Artcles

Haarki Haarka Hin-nyaatu

By Admin

January 11, 2018

Haarki Haarka Hin-nyaatu

Ibsa Namarraa

Torbaan darbe keessa dhimmoonni ol’aano lama nagaa fi tasgabbi biyyatti waliin wal-qabttan rawwatamuun isaanii niyaadatamaa. Inni tooko, gamaaggama raawwii kaaroora ji’a tokko mana maree Nageenyaa Biyyaalessaa Hoggantoota Huumna Nageenyaa Federaalaa fi Naannoolee dhaa. Inni kaan ammo, gabaasni qoranna dirree  garee suparvizhini haala walitti-bu’insa Oromiyaa fi Sumale Itiyoophiyaa  daaw’ate mana marii bakka bu’oota ummattootaaf dhiyaachu isaati. Manni maree bakka bu’ootaa gabaasa kana irratti mari’ateera.  

Manni mare Nageenya biyyooleessaa erga raawwii ji’a tokko gamaaggame booda, walitti qabaan mana marichaa fi ministeerri ittiisa biyyaa Obbo Siraaj Fageessaa ibsaa keennaniru. Ibsaa kanaan, ji’a darbee keessa daandi gurguddoo biyyatti irratti hojiin to’annoo nagaa kabjsisu gaggeefamu isaa, akkasuumas hojiin mirga sochii lammilee mirkaneessu raawwatamu isaa eeraniru. Raawwiileen kun bu’a qabeessa ta’u isaaniis addeesaniru. Jeequmsa fi walitti-bu’insa dhaabbilee barnoota ol’aanoo tokko tokko keessa mudate tasagabbeessu irrattiis, huumnoonni nageenya feedraalawaa fi naannoolee hojii qufsaa raawwachu isaani beeksisaniru. Wayita ammaa, dhaabbilee barnoota kanneen keessa adeemsi baruu fi barsiisuu bakka turetti deebi’uu isaas dhugoomaniru.

Rakkoon nageenya Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu mudate ilaalchidee, hajii qaamoolee ittiisa nageenyaatiin raawwatameen, wayita ammaa haalli tasgabaahaa jiraachu isaas Obbo Siraaj ibsaniru. Yaata’u malee; qaamoolee goocha seeraa alaan shakkaman gara seeratti dhiyeessu irratti qaawaan mul’achu isaa eeraniru. Ittifufinsaan qaamoolee kana seeratti dhiyeessuuf akka hojatamuus himaniru.

Gama biraatin, akka gubbaratti ibsameen, gareen suparvizhini walitti-bu’isa naannoolee Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu mudate akka qooratu mana mare bakka bu’oota ummtaan ijaarame, qoorannoo dirree adeemsise gabaasa dhiyeessra. Gabaasa kana irrtti mariin adeemsifamera. Walitti-qabaan gareechaa akka ibsanitti, qorannoon dirree kan adeemsifame naannoolee lamaanu keessa godinoota sagal irrtti akksuumas magaaloota fi gandoole baadiyaa bu’qqaatoonni ittiin qubatan 21 irratti.

Gochi heera mootummaa faaleesu buqqaatoota irrtti kan raawwatame ummata naannoolee lamaan daangaa irratti jiraatun osoo hinta’ini, huumnoota addaa, polisootaani fi milishoota hidhataniin akka ta’e ragaan midhamtoota irraa argame akka mu’lisuu walitti qabaan garee ibsaniru. Namoonni walitti-bu’insaan midhaan itti gahee, haala kanaan duura ta’e hinbeekneen ummatoota jaarraa dheeraaf waliin jairaatan irratti midhaan yammuu raawwatamu mootummaan tarkaanfi mirga nama kabajsisu fudhachuu irraa qusatera, hoggantoonni mootummaa feedaraalawaa eerga haalli ittiin jiruu daawwatan boodas furmaata nuf-hinlaanne jeedhani koomachuu isaani gabaasa gareen dhiyaate irratti tuqamera.  

Gabaasoonni lameen gubbaa irratti tuqaman dhugaa tokko ifaa godhu. Inniis walitti-bu’insoota biyyatti keessa mudataniin; keessattu walitti-bu’insa naannoolee Oromiyaa fi Sumale Itiyoophiyaa giddu mudateen kan midhaan itti gahee lamillee Itiyoophiyaantoota irratti ta’u isaati. Faalama dingdee wladhabinsaani fi walitti-bu’insaan uumameen kan midhaman Ityoophiyaantoota. Qabeeyna barabadaaheen kan midhamaniis Itiyoophiyaantoota.

Walitti-bu’insa Oromiyaa fi Sumale Itiyoophiyaa giddu mudateen jiruu o’aa isaan irraa buqaahani, kaampii keessa qubachhuuf kan dirqaman Itiyoophiyaantoota. Lamilee jiruu isaan irraa bu’qaahaniif ittigaafatamuummaan garaarsa ariifataa dhiyeesuuni fi deebisanu dhaabuunis gateetti Itiyoophiyaantoota irratti kufe. Nmoonni gara lamaanu qaamni isaani midhame fi lubbuun isaa darbees Itiyoophiyaantoota.

Hubadhaa; walitti-bu’insa uumuu keessatti dinoonni biyyattii fi ergamtoonni isaanii qooda qabaachuun isaanni dhugaa ta’ulle, kallattiinis ta’e alkallattiin walitti-bu’insi kan rawwatame Itiyoophiyaantootani. Wlitti bu’insa kanaan battalummatti kan midhaman, fulduurattiis kan midhaaf saaxil bahan Itiyoophiyaantoota. Hirmaattoonni walitti bu’insaa, walitti-bu’insichaan kan midhamanis Itiyoophiyaantoota ta’u isaani hubadhaa. Walitti-bu’insa hambbisisuun midhaa irraa of baraaru kan dandaahnis Itiyoophiyaantoota qoofa.

Walitti-bu’insoonni hirmaannaa Itiyoophiyaantootaan adeemsifamaa jiran fi Itiyoophiyaanttoonni ittiin midhamaa jiran  dinoota biyyattiif qawaa kan banu ta’uun isaas hubatamu qabaa. Haalli jeequmsaa fi walitti bu’insi kan itti fufu taanaan, walnyaachaa gara dhumaa adeemu keenya waan hinhafne. Dinoonni biyyatti  Eritiriyaa fi Misir ffk haalleellaaf haarka kasuun isaanis waan hin’olle. Mankaraarissuummaan amantii akka dadamaqqu haala kan mijeessu ta’uun isaas hubatamu qabaa. Kanaaniis kan midhaman Itiyoophiyaantoota.

Waluma galatti; waldhabbiin, jeequmsi fi walitti-bu’insi biyyatti keessa uumamu dinaaf yo ta’e malee lammii kamiyyuufu hinfayyaddu. Wlaitti-bu’insa lammiilee giddu uumamuun namuu hinjifannoo hin’argtu; lammiieen marti nihinjifatamu malaee. Kanaafu, walitti-buinsaan haarki haarka nyaate qullaa hafuurraa of qusachuun abshaalummaa dhaa.