Artcles

Manneen  barnootaa fi Dhaabbileen barnoota dirree  siyaasni ittin geggeefaman miti!

By Admin

January 11, 2018

Manneen  barnootaa fi Dhaabbileen barnoota dirree  siyaasni ittin geggeefaman miti!

Tollaa Ollana

Barnootni furtuu rakkoowwan maraa siyaasa, dinagdee, akkasumas rakkooleewwan hawaasummaa ta’uun isaa kan wal nama gaafachiisu miti.

Seera uumamaa keessattis rakkoon kamiyyuu jiraachuu ni mala. Rakkoowwan kanaafis qaamoleen gara garaa furmaata waarawaa dhalootaaf kan gumaachaa jiran kanneen marsaa barnootaa keessa darban qofa dha.

Keessumaa biyyi keenya Itiyoophiyaan rakkoowwan waggoota dheeraa keessa kan turtee fi ammas rakkoo hedduu keessa kan jirtuu dha. Kanaafis rakkoolee mul’atan hundumaaf furmaata ta’a jettee kan ittii amantee hojjechaa jirtu barnootaa fi barnoota qofa.

Kanaafis doofummaa fi boodatti hafummaa hambisuuf manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota ol’aanoo kanneen akka Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa, Dhaabbata Leenjii Ogummaa Qonnaa, Dhaabbabata Leenjii Teknikaa fi ogummaa , Yuunivarsitiiwwan gara garaa babal’isuun jireenyi hawaas- dinagdee biyya keenyaa akka fooyya’uuf hojjetamaa jiraachuun isaa kan wal nama gaafachiisu miti.

Dhaabbileen armaan olitti tarreeffaman kunneenis barattoota bor egeree maatii , egeree biyyasaanii ta’an qofa irratti xiyyeeffatee kan qindaa’eef hojii irra jiruu dha.

Dhaabbilee kanneen  irraayis dargooggootni miliyoonotaan lakkaa’aman fayyadamoo ta’uun sadarkaa biyyi keenya Itiyoophiyaan irra geessee jirtu kana akka geessuuf shoora ol’aanaa taphatee jira. Kallattiidhaanis dargaggotni biyya keenyaa barnoota irraa argatanii jiru argachaas jiru.

Haa ta’u iyyuu malee rakkoowwan yeroo adda addaatti darbanii darbanii mul’ataniin  manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota Ol’aanoo kaayyoo isaanii jalqabaa dagachuun bakka siyaasni itti geggeefamaa jiru ta’uun isaanii faayidaa isaarra miidhaa isaatu caala. Kunis silaa barataan rakkoowwan darbanii darbanii mudatan kan hawaas-dinagdee kamiin iyyuu akka galumsaatti fudhatee furmaata barbaachuun hojiiwwan kalaqa adda addaa hojjechuu fi yaada furmaata rakkoo kamiinuu bifa qorannoon furmaata barbaaduun  kan irra ture rakkoowwan mudataniif taatoo( character) ta’ee rakkoo hafarsuun saalfachiisaa dha.

Barataa jechuun kanneen hin baranne irraa wanti adda isa godhu rakkoowwan mudatan kamillee furmata marii fi qorannoo irratti hundaa’ee fiduutu irra jiraata.

Yeroo ammaa kana garuu kan mul’achaa jiru barattootni keenya bor egeree biyya kanaati, bor biyya kana geggeessu jedhamanii yaadaman kaayyoo maatiin isaanii qonnaan bulaan rakkina ani dabarse dhalli koo hin dabarsin jedhee osoo ofii waan gaarii hin huffatin “mucaakoo barsiisuu naaf wayya” jedhee , osoo sangaa tokko ykn  lamaan qotatuu dhala isaa barsiisuuf jecha gabaatti baasee gurguree mana barnootaatti ergu maal na dhibee dhaan lafatti gatanii miira daangaa hin qabne keessa seenuun mul’ata maatii fi biyyaa jaamsanii dirree barnootaa bakka siyaasaa taasisuun aadmale!

Kanummaarraa ka’uun gaaffiiwwan suutaa fi atattamaan deebi’uu qaban kamiin iyyuu bifa tasgabbii qabuu fi  bifa mariitiin dhiyeessanii furmaata itti barbaaduu irra yeroon mana barnootaa dhiisanii galan mul’achaa ture. Kunimmoo rakkoowwan jiran daran cimsuu ala faayidaan inni qabu hagas mara quubsaa miti, naanna’ee naanna’ee rakkoon inni fidus barataa barumsa isaa dhiisee galeef maatii hiyyeessa ykn qotee bulaa keenya ta’a. Akkuma beekamu manneen barnootaa akkaataa seera ministeera barnootaan seera ittiin bulmaata mataa isaanii kan qabanii fi gabatee yeroo mataa isaanii kan waggaa tokkoo waan qabaniif gabateen( schedule) kunneen kan hin jijjiiramnee dha. Gabateewwan yeroo kana keessattis yeroon qormaata naannoo, biyyoolessaa fi akkasumas qormaata Seensa Dhaabbilee barnoota ol’aanoo akkaataa karoora isaaniin waan socho’aniif  barataan yeroo isaatti fayyadamee of hin qopheessine dorgomaa akka hin taanee beekamaa waan ta’eef itti yaaduun barbaachisaa dha.

Dhalli namaa hundinuu umuriin isaa geenyaan dhaaba siyaasaa kamiin iyyuu deggeruu kan danda’u yammuu ta’u bakki isaa garuu manneen barnootaa ala ta’uu akka qabuu fi bakka dirreen isaa qophaa;eef qofa akka ta’uu qabu barataa fi qaamni kamiyyuu beekuu qaba.

Kanaaf  dhaloonni biyya kanan baraara dirqama lammummaatu narra jira jedhee of amanu barumsa isaarratti xiyyeeffatee rakkoowwan gama kamiin mula’ataniif qaamolee dhimmi isaa ilaalu gadi taa’i jechuu dhaan furmaata akka barbaadu dhaamsa dabarsaa, seenaa biyya kanaa jijjiirruun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba.