Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

“Namni Mana tokko ijaaru Citaa wal hin saamu”

0 872

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

“Namni Mana tokko ijaaru Citaa wal hin saamu”

Dinnaa Bayissaa

Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyya walitti dhufeenya saboota, sablammootaa fi Uummatoota  gara garaatiin ijaaramtee dha.

Sabootnii fi sab-Lammileen biyya keenya keessa jiraatan Aadaa Uumamaan wal danda’uu, wal jaalala fedhii irratti hundaa’e kan qabaniif yeroo gaddaa fi gammachuu cina walii kan dhaabbachaa jiraatanii dha. Afaan gara garaa dubbachuu fi  Aadaa jireenya gara garaa qabaachuun biyya keenyaaf akka miidhaginaattii fi tokkummaa garaa garummaa keessaa ta’ee  tajaajile malee madda rakkoo fi walitti bu’iinsa hin barbaachifnee ta’ee hin beeku.

Uummattootni biyya keenyaa Lammii Itiyoophiyaa asitti dhalatee as biyya kana keessa jiraatu mitii lammilee biyya alaa irraa dhufanii as jiraatan waliin iyyuu kabajaa fi jaalala guddaan kan jiraatuu dha.

Sirna Bulchiinsaa Fooyya’aa fi salphaa uumuu dhaaf jecha Naannolee gara garaatti qoodamuun Itiyoophiyaas fayyadamummaa Uummattootaa daran cimsuu caalaa rakkoon nageenyaa inni uume bal’inaan hin jiru.

Biyyootni gara garaa  sirna Bulchiinsa gara garaatiin biyya isaanii bulchuu danda’u kunis haala Lammilee biyya sana keessa jiraatanii irratti kan hunda’uu dha.

Biyyi keenya Itiyoophiyaanis erga  Sirna Bulchiinsa Federaaliizimii tiin biyya geggeessuutti kaatee waggoottan kurnan lama lakkoofsifteetti . Sirni Bulchiinsa kanaas Naannoon tokko Bulchiinsa mataa isheetii qabaattee , ijaarsa walii gala kan ta’e Itiyoophiyaa ijaaruu keessatti akkaataa heeraa fi seera barreeffameen  ga’een tokkoon tokkoon Naannolee hundaa murteessaa dha.

Akkuma mata duree keenya irratti eegalle dubbiin dubbii mana ijaaruuti , manni kunis mana walii gala kan ta’e Biyya Itiyoophiyaa jedhamtu kana ijaaruu dha.

Adeemsa ijaarsa biyyaa kana keessatti tartiibawwan hordofamuu qaban heera biyyattii irratti ifaan kaa’amee waan jiruuf madda jeequmsaa ykn  diigumsaaf kan nu saaxilu hin jiru. Sababnisaa heerrii fi seerri biyya kanaa  akkaataa walii galtee Uummatoota biyya kanaatti kan itti walii galamee kaa’ame waan ta’eef kabajamuun isaa dirqama waan ta’eef .

Haa ta’u malee adeemsa kamiinuu keessatti fedhiin keenya darbee darbee garaa gara waan ta’eef walitti bu’iinsi  uumamuu danda’a. Walitti bu’iinsawwan  kunneenis madda jeequmsaa ta’anii biyya kana kan diigan osoo hin taane  ibsituu rakkoon jiraachuu isaa ibsan ta’anii tajaajiluu malu. Rakkoowwan mudatanii fis akkaataa  duudhaawwan gara garaa biyyi keenya uumamaan qabduun furmaata itti keennuun kan danda’amu yommuu ta’u, walitti bu’iinsawwan akkaataa inni gaarummaa qabuunis yoo ilaalame gaarii dha.

Fedhiin nama kamiiyyuu dhaabbataa hanga hin taanetti walitti bu’iinsi ( conflict) inni jedhamu tasa baduu hin danda’u. Sababnisaa fedhiin nuti guddina biyya keenyaaf  qabnu hanga ol guddachaa deemu , gaaffiiwwan furmaata argachuu malan ammallee ka’aa deemu. Kunimmoo seera Uumamaati. Kanaafuu madda rakkoo (source of Conflict) beekuun furmaata waarawaa barbaaduuf walitti bu’iinsi jiraachuu mala.

Akka biyya keenyaatti  kan nuti jala murree beekuu qabnu akkaataan nuti walitti bu’iinsa hiiknuu fi hiikaa jirru ( conflict resolution) keenyaa fooyya’uu qabaachuutu irra jiraata.

Walitti bu’iinsa kamiinuu humnaan hiikuu yaaluun furmaata yeroo gabaabaa ta’uu mala malee furmaata xumuraa ta’uu hin danda’u. Sababnisaa rakkoon irratti mari’achuu dhaan madda rakkoo sanaa osoo hin gogsin ol’aantummaa qaama  aangoo/human qabuutiin dhiibbaa dhaan furmaatni kennamu bu’aa inni fidu irra miidhaan isaa waan caaluuf  walitti bu’iinsa kamiinuu  mala aadaatiinis ta’e mala ammayyaawaa dhaan taa’anii irratti mari’achuun ijaarsa biyya kanaatiif ga’ee hin lakkaa’amne taphata.

Sirni Federaaliizimii biyyi keenya hordofaa jirtus  Uummatoota Itiyoophiyaa Daangaa Mootummaa Naannolee garaa garaan qoodee kan bittimsu osoo hin taane, akka nama mana guddaa tokko ijaaree kutaawwan gara garaa sagal keessatti kukkutuu garuummoo abbaadhuma man asana ijaareen kan waamamtutti fakkeeffamuu qaba.

Kutaaleewwan qoqqoodaman kanneen keessas ijoolleewwan abbaa tokkoo kan ta’an kunneenis akka fedhii isaaniitti kutaa barbaadan keessa osoo mirgi isaanii hin dhiibamin kan jiraachuu danda’aniif  ijaarsa mana sanaa keessattimmoo ga’een tokkoon tokkoon isaanii irraa barbaadamu jiraachuun isaa barbaachisaa dha.

Walumaa galatti ijaarsa biyya kanaa dhugoomsuuf walitti Naannolee hundumaa murteessaa waan ta’eef  adeemsi karaa kamiinuu adeemamu hanga biyya kana hin miinetti , biyya amma ijaaraa jirru kana  waliin tokko taanee, garaa garummaa qabnu qabannee , waan tokko nu taasisu waliin hojjennee haaromsa biyya kanaa mirkaneessuun nurraa eegama.  

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy