Artcles

FEDERAALZIMII NAGAYAA

By Admin

January 30, 2018

FEDERAALZIMII NAGAYAA

Maree Shiferaw

Sirni Bulchiinsa Federaalimii Dimokiraatawaan aangoon biyya tokko aangoo giddu galeessi qofti mirkaneessu osoo hin taane aangoo mootummoolee xixiqqoon naannolee Mootummaa giddu galeessaa irraa qooddatanii biyya ittiin bulchanii dha. Kunis bu’aa hagana hin jedhamne qaba. Bu’aawwan kanneen keessaa inni ol’aanaan  federaalizimiin bulchiinsa  hirmaachisummaa, dhaqqabummaa fi si’aa’ina  qabaataa ta’uu isaati.

 

Haala Adeemsa bulchiinsa kanaa keessatti lammileen baay’ina qaban caasaalee bulchiinsaa gubbaa hanga gadiitti diriirfaman keessatti namoota hedduu waan hirmaachisuuf  guddina biyyaa keessattis ga’ee ol’aanaa qaba. Dhaqabummaa fi si’aa dha yommuu jennu ammoo uummatni gaaffii fedhe yeroo barbaadetti gaafatee yeroo gabaabaa keessatti qaama filatamee biyya geggeessaa jiru irraa deebii hatattamaa argachuu mala.

 

Haalli Dimokiraasii biyya keenyaas sirna Federaalizimii kana erga eegaltee waggoottan digdamii ja’aa ol lakkoofsiftee jirti. Turtii yeroo kanaa keessatti Sabaa fi sab-lammootni biyya kana keessa jiraatan beekamtii guutuun kennamee fii akka saba tokkoo tti ykn lammii biyya kanaatti yeroo itti socho’aa jiranii dha.

 

Sabaa fi sab-lammoonni biyya kana keessa jiraatanis akka obboleewwaniitti walitti dhufuun jireenya Hawaasummaa fi dinagdee isaanii bifa naga qabeessa ta’een kan geggeeffatanii dha. Hubadhaa haalli bulchiinsa Sirna Federaalizimii bulchiinsaaf akka tolutti Naannoo fi Daangaa gar gar qoode malee lammiiwwan akka walitti dhufanii jireenya Hawaasummaa isaanii akka hin geggeeffanne kan gar gar qoodu miti.  Sababnisaa jaarraa nuti amma keessa jirru kana keessatti biyya akka biyya tokkootti waamamtu keessa jiraatanii wal-qooduu fi walitti bu’uu dhiisaa ti Addunyaan kuniyyuu walitti dhufee muuxannoo walii hiree waliin guddachaa yeroo itti argamuu dha. Kanaafis biyyumti keenya Itiyoophiyaan iyyuu fakkeenya gaarii dha. Fakkeenyaaf guddina biyya kanaaf biyyootni michooma biyya kanaa qaban kanneen akka Chaayinaa, Amerikaa, Gibtsi, Naayijeeriyaa, Hindii, fi kkf  hojiiwwan gara garaa irratti bobba’uun biyya kana keessatti akkuma biyya isaaniitti ga’ee isaanirraa barbaachisu ba’achaa jiru. Egaa erga lammii biyya biraa nama ta’uu isaaf qofa kabaja laannee fii wajjin hojjennee wajjin jiraannee lammii keenya, obboleessa keenya isa nutti aanu waliin jiraachuu dadhabnaaree? Sababnisaa maqaa biyya tokkoon waamamnawoo!

Gaaffii armaan olii waanan kaaseefan qaba. Innis yeroo dhiyoo asitti haalli nageenya biyya keenyaa rakkoo keessa seenuuf qarqara ga’ee ture. Rakkoowwan nageenya Uumamanii turan kunneenis balaa walitti bu’iinsa Naannoo Daangaa Somaalee Itiyoophiyaa fi Naannoo Oromiyaa tti uumamee wal qabatee iddoowwan gara garaatti jeequmsi gara garaa uumamaa tureera. Kanarraan kan ka’es lubbuun namoota darbeera, lammilee hedduun qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru, qabeenya irra balaan ga’eera. Walitti dhufeenyi obbolummaa kanaan dura ture gara diinummaa tti jijjiirameera.  Haalli guddina dinagdee Naannoos ta’e Mootummaa Federaalaa akka malee lafarra harkifameera. Kanaanis miidhaan qaqqabe saba tokko qofa osoo hin taane lammilee biyyattii walii gala kan dhiibbaa irraan ga’ee dha.

 

Haaluma wal-fakkaatuun yeroo ammaa kana iddoo tokko tokkotti darbee darbee rakkoon nageenyaa mul’achaa jira. Kunis sirna Federaalimii fi tokkummaa Uummatootaatti amanuu dhabuu dhaan yeroo mormiin gara garaa bakka Ayyaanota bebbeekamoo, sagantaawwan Spoortii adda addaa irratti mormii dhageessisuuf lammilee sabaan kan biroo ta’an irratti miidhaa geeessisuu fi geessisuuf yaaluutu mul’ata. Fakkeenyaaf tapha Pirimiiyerliigii Itiyoophiyaa garee kubbaa miillaa Waldiyaa fi Garee Kubbaa Miillaa Maqalee Gidduutti  Magaalaa Waldiyaatti taasifame irratti walitti bu’iinsi qomoo irratti hundaa’e ka’uun isaa ni yaadatama. Sanumaan wal-qabatee qabeenyi namoota sabaan Amaara hin taane barbadaa’ee qaamolee dhuunfaa dhaan jireenya isaanii geggeeffatan miidhaan irra ga’eera. Kunimmoo walitti dheenya keenya jabaa ta’e laaffisuu isaarra  darbee waan baay’ee irratti dhiibbaa nurraan ga’uu danda’a. Dhiibbaaleen walitti bu’iinsa kanaan uumaman kunneen bakka ayyaanotaa tiif  dirree spoortii irratti ka’an tokkoffaa qulqullummaa ayyaana keenyaa ni xureessu, lammaffaa bifa ayyaana sanaa jijjiiruun gara dirree siyaasaatti jijjiiru . Kunimmoo maalummaa saba tokkoo fi ayyaana irratti dhiibbaa qaba. Inni kan biraan ammoo sagantaawwan spoortiiwwan gara garaa irratti ilaalcha siyaasaa calaqqisiisuun amala spoortessummaa keessatti iddoo waan hin qabnee spoortii biyya keenyaa irraan dhiibbaa ga’uun isaa hin oolu.

