Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Nageenya Egereef Yaahojjannu

0 386

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Nageenya Egereef Yaahojjannu

Ibsa Namarraa

Walitti-bu’insi naannoolee Oromiyaa fi Sumaalee Itiyoophiyaa giddu mudate ummattoota giddu kan uumame akka hintaanne ummanni raga bahaa turun isaa nibekamaa. Ta’ulle sababa walitti-buinsa kanaan gara lamaanu namoonni kuma ibbaan lakkaahaman jiru isaan irraa buqqaahani jiru. Namooni lubbuun  isaani darbee hammam akka ta’an hanga ammaa ifaa ta’u dhabulle, namoonni heedduu lubbuu isaani akka dhaban ragooleen nimul’isu. Manni maree bakka bu’oota ummataa feedaraalawaa, dhimma kana qorachuuf garee suparvizhini tokko gurmeesse ture. Gareen kun haala dhuuma ji’a Hagayya bara 2009 irraa hanga Sadaasa 30, 2010 ture hubbachuuf, iddoowwan walitti-buisi ittin uumame fi buqqaatoonni itti qubatan daaww’ate mana marichaaf gabaasa dhiyeessera.  

Gabaasni mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaate, ummattoota naannoolee lamaan irratti midhaan kan rawwatame ummataan osoo hinta’ini, human addaa fi polisii naannoolee lamaatin akkasumas miilishaa fi huggantoota bulchinsaatin ta’u isaa daaw’anna diree adeemsifameen hubatamu isaa ni’ibsaa. Haala sukkanneesa ta’een daa’imtoonni maati isaan irraa adaan bahuu isaanni, akkasuumas dubartoota irratti midhaan saalaa rawwatamu isaas gabaasichi nimul’isaa.  

Midhamtoonni walitti-bu’insa, waldhabinisi naannoolee lamaan giddu uumamee gara walitti-bu’isatti akka hinguddanne fi ummata irratti balaan akka hinqqaqqabne ittisu irrtti mootummaa feedaraalawaa laafinsa agarsisera jedhani komataniru. Ummattoota jarraa dheeraaf nageenyaan walin jiraatan irratti gochi sukkanneessaa kanaan dura argame hinbekne yammu raawwatamu mootummaan feedraalawaa ariftaan tarkaanfi fudhachu dhabuu isaatinis komataniru.

Walitti qabaan mana maree nageeyna biyyooleessaa fi ministeerri ittisa biyyaa Obbo Siraaj Fageessaa Amajji 2, 2010 raawwii hojii mana maree ji’a tokko ilaalchise ibsaa gaazeexeesitootaaf keennaniin, iddoowwan naannoolee lamaan walitti-bu’insi itti uumame ture amma tasgabaahaa jiraachu isaani beeksisaniru. Iddoowwan kana keessa humnoonni nageenya naannoolee fi hidhattoonni kan biro akka bahan taassifame, humni nageenya feedaraalwaa qubachu isaas ibsani jiru. Amma ummattoota lamaan giddu haariroon dur ture deebi’aa jiraachu isaas eraniru. Kunis walitti-bu’insi kan ummattoota giddu uumame akka hintaanne mirkaneessaa jedhaniru.

Amma wanti xiyyeeffana addaa barbaaddu, wayee buqqaatoota kuma ibaan lakkaahamani dhaa. Buqqaatoota kaampi keessa walitti qabuun garagaarsa arifachisaa laachaa jiraachisuun buqqaatoota rakkoof kan saaxilbasu ta’uun isaa ifaa dhaa. Kanaafu, hamma dandaahameen naannoolee lamaan giddu nageenya amansisaa busu dhaan, akkasumasa ol’aantummaa seeraa mirkaneessu dhaan buqqaatoota gara jiru isaani akka debi’an taassiisuun barabaachisaa dhaa. Soochi buqqaatoota gara jiru isaani deebisuf godhamu ilaalchise wanti dhagaahamu jiraachulle, hanga ammaa wanti qabatama hinmul’anne.

