Akka Durii fi Harka xuriitti…….
Tollaa Ollana
Dur dur biyyi Itiyoophiyaa kanaa waa’ee guddina Dinagdee dubbachuu mitii midhaan nyaataan of danda’uuniyyuu waan akka salphaatti argamu hin turre. Yeroon waa’ee midhaan nyaataa dhaga’u waan tokkon yaadadhe. Innis biyyi keenya kun bara 1966 fi 1977 ALH tti beelli isheen keessa turte baayee suukaneessaa kan turee akka Addunyaa kanaattiyyuu beela sodaachisaa ta’ee darbe jedhan. Utuun yeroo sana jiraadheewoo ka’umsa beela kanaan isinitti himaa maalan godha. Garuummoo wanti natti dhaga’amu hin dhibu. Sababnisaa beelli lammii kootii anaafis beela waan ta’eef. Garuummuu waan seenaa kun seeenaa ta’ee hafuunsaa waan guddaa dha. Akka durii fi akka duriitti hin hafan jedhu mitiiree?. “ Mammaaksi dubbii fixa ykn dubbii fida” akkuma jedhamu, seenaa yeroo gabaabaa biyyi kun waggoottan 27 dura qabduu fi seenaa biyyi keenya amma galmeessisaa jirtu wal bira qabeen mammaaksa armaan olii kanaan jalqabe. Sababnisaa dhugumayyuu akka duriitti akka hin hafamne seenaa boonsaa biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana hojjechaa jirtu osoo kanaan dura yeroo obbolaa fi obbolaan wal waraanan, lammii inni tokko anatu biyya kana qofaaf yaada warri kaan taa’aatii waanuma nuti hojjennu ilaalaa jechuu lammii cunqursaa ture sanatti hojii har’a jalqabnee itti jirru kun yeroo sanas jiraateera ta’ee silaa yoona eessa geenyeerra turre.
Maal godhu egaa” bishaan darbe hin waraaban “jedhu mitiiree. Egaa kan darbe darbeera seenaan Itiyoophiyaa waggoota 27 dura turee fi amma jiru waliin madaallee ilaalla yoo jenne xiqqoo gowwummaa fakkaatti. Sababnisaa jijjiiramni jiru fardaa fi lafa garaagarummaan isaan gidduu jiru. Kun immoo kan ta’uu danda’ee ka’umsuma yeroo qabsoon bilisummaa Uummattoota Itiyoophiyaa eegalame fayyadamummaa Uummatootaa mirkaneessuun kaayyoo ijoo waan ta’eef fiixa ba’umsi hagana ga ‘u argameera.
Egaa gidduutti waa’ee guddina dinagdee fi fayyadamummaa Uummattoota biyya kanaa kaasuuf jalqabeen ture mee waliin haa ilaallu. Faayidaan Uummatni erga Mootummaan ADWUI dhufe argate barreeffama kana keessatti xumurama yoo jenne dogoggora uumuu dha waan ta’eef akka kutaa tokkoffaatti kanneen ijoo ijoo ta’an waliin ilaallee yeroo biraa itti deebina.
Akkuman sila kaasuuf yaale kaayyoon Imaammata Mootummaa kanaa Uummatoota Hiyyummaa fi gadadoo keessa jiran waa’ee hiyyummaasaanii itti himaa taa’ee boossisee wajjin boo’uu osoo hin taane hojjetee hojjechiisuun sadarkaa fooyya’aa irra akka ga’aniif jalqabumaa kan eegalee dha. Kunimmoo sadarkaa nuti har’a irra geenyee jirruu fi maalummaan guddina biyyaa nuuf galee guddina kan biroo akka dheebonnu kan nu taasise kaaayyoo tarsimoowaa mootummaan qabatee ba’e dhugaa ta’uu isaa nutti argisiisa.
Egaa kanneen an akka fiixa ba’umsa Mootummaa keenyaatti tarreessuuf yaalu armaan gadii kunneen injifannoowwan bara 1983 asii qofa ta’uu isaan dursee isin yaadachiisuu barbaada. Sababnisaa namni tokko tokko injifannoowwan kunneen illee umrii gabaabduu kana keessatti hin galmaa’an jedhee yaaduu danda’a waan ta’eef.
Mootummaan keenya guddina biyya keenyaaf tajaajiloonni bu’uuraa kanneen akka manneen barnoota, Dhaabbilee Fayyaa, Daandii, Ibsaa, Bishaaniif kkf dhaaf dursa kennuun hojjechaa turuun isaa ni yaadatama. Manneen barnootaa burqa beekumsaa fi furmaata rakkoowwan biyya kanaa waan ta’aniif dursa xiyyeeffannoon kennaameefii manneen barnootaa Naannoleen saglan hunduu hanga ganda baadiyyaa isaaniitti diriirfamee barattoota hedduu keessummeessuun humnna nama baratee dacha hedduu baay’isuun ga’een isaan misooma keessatti qaban dabaleera. Dabalaas jira. Kanumatti fufuun akkaataadhuma sadarkaa isaaniitti Yuuniversitoota hedduu biyya kana keessatti ijaaruun doofummaan hundeedhaan akka buqqaatuuf hojii boonsaan hojjetameera. Yeroo ammaa kana Godinaaleen Naannolee hedduun Yuunivarsitoota kan argatan yommuu ta’u baay’een isaanii hojii eegaluu barattoota hedduu simachuun barsiisaa kan jiran yommuu ta’u kanneen biroon ammoo yeroo dhiyoo asitti hojii eegalu. Waa’ee barbaachisummaa Yuunivarsitii sadarkaa kanatti namatti himuun barbaachisaa yoo ta’uu baatellee, hiyyummaa hidda nutti yaafatee nu rakkisaa jiru ofirraa kutuuf barnoota sadarkaa ol’aanaa seenuun barbaachisaa waan ta’eef kaayyoon mootummaan qabatee hojiirra jirus kanuma dhugoomsaa jira.
Itti aansuudhaan wanti ajaa’ibsiisaan an dubbachuu barbaadu xiyyeeffannoon mootummaan keenya sektera Fayyaa irratti qabu hammam fayyummaan Uummata keenyaa eegamee guddinni har’a jalqabnee jirru kun itti fufiinsa qabaatu gochuu dhaaf kutannoon inni qabu gaarii ta’uusaati. Kunis yeroo ammaa kana ganda kamirrallee kellaan fayyaa namaa, Buufatni fayyaa Aanaalee hundumaa, Hospitaalli godinaalee hundumaaf Aanaalee baayee keessatti ijaaramuu dhaan du’aatiin haadholiif daa’immanii akka hir’atuuf hojjetamaa jiraachuun isaa sadarkaa fayyummaa uummata keenyaa fooyya’ee dhibeewwan daddarboo ta’an irratti xiyyeeffannoon hojjechuun dhibeewwan kunneen akka badaniif xiqqaatan ta’anii jiru. Cimaniis itti fufu.
Wantoota bu’uura jireenya dhala namaaf ta’an keessaa bishaannis isa tokko . Haa ta’u malee waggoota 27 darban keessatti Uummanni biyya kanaa rakkoo bishaan dhugaatiitiin dararamaa turuu dhaan dhibeewwan gara garaaf saaxilamaa turanii ru. Yeroo ammaa kana garuu xiyyeeffannoo ol’aanaa mootummaan keenya itti kennee jiru keessaa inni tokko tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu lammilee hunda qaqqabsiisuu dhaan fayyummaan lammii keenyaa akka mirkanaa’u gochuuf hojiileen hojjetaman boonsaa dha. Cimaniis itti fufu.
Waa’ee tajaajila qaqqabsiisa daandiiwwan magaalaas ta’e baadiyyaa yoon yaadu kan baayee nama dhibuu dha. Sababnisaa daandiin hin jiru taanaan hojiin kamiyyuu hojjetamuu hin danda’u. Sababnisaa irra jireessi Uummata biyya kana kan jiraatu baadiyyaa waan ta’eef haalli daandii kanaan dura turan baayee rakkisoo ture. Yeroo ammaa kana daandiin baadiyyaa fi magaalaa akkasumas baadiyyaa fi magaalaa wal-quunnamsiisan hojjetamuun isaanii guddinni dinagdee biyya kana daran akka guddatuuf shoora ol’aanaa taphataa jira. Itti dabalees Godinni biyya kana keessa daandii asfaaltii hin arganne hin jiru. Kanaafis geejjibni kanaan dura guyyaa lama sadii fudhachaa ture har’a sa’atii dhaan lakkaa’amaa jira. Akka biyyaatti yoo ilaalle daandiin baabura Finfinnee keessaa fi akkasumas Itiyoophiyaa fi Jibuutii wal-quunnamsiisu hojjetamuun isaa biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa ishee jalqabaa nu taasisa. Daandiin baaburaa Finfinnee keessaaa maamiltoota hedduu keessummeessuun rakkoo geejjibaa magaalaa keenyaa furuu irra darbee madda galii fi hojii hedduu ta’ee tajaailaa jira. Daandii baabura Jibuutii fi Itiyoophiyaa wal-quunnamsiisu kanaan dura konkolaataa dhaan guyyaa afur kan ture amma sa’a kudhan qofa tti gadi buusuun meeshaalee oddoolawwan jibuutii irraa salphaatti biyya keessa galuun tajaajilawwan barbaachisaniif akka oolaniif erga taasisuu jalqabee ji’oota lakkoofsisaa jira. Hubadhaa meeshaaleen baaburri kun fidu kanneen tajaajilawwan an armaan olitti eeran guutuu dhaaf ga’een isaan qaban salphaa miti.
Inni biraa fi ajaa’ibsiisaan mootummaan keenya irratti hojjetee fi hojjetaa jiru tajaajila humna ibsaa waliin ga’uu ti. Innis yeroo ammaa kana Aanaalee hundi humna ibsaa kan argatanii jiranii fi gandoolee hedduun kan argachaa jiranii dha. Garuummoo humni ibsaa kun iddoo hedduu haa jiraatu malee ciccitiinsi humnaas ni mul’ata. Maal rakkoo qabaree Hidhi Guddichi Haaromsa Keenyaa yeroo inni hojii jalqabuttimmoo nurraa hafeeyyuu biyya biraaf dabarsuun dhiyaatee ra.
Kana hunda waanan kaaseef haalli kanaa dura biyyi keenya keessa turtee fi haalli ammaa garaa garummaa guddaa waan qabuufan “ Akka durii f harka xurii tti hin hafan” jedhe,
Egaa akkuman isinitti hime jijjiiramawwan bara 1983 asii dubbadhee fixuu waan hin dandeenyeef turban kutaa biraa irratti qabadheen isiniif dhiyaa dha.