Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Maree Mootummaa fi Paartilee Mormitootaa

0 634

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Maree Mootummaa fi Paartilee Mormitootaa

Maree Shiferaw

Biyya guddaa Uummattoota Miliyoonaan lakkaa’amu qabu mitii maatii xiqqoo miseensota maatii lama sadii qabu keessa rakkoon jiraachuun isaa taatee uumamamaa ti. Sababa rakkoowwan gara garaa uumamaniif maatiin kan diigamu osoo hin taane gad taa’anii irratti mari’atanii furmaata waarawaa barbaaduun egeree mana sanaaf barbaachisaa dha.

Biyyi keenya itiyoophiyaanis baayina uummata miliyoona 90 ol kan qabduu fi saboota fi sablammoota fedhii gara garaa qaban biyya keessummeessaa jirtuu dha. Uummattootni kunneen hundi sirna mootummaata gara garaa keessumeessaa  turanii dha.  Mootummooleen kanaan dura turanis siyaasni isaan geggeessaa turan fedhii hawaasa bal’aa kan giddu galeessa godhate osoo hin taane kanneen biyya geggeessaa turan akka waan isaan taayitaa waaqa biraa argataniitti kan barsiifamaa turee fi namni mirga isaaf qabsaa’e akka nama waaqatti bu’eetti ilaalamaa kan turee dha.

Adeemsi kun ammoo lammileen biyya kanaa akka hacuucamaniif mirga namoomaa isaaniif akka hin qabsoofne taasiseera. Sirni amma dubbachaa jirru kun hanga bara 1967 tti kan itti  fufee ture yommuu ta’u. Bara 1967 ALH tii kaasee mootummaa fedhii hawaasaaf hojjetu yoo fakkaatee hanga xumura bara 1983 tti cunqursaa fi uummata irraan miidhaa suukanneessaa geessisuun itti fufee ture. Haalli bulchiinsa Mootummaa  Abbaa Hirree kunis fedhii sabaa fi sablammootaa qofa xiyyeeffannoo keessa kan galfatee hojjetu osoo hin taane mootummaa kabaja teessoo isaa fi waraanaan biyya geggeessaa ture waan ta’eef uummata biyya kanaa waan hin gammachiifneef  bara 1983 aangoo irraa akka bu’u ta’eera.

Bara 1983 irraa kaasee Mootummaan ADWUI biyya kana erga geggeessuu eegalee kaasee hanga danda’ametti Bulchiinsa sirna Dimokiraasii hordofuu irratti kan argamuu dha.  Adeemsa isaa waggoottan 27 kana keessattis gadi bu’uuf ol ba’uun isa mudachuutti jira.  Kunis kan ta’uu danda’eef yaaliin biyyi keenya sirna Dimokiraatawaa hordofuuf jettu umrii gabaabduu waan taateef sirna bulchiinsa kanaan dura turan dhiibbaa irraan ga’aa waan tureef bu’uura dimokiraasii haaraa ijaaruun sirna bulchiinsa ammayyaawaa fiduun hojii manaa guddaa waan ta’eef  sirna Dimokiraasii dhugaa diriirsuun lafarra harkifatee jira.

Jalqabumaasaarraa yeroo kaanu akkaataan dhufaatii Mootummaa ADWUI  sirna Dimokiraasii dhugaa diriirsuuf faayidaa uummataa giddu galeessa godhatee hojjechuu ture. Adeemsa kana keessattis sirna kana diriirsuufis humni namaa barbaachisaa ture. Namni nuti jennu kunimmoo akkaataan guddina isaa sirnootuma nuti sila jennu kanneen akka abbaa hirree faa ilaalaa guddatee dha. Dugduubeen isaa(background) isaa sirna dimokiraasii waan hin taaneef raawwachisummaa karoora mootummaa keessatti ga’ee waan qabuuf akkaataan raawwachisummaa nama kanaa seenaa duraa sanaan dhiibbaan irra ga’uu danda’a. Dimokiraasii kanas haalaan hojii irra oolchuun yeroo itti laafaa ta’e tureera ammmas jira. Garuummoo adeemsawwan kana hunda keessatti rakkoowwan gara garaa yoo jiraatan illee biyyi kun sadarkaa duraan irra turte irraa baayee kan guddattee fi kan guddachaa jirtuu dha. Ga’aa ta’uu baatus.

Aadaa sirna Dimokiraasii keessaa inni ol’aanaan Filannoo uummataa tiin biyya geggeessuu dha. Filannooyeroo jedhamu ammoo paartii tokko qofatu biyya kana isiniifan guddisaa beekkamtii naaf kennaa jedhee uummatatti dhiyaata osoo hin taane paartilee tarsimoowwan gara garaa biyya kana fayyadantu hedduminaan dhiyaachuu qaba.  Mootummaan ADWUI s filannoowwan yeroo gara garaa adeemsifame irratti paartileen gara garaa akka jiraataniif sirni  paartilee siyaasaa hedduun akka jiraatan itti amana ciminaanis irratti hojjetaa jira. Akka mootummaa Itiyoophiyaatti paartileen siyaasaa ijaaraman kamiyyuu  filannoof dhiyaatanii mo’atanii akka biyya geggeessaniif ykn yoo mo’atamanis dhimmoota biyya kana ni fayyadu jedhamanii yaadaman irratti waliin mari’achuuf waliin hijjechuuf fedhii guutuu qaba. Ka’umsi isaa biyyaaf uummattoota biyya kanaa fayyaduu hanga ta’ee jirutti.

