Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Nageenyi Bu’uura

0 600

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Nageenyi Bu’uura

Ibsa Namarraa

Abbaan nageenya ummata. Nageenyi kan tikfamuus, kan bora’uu dandahus ummataan qoofa. Mootummaan ummata nageenya isaa eguuf kutannoo qabu nigaragaaraa malee, gutummaan gutuutti nageenya kabajsisu hindandahu. Qaamni nageenya boreessu fedhuus, ummanni carraa yoo kenneef malee milkaahuu hindandayu. Kanaafu; abbaan nageenyaas, abbaan nageenya tikfatuus ummata qoofa.

Eegaa; Itiyoophiyaan biyya dinaan marfamte dhaa. Dinoonni biyyati kun kallatti dhaan biyyatti irratti haaleellaa raawwachu hindandaahani. Haaleelu kana dandahani lammiilee biyyatti irratti rarra’u yoo danadahan qofa. Garuu, lammiilee biyyatti irratti rarr’ani nagaa booreesani biyyattiin erga laafte booda, kallatti dhaan haaleelu nidandahu. Kanaafuu, Itiyoophiyaanttooni nageenya isaani tasa akka haarka isaan keessa hinmiliqne dammaqani eguu qabu. Nageenya ummanni biyyatti hinegne mootummaan egu hindandahu. Nageenyi takka miliqnaan deebisun baay’e rakkiisaa dhaa. Haala Sooriyaa, Libiyaa, Somaaliyaa keessa jiru kanaaf raga ta’u danadahaa.

Waggootan darbana lama Itiyoophiyaan  rakko nageenya keessa turte. Dhugaa dhaa; maddi dhabinsa nageenyaa, dadhabbina mootummaa keessa ture dhaa. Biyyattiin rakko bulchinsa gaarii haamaa keessa turte. Malaammalttuummaan kan labsiin heyyamame hamma fakkaatuutti haammaate ture. Haqni shaqaxa maallaqqaan bitamu ta’e ture. Keessattu magaaloota keessa rakkoon hojii dhabinsa daragaggoota gar malee haammaate ture. Dhibaan kun bilchaate, tasa dhooyee moormii addababayin ifa baye.  

Yaata’u malee; moormiin addababayi kun, mootummaan rakkoo isaa hubate, sirreessuuf waadaa seenee tarakaanfi fudhachu jalqabe haalli abdachisaa mul’achu erga jalaqabe boodas itti fufee ture. Wanti kun tarkaanfi sirreessaa mootumman fudhachu jalaqabae irrati gufu ta’e ture. Moormiin gara jeeqatti jijjirame qabeeyna biyyatti barabadeessaa ture, lubbu namoota balleessa ture kun feedhi ummataa hinturre. Jeeqni kun kan wixneeffame fi qajeelfamaa ture qindomina warra sirna feedaraalawaa diguuf socho’an fi diinoota biyyattitini. Midiyoolee biyya alarraa tamasahaa turan, keessttu midiyoolee hawaasaa qjeelfama hooloola mootummaa Ertraatiin hojjatan yaadachuun kana mirkaneessa.   

Cabaarra baqaqaa akka jeedhanitti jeeqa kana irratti waldhabbi daangaatiin naannoolee giddu walitti-bu’insi uumamu jalqabe. Jalaqaba irratti naannoolee Amaaraa fi Tigraay giddu, ture ammo Oroomiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu waldhabbi daangaattiin walitti-buinsi uumame. Keessttu walaitti-bu’insi Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu uumamee haala seenaa biyyatti keessa argame hinbeekneen namoota kuma ibbaan lakkaahaman jiru isaan irraa akka buqaahan sababa ta’e jiraa. Walitti-bu’insa kanaan namoonni lakkoofsi isaani hanaga amma ifaa hintaane lubbuu isaani dhabani jiran.

Jeequmsi fi walitti-bu’insi haala kanaan uumame hamma dhiyoo kanatti itti fufe ture. Haala kanaan lammiileen heeddu nageenyi biyyatti akka hinmiliqne sodaatani turan. Dinoonni biyyatti ammo gammachisa badinsa biyyatti dhagahuuf gurra isaani dhaabani turan. Waa maraafu, ji’ootan daraban lamaan keessa nageenyi fi tasagabbiin kan bu’e fakkaataa. Jeequmsa tibbana magaalaa Waldiyaatti mudatee aala iddoowwan naannoolee biyyaati kan biro walumagalatti nageenya keesa turan.

Haala nageenya amma keessa jirru kana uumu irratti, ummanni qooda guddaa qabaa. Waladhbbi daangaa naannoolee Amaaraa fi Tigraay giddu ture kan fure, ummata waladhbbiin daangaa ittin uumame irratti kana jiraatu dhaa. Mootumooleen naannoolee lamaa, waltajji qophessu fi murti umata seeraan raggaasisu ala dhimma lafa daangeessu keessa hinseenne. Rakkoon kun furmaata argachuun isaa, jeequmsa Gondar kaabaa irraa ka’e, midiyoolee haawaasaatin afraasamaa naannoo Amaaraa mara keessa kan bob’aa ture akka qabanaahu taassiise jiraa.

Wlitti-bu’insi Oromiyaa fi Sumaale Itiyoophiyaa giddu mudate turees amma kan qabanaaye fakkaataa. Akka ragooleen mul’isanitti ummattooni saboota lamaan walfagaatani turan haariroo duraan isaani haareessaa jiru. Magaalaan Haararge bahaa, giddu gala daldala jimaa taatee Awadaayille tibbanna gara oo’ina ishee dur deebi’aa jirti. Dhalattoonni Sumaalee magaalatti keessa hojjachaa turan keessa midhaa walitti-bu’insa irraa oolan akkuuma duri hojii isaanii jalaqabani jiru. Ummanni magaala Awadaay amma ittigaafatamuummaan nageenya magaalatti fi naannoo ishee tikfachuun qooda isaa ta’u isaa hubate jiraa. Kun sodaan nageeyna iddoo san ture salaphachaa dhufu isaaf raga ta’aa.

Akkuuma gubbaarra ibsameetti, walitti-bu’insa Oromiyaa fi Sumaalee Itiyoophiyaa giddu mudateen lammileen kuma ibbaan lakaahaman jiru isaan irraa buqqaahani jiru. Nageenya qajeela fi amansisaa uumuuf, lamiileen jiruu isaan irra buqqaahani kun gara jiruu idle isaanitti debi’u qabu. Dhimma kana irratti mootummoonni naannoolee lamaani akkasumas mootummaan feedraalawaa hojii qabatamaa raawwachaa jiru.

Mootummaan feedaraalawaa, warreen buqqaahaniif gargaarasa ariifataa raabsuuf Birri miliyoona 800 ramadee jiraa. Kana malees soochi buqqaatoota deebisani dhaabuuf godhamaa jiruu cimsuuf Birri miliyoona 900 ramade jiraa. Gama biraatiin keessttu mootummaan naannoo Oromiyaa ummata waliin qindaahe buqqaatootaf garagaarasa arifataa laachuu irratti akkassumas deebisee dhaabuuf hojii seena qabeessaa raawwachaa jiraa. Kooreen qindeessaa tumsaa umataa abooti gadaa, abbooti amanti, jaarsoole biyyaa, haayyoota kkf kan of keesa qabu ijaarame, haamilee buqqaatoota jajjabeessu irra jalaqabe hanaga debisani dhaabutti gocha seenaa Oroomoota keessa hindagatamne takka raawwatamaa jiraa. Hnga ammaa kooreen kun ummata irra Birri miliyyoon ibba 6 ool walitti qabe jiraa. Yeroo ammaa qindoomina mootumaan fi ummataan buqqaatoota kuuma 60 qubachisuuf magaaloota gara garaa keessa manneen jireenya ijaaramaa jiru.

Egaa; ummatoota naannoolee lamaan giddu nageenya qajeelaa fi amansisaa uumuuf buqqaatoonni gara jiru tasagabaa’e idleetti deebi’u qabuu. Warra gara jiruu irra turan deebi’u feedhan, akka deebi’an taassisuu; warra deebi’u hinfeene ammo akka haaraatti dhaabuun barabaachisaa dhaa. Erga kun ta’e booda qoofa koonfaransii nageenya ummaattoota lamaan gaggeessuun kan dandaahamu. Konfaransiin nageenya, warra ummattoota lamaan giddu lixani walnyaachisaa turan gololchani baasu danddeessisaa. Kun ammoo ummattoonni jaraa heeduuf waliin jiraachaa bahan, hariiroo isaani haareessanni akka waliin jiraatan haala mijeessa. Dangaa isaaniis mari’atani daangeessu dandahu. Nageenyi kanuma. Naggeenyi ummataan qoofa egamaa jeechuunis kanuma.   

Waluma galatti; abbaan nageenya biyyatti, Nageenya kan egsisu dandahuus, nageenya biyyatttitin kan fayyadamuus, nageenyi yoo dhabamee kan midhamuus ummata. Nageenyi bu’uura misooma, jiruu fooyya’e, jiruu qanani, gammachu fi abdi dhaa. Kanaafu nageeny bu’uura waa mara ta’e kana tikfachuun dirqama ummataati.

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy