Artcles

BARA OL KAAFAMUU ITIYOOPHIYAA…

By Admin

January 30, 2018

BARA OL KAAFAMUU ITIYOOPHIYAA…

Dinnaa Bayissaa

Biyyi Itiyoophiyaa jedhamtee waamamtu kun waggoottan 27  dura biyya hongee, beelaa fi waraanaan beekamtuu fi galmee jechootaa keessattillee yoo  maqoolee armaan oliitiin ibsamtu dhaga’aa turre. Amma garuu haalli sun galmee dhuma jechootaa keessatti seenaa ta’ee kan hafaa jiruu dha. Guddinni ajaa’ibsiisaanis biyya kana keessatti mul’achaa jira. Biyyi bara Mootummaa Hirree Dargii beelaa fi waraanaan waxalamaa turte. Qabsoo lammiileen biyya kanaa taasisanii erga diigamee booda jijjiirama fedhii fi oduu irratti hundaa’e osoo hin taane ykn abjuu qofaa osoo hin taane jijjiirama qabatamaan biyyattii keessatti ijaan argaa jirru yommuu abdii egeree biyya kanaa tilmaamuun nama hin rakkisu.

Guuddinni har’a argamee fi argamaa jiru kunis yeroo itti warri  fedhii guddina Itiyoophiyaa hin hawwinee fi biyyi Iiyoophiyaa jedhamtu kun daandii qaxxaamuraarra jirti, baduuf diigamuuf jetti jedhanii goomachaa turanitti tilmaamnisaanii tilmaama sobaa ta’eera. Biyya Mirga namoomaa fi dimokiraasummaa dhala namaa kabajjee fi guddina ariifataa  ta’eef guddina dinagdee ariifataa dijiitii lamaa galmeessisuu dandeessee dha. Akkasumas nagaaf tasgabbii n naannoo gaanfa Afrikaa akka jiraatuufis ga’een Itiyoophiyaa ol’aanaa dha. Fiixa ba’iinsa kana maraaf ga’een Uummatoota  Itiyoophiyaa ol’aanaadha.

Dinagdeen keenya dhibbeentaa caalmaan isaa  qonna irratti kan hundaa’e ta’uun isaa kan wal nama gaafachiisu  miti. Haalli qonna keenya duraanii ammoo kan dinagdee keenya kana saffisaan guddisu akka hin taane amanamaa dha. Sababnisaa irra jireessi qonnaa biyya keenyaa mala aadaatiin kan adeemsifaman waan ta’aniif. Qonnaan biyya keenyaa duraanii dinagdee keenya guddisuu mitii midhaan nyaataan of danda’uun iyyuu gaaffii guddaa keessa nu galchee ture.

Yeroo ammaa kana Mootummaan Itiyoophiyaa guddina argame  kana itti fufsiisuuf wixineewwan labsii fi poolisii sirna dinagdee keenya guddisan wixineessuun  bu’uurri guddina keenyaa kanneen biroof fakkeenya akka ta’uuf ciminaan hojjechaa jira.

Haalli biyyi keenya yeroo ammaa irratti argamtuu fi fooyya’uun dinagdee ishee karaa maraanuu lammiilee Addunyaa ofitti hawwaachaa kan jiru yommuu ta’u kubbaniyoonni  Oomishaa bebbeekamoon Addunyaa kanaa bifa Investmantii tiin biyya keenya dhufanii hojjechuuf fedhiin agarsiisuun isaanii agarsiiftuu  ce’umsa dinagdee kenya qonna irraa gara Dinagdee industiriitti taasisaa jirtuu fi fiixa ba’umsa biyya keenyaa agarsiisa.

Guddiinni amma Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu  guddina biyya Chaayinaa bara 1980moota keessa galmeessisaa turteen kan wal fakkaatuu dha. Sababnisaas biyyi kun yeroo ammaa kana rifoormii qonnaa haaraa,Invastimantii  bu’uuraalee misoomaa( infrustructure investment) fi guddina Industiriiwwan addaa ( special Industry zones) irratti xiyyeeffattee hojjechuun ishee biyya yeroo ammaa kana Addunyaa kana irraa dinagdee dhaan baayee guddatte chaayinaa wajjin wal ishee fakkeessa. Akkaataadhuma kanaanis yoo itti fufte biyya bara 2025 tti biyyoota dinagdee giddu galeessaa qabanitti dabalamuu dandeessi kan jedhu karaa baayee tilmaama.

Paarkiiwwan Idustiriiwwan garagaraa biyya kana keessatti ijaaramaa kan jiran yommuu ta’u kanneen ammoo ijaaramanii xumuramanii hojii keessa seenanii jiru. Ijaarsi paarkiiwwan kanneenii tarkaanfii biyyi keenya gara hojii qonnaa irraa gara industiriitti ceesisuu gochaa jirtu kan jajjabeessuu dha. Ijaaramuun paarkiiwwan kanaa dinagdee biyya kanaa fooyyessuun cinatti rakkoowwan gara garaatiif furmaata waaraawaa ta’a.  