Gabaasa garee suparvizhinitin mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiyaate keessa, dhimma buqqaatoota ilaalu irraa ka’u dhaan gaaffii miseensoota mana mareerraa ka’eef ministeerri Hore bulaa fi Dhimma Feedraalwaa Obbo Kabbada Caannee debii keennanni turan. Debii Obbo  Kabbada Caanneen keennanniin, buqqaatoota gara jiru isaani deebisuu duura konfaransii nageeny adeemsissuf yadame turu isaa kaasani, ta’ule rakoolee jiraniin osoo hindandaahamin hafu isaa beeksisaniru. Mootummooleen naannoolee lamaanis dhimma kana irratti qindaahani hojjachu irratti laafinsa agarsisaa turu isaanis ibsaniru. Garuu amma buqqaatooda gara jiru isaani deebisuuf hojiin jalqabamu isaa eraniru.  

 

Egaa, buqqaatoota gara jiruu isaani akka deebi’an tassiisuun nageenya amansisaa waan barabaaduf, akka Obbo Kabadaan jeedhanitti, konfaransii nageenya ummattoota naannoolee lamaan adeemsisuun murteessaa dhaa. Amma haalli tasgabaa’aan uumamu isaa, akkasuumas iddo tokko tokko irratti haariiroon ummattoota giddu ture daraaraa jalqabuun isaa konfaransii nageenya adeemsiisuuf mijataa waan ta’eef carraa argame kanaan fayyadamuun barabaachisaa dhaa. Kana cinaas, namoota yakka raawatame keessa harki isaani jiraa jedhamani shakaman mara too’anna jala olchuun barabaachisaa dhaa. Kun ol’antummaan seeraa jiraachu isaa waan mirkaneessuuf buqqaatoonni gara jiru isaani debi’uuf akka murteessan kan jajjabbeessu ta’uun isaa hubatamu qabaa.

Ragooleen hanaga amma jiran akka mul’isanitti, buqqaatoonni baay’ee gara jiru isaani deebi’uuf feedhi hinqabani. Buqqaatoota gara jiru isaani akka debi’an kakkaasuuf duraan nageenya amansisaa uumuun barbaachisaa dhaa. Kanuma waliin ol’aantummaa seerraa mirkaneessuuniis murteessaa dhaa.  Mootummooleen naanoolee lamaani fi feedaraalawaa kana hubachu qabu. Kana ala buqqaatoota dirqani gara duraan itti jiranitti deebisuun hindandaahamu, seeraanis dhowwaa dhaa.

Buqqaatoonni gara jiruu isaani debi’uf feedhi yoo dhaban filanoon hafuu naanoo baqatanni itti deemanitti dhaabu dhaa. Gara kanaan naaannoo Oromiyaa keessa sochiin jalqabamera. Fakkeenyaaf godina Shawaa bahaa magaala Mojoo, Arsii lixaa magaala Bishaan Gurraacha, Shaashamanne, godina adda naannoo Finfinnee magaala Dukam fi laga xaafuu, akkasumas magaala Adaamatti buqqaatoota qubachisuuf hirmaannaa ummataatin ijaarsi manneen jirenya jalaqbame jiraa. Walumagalatti Mootummaan naannoo Oromiyaa buqqaatoota kuma 86 dhaabuuf kaarooree sochirra jira. Nannoon Sumale Itiyoophiyaas sochi walafakaatu jalqabu isaa kan mu’lisu odeefanoon dhgaahame jiraa.

Egaa; buqqaatoota gara jiruu isaani debi’uuf feedhi hinqabane dirqamaan akka deebi’an taassiisuun waan hindndaahmneef, sochiin jiru haaraa irratti dhaabuuf godhamaa jiru fudhatamaa qabaa. Yaata’u malee, buqqaatoota jiruu haaraa irratti dhaabuun gara baajataan qaalii dhaa. Namoota jiruu haaraa jalqabanif kan barabaachisu mana jireenya qoofa akka hintaanees hubatamu qabaa. Namoota kanaaf carraa hojii uumuuniis dirqama. Kanaafu, buqqaatoota gara jiruu isaani akka deebi’an godhu irratti fulleefachuun filannoo jalqabaa ta’uun isaa hubatamu qabaa. Buqqaatoonni gara jiru isaani deebi’ani hariiroon ummatoota lameen duraani akka daraaru haala mijeessuun, nageenya amanissaa egeereef murteessaa ta’uun isaas hubatamu qabaa.

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy