haammatan nihirmaatu. Kanaafu; ayyaanni sabootaa fi sablammoota ayyaanoota uummataa biyyatti keessa kabajaman mara irra caalaa o’aa dhaa.
Dhiyeessaan barru kanaa, kanaan duura guyaa saboota, sablammoota fi uummatoota 8ffaa naannoo Itiyoophiyaa Sumaale magaal Jigjiga kabajamre irratti hirmaachuuf carraa argadheen ture. Yeero san miseensoonni jiloota sabaaf sablammootaa ayyaana irratti hiraamchhuf gara Jigjigaatti imalan, ganda manoota aadaa sumale ibbaan lakkaahaman qabu irraatti guyyoota afuurif qubatani turan. Miseensoonni sabootaafi sablamoota gara garaa ayyaana irratti hirmachuuf ganda tokko irratti qubatan kana giddu feedhin walabaru, walakabju fi obboleeyyummaa mul’ate wanta dagachu hindandeyne takka. Gandi kun, Itiyoophiyaa tokkummaa garaagarummaa qabdu kan calaqisu ture. Ityiyoophiyaan saboonni, sablammoonni fi uummattoonni heera mutummaatin waadaa galani ijjaaratan ganda kana fakkaatti.
Guyyaan saboota fi sablammoota barana naannoo Afaar magaala Samraatti kabajamu, waggaa afuur duura Jigjigaatti kabajame waliin kan walfakkaatu natti fakkaataa. Magaalli Samaraa, akkuuma Jigjigaatti godhame ture, ganda manoota aadaa afaar qabu ijaarte keessuumoota simachuuf qophofte jirti. Gandi sabaaf sablammoonni biyyatti ittin qubatan kun guyyoota sadiif tokkummaa garaagarummaan midhagee, Itiyoophiyaa xiqqiittii ta’aa.
Egaa; Itiyoophiyaan biyya sabaaf sablamoonni gara garaa ittin jiraatan taatulle, sirnoota motootaani fi dargi looltoota keessa, enyummaan sabootaa fi sablammoota seraan fudhatama akka dhabu godhame ture. Sirni mootoota enyummaa sabootaa fi sablamoota gara garaa barabadesse Itiyoophiyaa sabuummaa tokko qabdu uumuuf kaayyeefate ture. Kufaati sirna kana boodas dargiin kaayyoo’uma sirna mootoota cimsee fixaan baasu fufsise ture. Kaayyoon Itiyoophiyaa sabummaa tookko qabdu ijaarun kun jaarraa tokko ool hiji irra ture.
Yeero kana keessa, saboonni fi sablammoonni biyyatti, biyya ofi isaani keessa tajaajila mootummaa afaan isaanitin argachu dhowwamani turan. Ijoollen isaani afaan isaanitin barachu akka hindandeyne taassifame ture. Adaa fi dhudaan isaani akka tuffatame godhame, eynummaa isaanitin akka salaphatan taassifame ture. Yeero jiru isaani gara magaalaatti jijjiran, keessatu yeero hoji mootummaa qaxaraman enyummaa isaani dhoksuuf maqaa isaani jijiruf dirqmani turan.
Kana qoofa miti; sirni mootoota dangaa lafa bittaa isaa babal’isuuf, lafa saboota fi sablammoota humnaan qabate irrtitti mirga abbaa lafummaa isaani dhabamsise ture. Sabaaf sablammoonni lafa akkaakileen fi abaabileen isaanni jaraa heedduuf ittin jiraatan irraa sarbame xisanyaa abbaa lafaa ta’uuf dirqamani. Kun ammo hiyyuummaa sukkaneessaaf isaan saxilbaase ture. Hala kanaan biyyattin Itiyoophiyaa jeedhamtu mana hidhaa sabaaf sablammoota taate turte.
Haata’u male sabaaf sabalammoonni biyyatti hala sukkanneessa kana tole jedhani hinfudhane. Haala yeeroon heeyyameen qabasahuuf tattaafatani jiru. Qabsoon jalqaba isaan taassisaa turan, tarsimmo kan hinqabanee fi hala hingurmoofneen ademsifamaa waan tureef, bu’aa argamsisu hindandeeyne. Qabsoo qonnaan bultoota Baale, qabsoo wayyaanne Tigraay dursaa fi k.k.f akka fakkeenyaatti fudhatamu dandahu.
Garuu; bubbulle, keessttu waggootan 1960 walakkaa irratti, qabsoon sabootaa fi sablammoota haala gurmaayeen, tarsimmo irratti hundaaye ademsifamu jalqabe. Yeeroo sirna dargi dhaabbileen sabaan ijaaraman qabso hidhannoo adeemsisaa turan 20 ool ta’un isaanni niyaadatamaa. Qabsoon hidhannoo sabootaa fi sablammootaan biyyatti mara keessa adeemsifamaa ture kun, bara 1983 ji’a Caamsa sirna dargi lammata akka hindebine godhe barabadesse.
Ityoophiyaan ammaa; saboota, sablammoota fi uummattoota qabsoo hidhannoo admsisani sirna dargi barabdeessanin ijaaramte dhaa. Ityiyoophiyaan ammaa; biyya saboonni, sabalammoonni fi uummattoonni feedhi isaanitin, ofiin oof bulchaa tokkummaa walaqixummaa qabun waliin jiraachuuf waadaa galani kana ijaarani dhaa. Tokkummaan walqixxummaa kun, waadaa heera mootummaatin kan hidhame dhaa.
Akkuma seensaa heera mootummaa irratti ibsame, sabaaf sablammoonni biyyatti seenaa waliin jireeyna isaan keessa wanta walqodhatan irratti hundaahani, haariiroo seeraa jajal’ate sirreessanni, tokkummaa walaqixxuummaa irratti hundaahu dhaan haawaasa siyaasaa fi dinagde tokko ijaarachuuf walaigalani, heera mootummaa biyyattitin waligalte kana hidhani jiru. Guyyaan waligalte kanaa sadaasaa 29, bara 1987. Gyyaan sabaaf sabalammoota Sadaasa 29 irratti kana kabajamu waligalte kana yaadachudhaan tokkumma isaani cimsachuufi.