Artcles

HIDHI GUDDICHI HAAROMSA KEENYAA FI  HAARA’UMMAAN KEENYA CIMANII ITTI  FUFU!

By Admin

January 23, 2018

HIDHI GUDDICHI HAAROMSA KEENYAA FI  HAARA’UMMAAN KEENYA CIMANII ITTI  FUFU!

Tokkummaa Biyyaa

Biyyi Addunyaa kun bu’aa teknooloojii gara garaa haala jiruu fi jireenya namoota salphisan hedduu buusaa jirti. Kanaafis jireenyi namoota haala ajaa’ibsiisaa ta’een gara jireenya fooyya’aa ta’eef ammayyaawaatti ce’ee jira. Kunis kan ta’uu danda’eef  humni ibsaa (electrical power) ga’ee guddaa taphatee jira. Taateewwan amma Addunyaa kana irratti ta’aa jiraniif teknooloojiin wajjin wal qabatanii uummatatti as ba’aa jiraniif ga’een humni ibsaa salphaa hin jedhamu. Biyyootni Addunyaa duroomte keessa jiranis fayyadamummaa ibsaa isaanii akka gaariitti kan mirkaneeffattan yommuu ta’u sadarkaan guddina isaaniis akkuma sana kan baayee fooyya’eedha.

Haa ta’u malee biyyoota Afrikaa yoo ilaalle guddina dinagdee isaaniitti hudhaa guddaa ta’ee kan jiru humna(energy) haala salphaadhaan hojii gara garaa hojjechuuf gargaaru dhabuu dha. Fakkeenyaaf  biyya keenya Itiyoophiyaa yoo ilaalle dinagdeen keenya duraanii qonna aadaa irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef guddina barbaadamu argamsiisuu hin dandeenye. Yeroo ammaa kana ammoo xiyyeeffannoon mootummaan amma qabatee jiru guddina dinagdee Industirii irratti hundaa’ee fi jireenya fooyya’aa uummata biyyattiif jedhee socho;aa jira. Kana fiixaan baasuuf ammoo humni barbaachisaa dha. Sababnisaa sochiin dinagdee industrii fi humna ibsaa wal faana waan deemaniif.

Kanumarraa ka’uun rakkoowwan humna ibsaa, jallisii, fi dhiibbaa lolaa  furuuf  mootummaan Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa abdii egeree biyya kanaati jedhamee itti amanamee hidha kana hidhuuf erga hojii keessa seenamee waggoottan ja’aa ol lakkoofsifneerra. Hojichis cimee itti fufee jira. Mee seenaa ka’umsa Hidha Haaromsa Laga Abbaay xiqqooshee wal yaadachiifna.

Ka’umsi Laga kanaa Itiyoophiyaa Naannoo Mootummaa Amaaraa ta’uun laga Addunyaa kanarraa fageenya dheeraa biyyoota gara garaa keessa deemuun beekamaa dha. Biyyoota keessa darbu kanaafis faayidaa kennuu irra darbee akka mallattoo biyya sanaatti kan ilaalamuu dha. Fakkeenyaaf biyyi Misir (Gibxi) fi laga abbayyaa jechuun dha’annaa onnee biyya sanaati jechuun ni danda’ama.  Kanumarraa ka’uun baroota hedduu dhaaf  dhimmi bishaan abbaay kanaa dhimma biyya Misir qofaa ta’ee akka ilaalamuuf eenyu illee bishaan kana kubbaayyaa tokkollee akka hin waraabanne fedhii biyya Misir ture.  Fedhiishee kana dhugoomsuufis bara Mootummaa Hayile Sillasee jechuun bara 1951-1958 tti beekumsa Itiyoophiyaa malee ykn hirmaachisummaa Mootummaa Itiyoophiyaan ala biyyi Misir barootuma kana keessa akkaataa itti fayyadama bishaan Abbaay kana biyyoota Afrikaa kanneen akka Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Burundii fi Keenyaa wajjin walii galtee itti fayyadama bishaan kanaa akka uumamu taasisuun sochii dhuunfannaa qabeenya waliinii kana dhugoomsuuf yaalii taasisaa turteetti.

Kanumarraa ka’uun Mootichi Hayila Sillaasee  tuffii fi maal na dhibdeen biyyoota armaan olii isa aarsinaan qarshii akka yeroo sanaatti hedduu dha jedhamee yaadamu gara doolara milioona kudhanii (USD 10 mil.) ramaduun qorannoon “ Land and Water Resources of the Blue Nile Basin:Ethiopia) jedhamu akka adeemsifamu gochuun bishaan kun faayidaa biyya keenya Itiyoophiyaaf akka oolu yaalii taasisee ture. Haa ta’u malee geggeessaan biyya Misir yeroo sanaa  Gamaal Abdulnaassir kana dhageenyaan jeequmsi biyya itiyoophiyaatti akka ka’u haala mijeessuu dhaan karoorri sun akka fashalaa’uuf ga’ee ol-aanaa taphateera.

Haa ta’u malee sochiin itti fayyadamummaa Laga kanaa bara 2002 eegalee biyya keenya Itiyoophiyaatti akka ajandaa duraatti kan ilaalamaa jiruuf tokkummaa biyya kanaa mirkaneessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba. Biyyi Itiyoophiyaas rakkoo humna ibsaa furuu fi qonna ammayyaa’aa kanneen akka jallisii fooyya’aa fi Oomisha qurxummii fooyya’aa argamsiisuuf bishaan biyya kana keessatti argamu kana fayyadamuun hiyyummaa baroota hedduu moggaasa biyya kanaa ta’e seenaa taasisuuf kutannoo fi ejjennoo guutuu dhaan erga eegaltee kunoo waggaa saddeeffaa ishee eegaltee halkaniif guyyaa erga hojiin sun jalqabamee sekondii tokkoof adda citee hin beeku. Ciminaanis itti fufamee jira. Uummatootni Itiyoophiyaas haala nama ajaa’ibuun erga dhagaan bu’uura Hidha Guddicha Haaromsa keenyaa kaa’ameetii osoo hin nuffin gargar ciccitiinsa tokko malee deggersa qarshii, humnaa fi beekumsaa kennuufiin sadarkaa Hidhi kun irra ga’ee jiruuf shoora ol’aanaa taphachaa jiru.

Kun utuu ta’ee jiruu haalli nageenyaa biyya keenyaa fi walitti dhufeenyi biyyoota dhimmi Laga kanaa isaan ilaallatu wajjin qabdu rakkoo keessa jira shakkiin jedhu darbee darbee ni dhaga’ama. Haa ta’uyyuu malee biyyi Itiyoophiyaa dhimma bishaan kanaa ilaalchisee biyya fayyadamummaa waliiniitti amantuu fi rakkoo kanaa wajjin wal qabatu uumuu hin barbaanne waltajjiiwwan gara garaa irratti ibsaa turtee dha, ejjennoonshees hin jijjiiramnee dha. Sababnisaa akkaataa labsii fayyadamummaa qabeenya Uumamaa biyya keenya keessatti argamuu mirkaneessuu ilaalchisee seeraa fi dambii walii galtee Addunyaa eegdee socho’aa waan jirtuuf.

Haaluma kanaan yeroo ammaa kana biyyi Misirii fi Itiyoophiyaa haala nagaa ta’eef tasgabbaa’aa ta’een dhimmi Hidha Haaromsa kanaa kan walitti nu fidu malee kan walitti nu buusu akka hin taane maree waliinii Ministeerota Biyyoota Misirii fi Itiyoophiyaa 6ffaa  irratti bal’inaan ka’eera. Sababnisaa walitti dhufeenyi Itiyophiyaa fi Misir waggoota 700 ol kan ta’uuf dhimmi wal jaalala biyyoota lamaanii hidha kana akka caalu pirezdaantiin biyya Misir ammaa Abdulfattaah Alsiisiin yeroo dubbatanitti biyyoonni kun lamaan karaa Amantaa, Dinagdee fi Siyaasaa wal utubuun  biyyoota har’a ga’an dubbataniiru.

Gama biyya keenyaanis Itiyoophiyaan yoomillee taanaan walitti bu’iinsi akka hin uumamne kan barbaadduu fi karaa nagaa dhaan fayyadamummaa waliiniif akka hojjettu Muummeen Ministeera biyya kanaa Obbo Haayilamaariyaam Dassaaleny ibsaniiru.

 

Egaa akkuma armaan olitti ilaalle sochiin hojii Hidha Haaromsa biyya keenyaa fi Haara’ummaan siyaasa keenyaa cimee itti fufee jira. Akkuma beekamu Hidhi kun baajata Mootummaa Itiyoophiyaan kan hojjetamuu fi qarshii Doolaara Amerikaa Biliyoona 8 ol kan itti ramadamee hojjiirra jiru yommuu ta’u yeroo ammaa kana hojiin hidha kanaa dhibbeentaa 70(70%) irratti kan argamuuf xumura bara kanaatti anniisaa maddisiisuu eegala.

Akkuma beekamu jalqaba irratti rakkoon anniisaa( energy) guddina biyya kanaatiif hudhaa guddaa ta’uu isaa ibseen ture. Fakkeenyaaf hojii kamiinuu hojjechuu dhaaf yeroon ammaa anniisaa ibsaan ala yeroo itti yaaduun hin danda’amne ta’aa dhufeera. Sababa gargar ciccitiinsa anniisaa ibsaatiif  dargaggoonni hojii gara garaa irratti ( hojii mukaa fi sibiilaa, industriiwwan, jallisii ammayyaa, daabboo tolchuu) fi kkf humna ibsaa malee waan hojjetamneef  kufaatii fideera.

Garuummoo Abdii tu jira. Hidhi Guddichi kun gaafa xumuramu baduu ibsaa tu nama dhiba malee jiraachuun ibsaa nama hin dhibu. Hojiin barbaachisaa ta’es akka barbaadametti hojjetama jireenyi hawaas dinagdee lammilees ni fooyya’a jedhamee waan yaadamuuf abdiidhaan eegaa jirra.

 

Kanaaf hirmaannaan hawaasa lammilee Itiyoophiyaa akkuma baratamaa ta’een itti fufee jira. Ejjennoon mootummaas akkuma yeroo duraanii cimee jira. Wanti haaraan yoo jiraate “ Hidha Haaromsa Guddicha Biyya keenyaa cinatti  Haara’ummaan Siyaasa biyya kanaas cimee itti fufuu qaba” kan jedhuun hamilee guutuu dhaan kan hojii keessa jiramuu dha.

Kanumarraa ka’uun mootummaanis rakkoo keessoo isaa hiikaa hojii dippilomaasii cimaa hojjechuu dhaan fiixa ba’umsa boonsaa argachaa jira.

Walumaa galatti lammileen biyya kanaa Deggersa Hidha Guddicha Haaromsa kanaaf tumsa taasisaa jirru hundi seenaa dhalootaa dhalootatti darbu dalagaa waan jirruuf itti boonuutu nurra jiraata. Hojii ishee xiqqoo hin xumuramin jirtummoo wal tumsinee akka xumurru abdiin qaba.