 

Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne ji’uma kana keessa Magaalaa waldiyaatti Ayyaana cuuphaa irratti walitti bu’iinsa qaama Nageenyaa wajjin godhameen rakkoon nageenyaa naannoo sanaa ammallee amansiisaa sadarkaa hin taanetti argama. sanas ta’e kanas uummatni biyya kanaa ilaacha siyaasa irratti qabu waltajjii nagaa kamirrattiyyuu dhiyeessuu utuu qabuu haala irratti hin qophaa’amini f lammilee haala nagaadhaan ayyaana keenya ayyaaneffannee galla jedhanii bakka ba’anitti ilaalcha siyaasaa geggeessuun gaagaatiin uumamu miidhaa guddaa akka qabaatu beekuun barbaachisaa dha.

 

Haaluma kanaan Mootummaan ADWUI s rakkoowwan biyya kana keessatti darbanii darbanii Uumamanif furmaata waarawaa kennuu dhaaf erga gamaggama Koree hoji Raawwachiiftuu ADWUI fi ibsa Miidiyaaleef kennamee  booda mootummaan kallattiiwwan kaa’amaniin jira. Biiroon Nageenya Biyyoolessaas akkaata Adeemsa Seera qabeessa ta’eef itti gaafatamummaa qabuun Mootummoolee Naannoo waliin hojjechaa kan jiruu fi Nagaa fi tasgabbiin biyya kanaa deebi’ee ol-aantummaan seeraas mirkanaa’ee sochiiin namoota dhuunfaa yaaddoo keessa akka hin galleef kan hojjetamaa jiruu dha.

 

Akka Fakkeenyaatti Walitti bu’iinsa Naannoo Daangaa Somaalee fi Oromiyaa ilaalchisee yeroo baayee rakkoon rakkoo daangessuu fi lafarra harkifatummaa dhimma sanaa ti jedhamee yaadamaa ture sun yeroo ammaa kana daangaa Naannolee lamaan kanaa murteessuuf walitti bu’iinsa naannoo sana jiru furuuf daangaan daangeeffamaa  akka jiru qaamoleen dhimmi kun ilaallatu yeroo garaa garaatti ibsa kennee jiru. Lammilee sababa walitti bu’iinsa kanaan qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisaanii dhaabuu fi Mootummaan  Naannoos ta’e kan Federaalaa hojjiiwwan gara garaa hojjechaa jiru.  Kanaafis Mootummaan Federaalaa Lammilee qe’ee isaaniirraa buqqa’an kana dandamachiisuuf qarshii mil. 800 ramadee hojiirra kan jiru yemmoo ta’u, qarshii mil. 900 ammoo buqqaatota kanaaf furmaata waarawaa fiduu dhaaf kan hojjetamaa jiruu dha. Kunis hojii fakkeenyummaa qabuuf itti fufiinsa qabaachuu qabuu dha.

Garuu wantootni nuti beekuu qabnu rakkoon uumamu kamiyyuu karaa seera qabeessa ta’eefi naga ta’een osoo hiikamuun irra jiraatuu rakkoo ka’u babal’isuun akkuma armaan olitti argine kasaaraan isaa kan lammii hundumaa ta’uu beeknee dirqama nurraa barbaachisu ba’achuu dhaan obbolummaa keenya cimsannee jireenya nagaa qabu jiraachuutu nurra jiraata.

 

Haa ta’uyyu malee humnootni tokkummaa fi wal-qixxummaa Uummatoota biyya kanaatti hin amanne akka jiranis beekuun gaarii dha.  Humnootni kun yoomiyyuu taanaan wal-qixxummaan sabaa fi sab-lammii kan isaan gammachiisu waan taaneef gooliin akka saboota gidduu tti uumamu gochuun Mootummaa  Naannoo tokkoo miidhamaa godhanii ija gogaa dhaan boo’anii boossisuuf  yaaliin isaan hin taasifnes  hin jiru.  Adeemsa kana keessatti Naannoon tokko isa kan biraa akka shakkuu fi ija jibbaan akka wal –ilaalan gochuuf bu’aawwan jeequmsaa keessaa argachuuf kan daldalan akka jiran ija hawaasaa jalaa waan dhokatan miti. Gochaawwan akkasii kun ammoo faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa giddu galeessa gochuun kanneen socho’an waan ta’aniif  tasgabbii dhaan ilaallee madaallee yoo sochoone malee biyya kanaaf yaaddoo hamaa dha.

 

Walumaa galatti jaalala isa kanaan dura qabaachaa turre sana kan yeroo gammachuu fi gaddaatti wal- bira dhaabbachaa turre sana deebifachuun guddina amma jalqabamee jiru kana galmaan ga’achuuf  nagaa biyya keenyaa waliin taanee tikfachuun federaaalimii dimokiraatawaa keenyaa dhugoomsuu tu nurraa eegama.