Tokkoffaa biyyi keenya Itiyoophiyaa meeshaalee bu’uuraa ta’an biyya keessatti baayinaan oomishuu waan hindandeenyeef biyya alaatii bitanii galchuun dirqama. Adeemsa kana keessattimmoo rakkoon sharafa biyya alaa waan jiruuf meeshaaleen barbaadaman akka barbaadamanitti yeroo dhaan bitamanii biyya keessa hin galan kunimmoo hojiiwwan kanneen biroo irratti dhiibbaa fidaa ture. Kanaaf  guddinni Industitirii biyya keessaa rakkoo sharafa biyya keessaa hiikuu qofaa osoo hin taane sharafa biyya alaa argamsiisuun guddinni keenya daran akka jabaatu akka taasisu wal nama hin gaafachiisu.

Inni lammaffaan  yeroo ammaa kanatti rakkoon addunyaa rakkoo hojii dhabdummaa ti. Hoji dhabdummaan babal’annaan ammoo jeequmsi babal’achuun isaa waan oolu miti. Rakkoowwan hoji dhabdummaa furuuf ammoo bakki hojii hojjetan jiraachuun dirqama. Biyyi keenya Itiyoophiyaanis rakkoo hoji dhabdummaa kana xiqqeessuuf  paarkiiwwan Industirii biyyi keenya keessatti ijaaruu eegaltee jirti. Fakkeenyaaf paarkiiwwan Industirii haaraan magaalaa Hawaasaa Naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti ijaaram yeroo gabaaabaa keessatti hojii eegaluun hoji dhabdoota kumaatamaan lakka’aamaniif  madda hojii ta’ee tajaajilaa jira. Akkasumas Paarkiin Industirii Maqalee baruma kana hojii kan eegale yommuu ta’u innis fedhii biyyi keenya guddina industiriif qabdu paarkii dhugoomsaa jiruu dha.

Paarkiiwwan Industirii Naannoolee Oromiyaa keessatti argaman kan akka paarkii Industirii Jimmaa, Adaamaa, fi Industiiriin sibiila baqsuu Magaalaa Naqamtee yeroo dhiyootti hojiim kan eegalan yommuu ta’u dargaggoota naannoo sana jiraataniif  carraa hojii guddaa uumu jedhamee eegama.

Akkasumas paarkiin industirii  Buree kan Mootummaa Naannoo Amaaraa keessatti argamu oomisha qonnaa biyya biyya keenyaa jijjiiruu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhamee abdiin eegamaa jira.

 

Egaa guddinni dinagdee karaa maraan biyyi kun adeemsisaa jirtu kun maddi isaa nageenya biyya kana keessatti mirkanaa’e irraan kan ka’e waan ta’eef  biyyootni baayeen michoomni isaan itiyoophiyaa wajjin qabaniif uumuu barbaadan karaa hedduu dhaan fooyya’aa jira.

 

Akkuma yeroo baayee miidiyaa dhaanis dhaga’aa fi argaa jirru biyyi keenya dinagdeen ishee akkuma fooyya’aa jiru, walitti dhufeenyi isheen biyyoota michuu wajjin taasisaa jirtus cimaa jira. Kunis kan ta’uu danda’eef biyyattiin kun biyya qabeenya uumamaan badhaatuu taatee fi biyya itti hojjetanii duroomuuf nageenya amansiisaa qabdu waan taateef fedhii biyyoota baayee taatee jirti. Inni kan biraan immoo humni nama hojii hojjetuu heddumina waan qabuuf abbootiin qabeenyaa hedduun milkoomina isaanii dhugoomsachuuf biyya Itiyoophiyaa kana filannoo jalqabaa taasifachaa jjiru.

Biyyi keenyas jalqabumaaniyyuu ilaalchi isheen biyyoota michuu ta’an waliin adeemsiftu “dinagdee cimaa walitti dhufeenya cimaaf” jedhu waan ta’eef guddinni dinagdee keenyaa yoo dabale walitti nuti biyyoota biraa wajjin qabnus dabaluun isaa waan oolu miti. Kanaaf guddinni nuti armaan olitti tarreessine kunneen walitti dhufeenya nuti biyyoota biraa wajjin qabnu kan jabeessu yoo ta’e nagaaf tasgabbiin nuti biyyoota ollaa wajjin qabnullee hedduu dabala. Fakkeenyaaf waltajjii maree Ministeerota Ol’aanoo biyya Misirii fi Itiyoophiyaa gidduutti taasifameen abbootiin qabeenyaa biyya Misir Itiyoophiyaa dhufanii hojiiwwan gara garaa irratti bobba’anii ofiis fayyadamanii biyya keenyas akka fayyadan walii galtee irra ga’ameera. Hubadhaa biyyi kun dhiyeenyuma kana Itiyoophiyaa waliin wal-waraanuuf jedhamee odeeffamaa ture. Biyyumti nu waraanuuf fedhii qabdu yoo jiraatellee yoo guddinni dinagdee keenyaa cimaa ta’e yaadashee jijjiirrachuun walitti dhufeenya cimsiti jechuu dha.

Walumaa galatti sochii biyyi keenya akka ardii Afrikaatti Giddu gala Industirii ta’uuf taasisaa jirtu yeroo gabaatti kan dhugoomuuf guddinni dinagdee keenya haala amma deemaa jiru kana dachaan kan dabalu yoo ta’e shakkii tokko malee ol kaafamuu Itiyoophiyaa ija keenyaan arguun keenya hin hafu.