Artcles

Kan Haarka Galfanne haa’egnu; Kan karoorfanne Haamilkeesinu

By Admin

December 29, 2017

Kan Haarka Galfanne haa’egnu; Kan karoorfanne Haamilkeesinu Ibsa Namarraa Dhaadanno Wanti Marti Gara Adda Waraanaatti! Kan jedhu waliin erga walhikne wagootni 27 lakkaahamuuf ji’oota muraasaatu hafe. Dhaadannoon kun dhaadanno sirna dargiti. Lammileen biyyatti umriin isaanii 35 gadi ta’an dhaadanno kana hinbeekani ta’aa. Dhaadannoon kun humna namaa dabalate qabeenyi fi maallaqni biyyatti gara adda waraanati kan ittiin ergamu ture. Yeroo sirana dargii, qonnaan bulaan, dafqaan bulaan fi dargaggoonni biyyatti waraana qabsoo bilisummaa fi walqixxummaa saboota, sablammoota fi ummattoota cabsuuf dirqamaan gara adda waraanaatti niergamu ture. Mootumman dargi bara 1980, baasii maallaqa waggaa tokko keessa waraana bilisummaa walqixxummaa kalatti biyyati maraan itti baname ittisuf dhangalaasu hammam akka ta’e, daandi baabura, yunivarsitoota fi hospitaaloota . . . ijaarsisu dandahuun shalage ibsee ture. Garu baasii misoomaaf olu kana qusachhuuf akka furmaata kan kaaye, human isaa cimsee waraan bilisummaa walqixuumaa saboota fi sablammotaan ittin baname haatatamaan xumuru ture. Akaataa kanaan labsi haaraa waraana lallabe. Labsii waraana haaraa kanaan lolttoota soortaan gaggeefaman, dargaggoota dirqama tajaajila loltummaa biyyooleessaa isaani xumurani gara jiru isaanitti gaggeefaman gara duula waraanatti akka debi’an ajajaman. Qonnaan bulaan hojii qonnaa isarraa, dafqaan bulaan warsharraa buqqaaye, dargaggooni barumsa addan kutani gara adda waraanaatti gaggeefaman. Mootummaan daragi waraan bilisummaa fi walqixxummaa saboota fi sablammotaan ittiin baname haatatamaan xumuruf dhaadachaa, humana namaa fi qabeenya biyyatti mara waraana gaggeessu irratti olche. Yaata’u malee; waraana bilisummaa walaqixummaa saboonni, sablammoonni fi ummattoonni kallatti biyyatti maraan banan cabsu hindandenye. Cufaa, hinjifannorraa hinjifanno daddaballaa yeroo bilisummaa ittiin gonfatan gabaabsaa dhufan. Yeroo mootummaan dargi waraana itti adeemsisaa ture keessa qonnaan bulaa humna hojii qabu keesa irra caalaan gara adda waraanaatti waan ergameef lafati abbaa qotu dhabe agabu bulaa ture. Kun dingde biyyatti irratti dhibbaa guddaa uume ture, Gandoota qonnaan bulaa keessa mangudoota qaamaan dadhaban qoofa waan haafanif, namni reenfa du’aa gara awwaalatti geessu, bool’a awaala qotulle dhabame ture. Haala kanaan hiyyuummaan uumata baadiyaa irratti kan duraan caalaa itti haammaate ture. Mootummaan dargi, qabeenya biiyyatti waraanaaf olu gara misoomatti jijjiree daandii baaburaa dirirsuuf, hoospitaala, yunivarsitii . . . ijaarsiifuuf kan irraa egamu waraana cimsu hinturre; haaccuuccaa sabootaaf sablammoota irratti fe’ame kaasu qoofat itti egamaa ture. Garuu, dhugaa kana hubachu hindandeenye. Yokin ammo kana godhuuf feedhe hinqabu ture. Mootummaan dargi kan gudhuuf feedhi dhabulle, saboonni fi sablammoonni qabso haadhawaan bilisummaaf fi mirga isaani gonfachu dandahani jiru; ji’a Caamsa bara 1983. Ji’ini Caamsa bara 1983 hinjifannoo siyaasa mirga fi bilisummaa saboota fi sablammoota biyyatti ittin argame dhaa. Hinjifannoon kun misooma dingde fi hawaasummaa guddisu dhaan, carraa jiruun ummata biyyatti itti fooya’u dandahus argamsise jiraa. Sirnoota mootoota fi dargi keessa saboonni, sablammooni fi ummattonni biyyatti enyummaa isaanni eggatani carraa mirga lammummaa aragchu hindandaahani ture. Mirga afaan isaanitin tajaajila mootummaa argachu, mana murtitti dhimma isaani irratti afaan isaanitin falmachu, ijoolle isaani afaan iaasnitin barasisu, aadaa isaani dagaagfachu, seenaa dhugaa isaani qo’achu fi kununsu hinqabani ture. Mirgoonni kun mirga dhala namaa hinmulqomne dhaa. Hubadhaa; saboonni fi sablammoonni biyyatti mirgoota hinmulqomne kanneentu irraa mulqamani turan. Amma, haalli kun gutumaan guttuutti jijjirame jiraa. Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyyatti ofiin of bulchaa jiru. Naannoo isaan keessa tajaajila mootummaa afaan isaanitin argachaa jiru. Mana murtitti dhaabatani dhimma isaan irratti afaan isaanitin falmachaa jiru. Ijoolee isaani afaan itti waligalu dandahanin barsisaa jiru. Aadaa isaani dagaagfachaa fi beksisaa argamu. Seenaa isaani qo’achaa fi kununsaa jiru. Enyummaa isaanitin saalfatani kan mataa gadi cabsan osoo hintaini, sabboonaa ta’ani jiru. Hinjifannoon kun amma waan nuhaarka jiruuf wanta salphaa nifakkaataa ta’aa. Garuu qabsoo haadhawaan, arsaa lubbu hedduutin kan argame dhaa. Amma, biyyatti keessa waraana ykn qabsoo lammiileen barumsa irraa, qonna irraa, hojii warsharraa bu’qaahani ittiin dulu qaban hinjiru. Biyyatti mara keessa nageenyi ol’antummaa argate jiraa. Qonnaan bulaan amma tasagabaaye yeroo isaa mara hojii qonna irra olchaa jiraa. Qabeenya hojii isaatin hoorate irratti mirga abbaa qabeenyumaa gutu qabaa. Kana qoofa miti; mootummaan, hiyyuummaa bara dheeraaf qonnaan bulaa irratti fee’ame ture salaphisuf, garagaarsa gara garaa godhaa jiraa. Haanqina maallaqa homishtummaa isaa akka hingudisne haarka isaa hidhe ture hikuu,f sirni liqaa diriree jiraa. Galteewwan hoomisha foya’an fi teknooloji ammayaan akka fayyadamu godhamaa jiraa. Haalli kun qonnaan bulaan biyyatti homishaa fi homishtummaa isaa fooyyeessu dhaan galii isaa akka gudifatu gargaare jiraa. Amma qonnaan bulaan biyyatti jiru tasagabaahaa fi fooya’aa qajeelchaa jiraa. Amma qonnaan bultoonni heeddu mana jireenya sadarkaa isaa eeggatte ijaaratani jiru. Mana jireenya fi moora loonii isaanii adaan baasani jiru. Mana araa fi jireenyas addaan kan baasan baay’e dhaa. Qonnaan bulaan, amma uuffata idle fi haalkani qulqullu fi gahaa qabaa. Mila isaatifiis kophe qabaa. Fayyadamaa bilbila ta’e jiraa. Qonnaan bultoonni baay’e aniisa humana aduutin fayyadamaa dukkana haalkanii of irraa fageessani jiru. Dhiyoo kana ammoo maashiinii ammaayaan fayyadamaa oyru irraa midhaan galfachu jalaqbe jiraa. Qonnaan bulaan amma ijoolee isaa barsifachaa jiraa. Amma akka duuraani ijooleen yammu miila baasan loon duuka tikfannaaf ergun hafee jiraa. Yammu umriin isaanii gahu, gara mana barumsaatti deemu. Koleejoota tekniikaa fi ooguummaa akkasuumas yuniivarsiitoota biyyatti keessa babal’atani fi babal’achaa jiran, ijooleen qonnaan bulaa carraa barumsa ol’aanaa argachuun isaani abdacisaa akka ta’u taasise jiraa. Qonnaan bulaan fi maatiin isaa yammu dhukubsatan carraa lubbuun jiraachu isaani waaqyyoof qoofa keennanni mana cisanii hin’egatani. Ogeessa yaalaa waaqaaa gadi lubu baraaru dandahu bira nidemu; buufattoonni fayyaa dhiyoo isaani waan ijaarramanif. Hadhooliin amma mana yaalaatti dahu. Kanaafu, duti haadhoolii fi daa’iman baay’e hir’achaa dhufe jiraa. Amma qonnaan bulaan daandi konkoolataaf dhiyoo dhaa. Callaa isaa gabaa baasuuf, magaala bahuuf haarree fee’u ykn lafoon deemuun irra hinjiru. Konkolaataa yaabate demu nidanadahaa. Biyyattiin waggootan darban kudhaniif walakkaa keessa gudina dinagde saffiisaa galmeesiste jirti. Ammas baay’ee kana hafu ta’ulle, dame industriitiin guddinni ol’aanaa galmaahe jiraa. Oromiyaa akka fakkeenyatti yoo fudhane, amma warshooleen kuma 35 ta’an hojirra argamu. Wagoota 20 duura lakkoofsi warshoole kuni yoo guddatte ibba hincaalu ture. Dameen koonstraakshinis biyaatti mara keessa guddina ol’anaa agarsise jiraa. Guddinni dame industirii fi konstraakshini misooma qonna abaaboo dabalate lammiilee miliyoonaan lakkaahamanif carraa hojii aragamsisani jiruu. Walumagalatti; waggootan daraban kudhani fi walakkaa keessa fooya’insii dinagade fi haawaasummaa armaan olitti dimshaan tuqaman galameessisuun dandaahame jiraa. Ammas baay’etu hafaa. Karoorri guddinaa fi ceehuumsi raawwatamaa jiruu, galmi isaa misooma dinged fi hawaaummaa hafan milkeessu dhaan biyyatti sadarkaa badhaadhina irra geessiisu dhaa. Bu’oleen gudina hanaga ammaa argaman, kana hafan milkeessinee sadarakaa badhaadina irra gahuu akka dandeenyu nuuf mirkaneesse jiraa. Amma mootumaa fi ummata bira miirri nidndaahamaa jedhu uumame jiraa. Garuu; bu’oota misoomaa hanga ammaa haarka galfanne dhadhaamchaa, abdii badhaadhina keeny milkeessuu kana dandeenyu nageenyi yoo jiraate qoofa ta’un isaa hubatamu qabaa. Nageenyi keenya yoo kan boora’u ta’ee, kana haarakarra qabnuhu dhabu dandaeenya. Abdiin badhaadhinaas abjuu ta’e hafuun isaa waan hin’olle. Haalli biyyoota walitti-bu’inaan nagaa isaani booreesan keessa jiru kana agrsisaa. Carraa Soriyaa, Libiyaa, Iraaq, Afgaansitaan, Somaaliyaa akka fakkeenyatti fudhachuun nidandaahamaa. Carraan biyyoota walitti-bu’isaan barbadaahan, biyya umaanni nagaa isaa hin’egne kamiyyu irratti gahuu dandahuun isaa dhugaa qabatamaa dhaa. Nageeni kan egamu umtaani. Nageenya ummataan hin’egamne namuu eguu hindanadahu. Mootummanille nagaa kabajsisu kan dandahuu ummnani faaydaa nageenya hubatee yoo isa birmate qoofa. Ummanni mootummaa irratti koomi yoo qabaatelle, karaa nageenya koomiin isaa fala ittiin argachu dandahuu qoofa hordoofu qaba. Karaan kun kan xiiqa ficciisisu yoo ta’ele, bu’aa qabatamaa kan argamsisu dandahu karaa nagayaa qoofa waan ta’eef, tasalle karaa kana irra goruu hinqabu. Kanaafu nageenya keenya tikfachaa, kan haarkarra qabanu haadhadhaammannu; badhaadhina kaaroorfannees haamilkeesinu.