Haa ta’uyyuu malee paartileen siyaasaa mormitootnis ta’e paartiin biyya geggeessaa jiru yeroo waa’ee dhimma biyyaa mar’itan arguun badaa hin mul’atu yeroo baayee waggaa shanitti yeroo filannoon ga’u yeroo wal falman argina. Kunimmoo aadaa jijjiiramuu qabuu dha. Yeroo ammaa kanaa mootummaan biyya bulchaa jiruu fi paartileen mormitootaa seeraan galmaa’anii biyya kana keessa socho’aa jiran dhimma biyyaa irratti mareen akka geggeeffamuuf fedhii isaanii kan agarsiisanii wantoota gara garaa irratti mari’achaa jiru.  

Barbaachisummaa maree kanaa yoo ilaalle waan baayeef faayidaa akka qabu kan wal nama gaafachiisu miti. Faayidaa maree kanaa inni ol’aanaan dirree dimokiraasii bal’isuun  hirmaachisummaa paartilee dabaluun yaadoleen maree sana irraa cuunfamanii argaman faayidaa biyyaaf akka oolan gochuuf ga’ee guddaa qaba. Adeemsa maree kana keessatti yeroo mari’attootni baayeen irratti argaman yaada gaggaarii biyya kana fayyadan waan dhufuu danda’aniif guddina biyya kanaaf ga’ee ol’aanaa qaba. Yaadoleen mareef dhiyaatan kunneenis seerota biyyattiin kun yeroo ammaa ittiin bulaa jirtu yommuu ta’uu ammaaf kan irratti mari’atamaa jiran seerota filannoo fi seerota dhimmoota shororkeessummaa wajjin wal- qabatan irratti bal’inaan mari’atamaa jira. Bu’aan xumura maree kanaas seerota kana guutummaan guutuutti balleesuu osoo hin taane waantootni akkaataa barbaachisummaa isaaniitti itti dabalamuu qaban yoo jiraatan kan itti dabalamanii seerota ba’anii seerota kana cimsan yommuu ta’u inni kan biraan ammoo seerota kana keessatti qabxiiwwan barbaachisoo hin taaneef faayidaa uummataa irraan miidhaa geessisan yoo jiraatan kan irraa haqamanii seera kana guutuu taasisan ta’uu malu.

Mootummaan Itiyoophiyaas ka’umsa maree kanaaf yaadolee lamaan armaan olitti barreeffaman kana yoo irratti mari’ataman hanga fedhii hawaasa kanaa hin miinetti jedhee balbala maree banaa gochuun mareetti galamee jira.

Paartileen yeroo ammaa kana Mootummaa waliin seerotni amma hojii irra jiran fooyya’uu qaba jedhanii mari’ataa jira paartilee siyaasaa 20(digdama) ol yommuu ta’an gara fuula duraatti kan itti dabalamanis jiraachuu malu.

Fakkeenyaaf yeroo baayee seerri filannoo keenyaa paartii biyya bulchu qofaaf akka mijatutti kan ba’eef paartilee mormitootaa irraan dhiibbaa kan geessisu ta’uun irratti mar’itamaa jira. Rakkoowwan ka’an keessaa filannoon geggeefamu haqa-qabeessa, ifaa fi bilisa akka hin taane, boordii filannoo of danda’e dhabuu, hirmaannaan teessoo paarlaamaa keessaa rakkoo akka qabu, itti fayyadami Miidiyaalee mootummaa rakkoo akka qabu ka’ee irratti mari’atamaa jira.

Seera shororkeessummaa ilaalchisee seerri jirus  seera mirga namooomaa fi sochii namoota dhuunfa irratti dhiibbaa fidu waan ta’eef sirraa’uu qaba kan jedhuu dha. Fakkeenyaaf geggeessitootni siyaasaa fi gaazexessotootni badii yoo balleessan Seera farra shororkeessummaa himatamuurra seera yakkaatiin himatamuu akka qaban mareef dhiyaatee jira.

Seerota kanatti dabaluudhaan yaadni paartilee mormitootaa ijaarsi sirna dimokiraasii biyya kana keessaa laafaa akka ta’e, hojiiwwan hojjetaman keessatti itti gaafatamummaa fi iftoominni akka hin jirre, kiraa sassaabdummaan akka lafa qabatee biyya kana miidhaa jiru, rakkoon bulchiinsa Uummata waliin wal madaaluu dhadhabuu jiraachuu isaaf kkfn yaadota ka’anii turanii dha.

Kanummarraa ka’uun Mootummaan ADWUI s seerotni armaan olitti nuti ilaalles ta’e rakkoowwan eeraman kun yoo furaman fedhii isaa ta’uu ibseera.

Walumaa galatti rakkoon kamillee ha jiraatu rakkoo kana hiikuuf walitti bu’iinsa biraa keessa galuurra gadi taa’anii teessootti naanna’anii rakkoowwan mudataniif yoo irratti mar’itan gaarii dha.

Kana caalaa ibsituun dimokiraasii maaliree?

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy