Abdii Malee Soodaa Hinta’inaa
Ibsaa Namarraa
Seenaan baruumsa ammayyaa Itiyoophiyaa uumriin isaa jaarraa tokko hincaallu. Garuu jaarraa tokko duura Itiyoophiyaa keessa baruumsi hijiru jeechu miti. Kitaaboonni amantii fi falaasama gara raraa afaan Gi’iziffaan fi afaan Arabiffaan barreefaman, sennaan sirna mootii, sidooleeni fi manneewwan amantii dhakaa tokko irraa bocaman fi ffk kanaaf rgaa bahuu. Baruumsi jaaraa tokko lakkoofsise isa Awrooppaa iraa dhufee ol’aantuummaa argate dhaa. Baruumsi sadarkaa ol’aanaa biyyatti ammo baroota 1940 gidduutti kan jalqabame dhaa; Yunivarsitii Haayla Sillaasee Dursaa dhaan. Ergasii bulchinsa mummiicha (xaqilaay gizaat) Haarargeetti koolleejiin qonnaa Haaro maayaa, kolleejiin fayyaa Gondar, akkasuumas koolleejii barnoota Baahirdaari fi Finfinne (Kotabe) hojii jalqbani. Sadarkaa koolleejii gad’aanaatiin ammo magaaloota Hawaasaa, Amboo fi Jimmaa kolleejoonni qonaa hundaahani turan. Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa magaalootaa awraajjaatti kan daangeefaman turan. Casaa awraajaa gadi manni baranoota sadarkaa 2ffaa hinjiru ture.
Dhaabbattoonni barnootaa kun gidduu gala qabsoo biliisummaa sabootaa fi sablammootaa akkasuumas haacuuccaa dingade iraa bahuuf adeemsifame turan. Sirni mootootaa sabaaf sablammoota irratti haacuuccaa kan raawwatu ta’ullee, barattoota giddu enymaa sabaatiin waldhabbini fi walitti-bu’insi uumamee hinbeekku. Adda tokkoon hiriiranii sirana irraatti moormi kaasani qabsaahaa turan. Barattoonni tokkummaa fi walqixxummaa sabootaa fi sabalammootaa biyyatti keessa hundeessu haawwan of keessa mul’isaa turan.
Qabsoon barattootaani fi hayyooleen durfamu kun bara 1966 sirna mootoota hundeerraa foonqolchu dandahe keessa shoora guddaa qabaa. Yaata’u malee qabsoon barattootaan durfamu kun kan hinijaarramne waan ta’eef, hinjifannoon argame huumna looltootaan butame. Huumni looltoota hinjifannoo qabsoon argame butee mootummaa ofii isaa ijaaratee; sirana dargii. Sirni dargii, gaaffii dhaadanoo Laftii Abaa Lafaaf jeedhuun barattootaan ka’aa tureef deebii keennuuf yaalulle, keessattu gaaffilee mirga fi bilisummaa sabaaf sablammootaa debisuu hinfeene.
Sirni dargii, mirgoota lammilee siyaasa ilaalcha feedhan qabachuu, ilaalcha tarakaanfachisuu, ijaaramuu, ilaalcha fi yaada bilisaan ibsuu, taa’itaa mootummaaf dargoomu fi kkf seeraan dhoorke ture. Kanaaf, barattoonni fi haayyooleen qabsoon sirna mootoota fonqoolchanii hinjifannoon jalaa butame, gaffii mirgaa fi bilisummaa ummata kabajsiisuuf tooftaa qabsoo humnaa adeemsisuf dirqaman. Carraan qabsoo nagayaa gutumaan gutuutti cufaa ture.
Kanaafu; ijooleen saboota, sablammoota fi ummattoota biyyatti marti, osoo walhishakkini, osoo dinuummaan walhin’ilaalini, hooloola jibbaa walirraa osoo hinhaafarasa’ini qabsoo bilisummaa fi biyyaa bilisa taate tokko ijaaruuf dhaabatan. Itiyoophiyaan ammaa – biyyattiin mirgi saboota, sablammoota fi ummattoota heeraan ittin mirknaayee kan ijaaramte hinjifannoo qabsoo kanaan argameeni. Amma saboonni, sabalammoonni fi ummattoonni offin of bulchaa biyya tokkuummaa heedduumina qabdu ijaarratani walqixxuummani fi walakabajaan jiraachaa argamu. Amma biyyatti keesa sabani tokko yokin enyummaan saba tokko ol’antummaa hinqabu, sirnichi feedraalawaa carraa akkanaaf qawaa hinqabu.
Kana malees; mirgi lammiilee ilaalcha feedhan qabachu, ilaalcha ittiin amanan kana dhunfaanis ta’e ijaaramani tarakkaanfachisu, ilaalcha fi ijjanoo isaani bilisaan ibsu, taayitaa siyaasaaf dorgomu, bakka bu’ummaa ummataatin tayita siyaasaa qabachu fi kkf heera mootummaan mirkanaye jiraa. Yeroo ammaa biyyatti keessa jarmiyooleen siyaasaa sabaan fi ilaalchaan ijaaramani fudhatama seera argatani sochohaa jiran jahaa tama nicaalu. Waggootan kurnan lamaan daraban keessa gudina dinagde fi hawaasumma bu’aa qabeessa ta’e galmahe jiraa. Kanaaniis jiruun ummataa keessatu jiruun qonnaan bulaa foya’insa guddaa agarsise jiraa. Kun dhugaa lafa jiru dhaa. Graruu, gara misoomatiin ammllee hojii baay’etu hafaa.
Itiyoophiyaa ammayya keessa sababni qabatamaa sabni tokko kan birroo shakkiin ittin ilaalu, haalleellaaf kan kakkaasu tokkolle hinjiru. Gaaffii mirga siyaasaa, gaffilee rakko bulchinsaa, haaqa, dinaged fi haawaasaa haala nagayaan dhiyeessuun nidndaahamaa. Taayitaa mootummaa bakka bu’umaa ummataan argachuuf filannoo irratti hirmaachuun nidandaahamaa. Dhugaa dhaa sirni dimookraasii biyyatti ammalle dagaagu qabaa; garuu hundeen isaa dhaabame jiraa.
Ta’ulle, yarroo tokkummaa fi walqixxummaa amma itti jiru keessa, keessattu yuniivarsiitoota tokko tokko keessa, haalli barattoonni enyummaa sabaan walshakkiin itti walailaan mul’achaa jiraa. Kanas darabani haamma lubbuun namaa darbutti kan walbu’anis nijiru. Akkuuma gubbaa irratti ibsetti, barattoonni duurii biyyatti ijaaruu keessa shoora ol’aanaa tapha’atan haala haacuuccaan saboota jiru keessalle walitti hinbune. Sababni qabatamaa walitti-buinsa amma barattoota giddu mul’atu maal akka ta’e hubachuun rakkisaa ta’e jiraa. Seexaana wayitu itti nam’e laata? jeedhani kana gaafataniis nijiru.
Haalli kun dhugaa tokko mul’isaa. Inniis; barattoonni hooloola gareewwan biyyatti diguuf sochoo’aniin burjjaaja’ani, beekuumsaan osoo hinta’ini miraan ofamaa jiraachu isaaniti. Wanti kun dhaloota biyya fudhacuuf qophaahaa jiru irratti mul’achuun isaa, caraan biyyatti fulduraa kufaati akka hintaane soodaa uumee jiraa. Kanaafu; barattoonni of keessa ilaalani dogoggoora isaani hubatani soodaa biyyatti ta’uraa gara abditti of jijjiruuf qophaahaa ta’u qabu. Yaa barattoota keenya soodaa nutti hinta’inaa abdii malee.