Baatii injifannoo!
Hiikaa Margaatiin
Dhalli namaa yeroo garagaraatti mudannoo gara garaatu isa mudata. Mudannoowwan kunneen ammoo gammachuu, gaddaa fi kanneen biroo ta’uu malu. Mudannoon kunneen gaddas ta’e gammachuu bara baraan sammuu namaa keessaa salphaatti kan badan osoo hin taane bara baraan yaadatamu. Kana yeroo jennu biyyis akka walii galaatti waan baay’ee keessa darbuun mudannoowwan gara garaa qabaachuu malti. Waan tokko gaarii yoo ta’e akka jajjabeeffamuuf, badaa yoo ta’e ammoo dogoggora uumame irraa barachuuf baay’ee barbaachisaa dha. Seenaawwan darbannirraas dhaloonni akka barataniif taateewwan kamillee galmaa’anii akka taa’aniif bara baraan ni yaadatamu.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan erga biyya taatee waamamuutti kaatee taateewwan gurguddoo dhalootaan yaadatamuu qabanii fi kabajaa namoota seenaa sana hojjetaniif jecha taateewwan yaadatamuu qaban hedduu qabdi.
Gara mata duree kootiitti yommuun deebi’u baatiin kun ykn baatiin Guraandhalaa kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti baatii seenaa guddaa qabuu dha. Akka carraa ta’ee taateewwan baatii kana keessa raawwatan dhaloota itti aanuuf barnoota guddaa ta’uu kan danda’an gochawwan gara garaa kan keessatti raawwatanii dha. Taateewwan kanneen keessa tokko tokko yaa ilaallu.
Baatiiwwan kana keessa taateewwan biyya kana keessatti raawwataman yoo ilaalle dhalootni kun akkaataa kamiin birmadummaan biyyaa harka diinaa jala seenee eenyummaan saba tokko saba biraadhaan hacuucamee, maalummaan lammii tokkoo seenaan isaa jijjiiramee, mirgi uumamaan siif kenname sarbamee, daangaan biyyakee sarbamee bittaa ormaa jala jiraachuun salphina akka ta’e kan irraa barannu injifannoon Adwaa biyya kanaaf qofa osoo hin taane akka Ardii Afriikaatti seenaa boonsaa Uummata Itiyoophiyaatiin faashistii Xaaliyaanii irratti hojjetamee dha. Yeroo sanatti humni garboomfataa biyya Awurooppaa irraa gara Itiyoophiyaa dhufuu dhaan nu koloneeffachuuf turan.Garuu yeroo sanatti goototni biyya kanaa birmadummaan biyya kanaa tuqamuu isheerra ofii keenyaan lubbuun nu baduu wayya jechuun wareegama qaalii kaffaluun biyyi keenya Itiyoophiyaan maalummaa ishee uumamaa uumaa irraa kennamee eegsifattee yoona geesseetti. Injifannoon kun kan galmaa’e baatii guraandhalaa keessa ta’uu meeqan keenyatu beeka?
Inni biraan ammoo baatiidhuma Guraandhalaa, Gaafa Guraandhala 12, kana keessa goototni amanamoon maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya jechuun bittaa kolonii Xaaliyaanii jibbuun yaalii ajeechaa koloneeffataa Maarshaal Maarsheez di Negeelii irratti sababa adeemsifamee Mootummaan Xaaliyaanii haaloo kanaa bahuuf guyyaa sadii keessatti namoota biyya keenyaa 30,000 ol fixxee turte. Haa ta’u iyyuu malee xumurri isaa injifannoo dhuma lammilee keenya yeroo sanaatiin kan xumuramee dha.
Itti dabalees baatiidhuma kana keessa Guraandhala 11,waggaa 43 dura bara mootummaa abbaa hirree dargii sana keessa akkaataan qabiinsa mirga namoomaa lammilee biyya kanaa rakkoo keessa jiraachuu isaa qabsaa’onni Adda Bilisummaa Tigiraay (ABUT), qabsoo hadhaawaa taasisuun mootummaa yeroo sanatti humna waraanaatiin akka Afriikaatti tokkoffaa ta’e wajjin wal-falmii cimaa taasisuuf yeroo itti bosona seenanii dha. Qabsoo kana keessattis wal-qixxummaa sabaa fi sab-lammoota maraa fiduuf kan itti seename yommuu ta’u yaada qulqullaa’aa qabatanii qabsoo qawweetti seenuu isaanii seenaa yeroo gabaa ti. Dirree qabsoo kana irrattis lubbuun jaaleewwan hedduu kan wareegamee dha. Mirgi dimookiraasii har’a nuti akka fedhii keenyaatti ittiin jiraachaa jirruu kun bu’aa qabsoo hadhaawaa bara 1966 eegalee waggaa 17f osoo adda adda hin citin kan itti fufee turee dha. Ka’umsi qabsoo kana mirga namoomaa kabachiisuudhaaf lubbuu qaaliin namoota hedduu qabsoo kanarratti yoo dhuman illee baatiin Guraandhalaa kun bara baraan yaadatamti.
Ammas ji’uma kana keessa guyyaan Raayyaa Itti Biyyaa( RIB) Guraandhala 7 kan itti kabajamu ta’uusaa ti. sadarkaa biyyi keenya har’a irra jirtu kana fiduu dhaaf dadhabbiin Raayyaa Ittisa Biyyaa hagan kan hin jedhamneedha. Raayyaan Ittisaa keenya Gaachana biyya kanaa ta’uu dhaan lammileen biroon kanneen siviilii ta’an sodaa tokko malee biyya isaanii keessatti nagaa dhaan jiraatanii guddina biyya isaaniif bu’aa akka buusisan taasisuun alatti ofii isaaniifillee darbuu dhaan hojjiwwan misooma gara garaa irratti hirmaachaa jiru. Raayyaan Ittisa Biyya keenyaa walitti dhufeenya sabaa fi sab-lammoota biyya keenya hundaa irraa kan ijaarame yommuu ta’u, tokkummaan biyya kanaa dhaabbata keessatti mirkaanaa’eef tuuta onnee guutuu dhaan waa’ee biyya kanaaf halkaniif guyyaa hojjetuudha.
Nageenya biyya keessaa akka gaariitti eeguu irra darbee, qaamolee farra nageenyaa biyya kanaa fi biyyoota Afrikaa kanneen biroo qolachuu irratti kan argamuu dha. Lammiin biyya kanaa kamillee sodaa nageenyaa tokko malee akka jiraataniif irriba isaanii dhabuudhaan biyya kanaaf gaachana ta’uunsaa wal-nu hin gaafachiisu.
Rakkoowwan biyyoota ollaa keessatti uumaman illee na galcha jechuu dhaan humna nageenyaa hiriirsuu dhaan nageenyi ollaa keenyaa akka eegamuuf ga’ee ol’aanaa taphachaa jira. Biyyootni akka Ruwaandaa, Burundii, Somaaliyaa, fi Sudaan kibbaallee nu qofaa osoo hin taane, Raayyaa Ittisa Biyya keenyaa irraa fayyadamoo dha.
Raayyaan Ittisa biyya keenyaa Hojii misoomaa biyyi keenya qabattee jirtu hundumaa cina dhaabbachuu dhaan rakkoon nageenyaa akka hin uumamne gochuun cinatti humna, qabeenyaa fi yaadaan deggersa gochaa jira. Fakkeenyaaf pirojektii guddaa biyya kanaa Hidha Guddicha Haaromsa Keenyaa kan ta’e Hidhi Laga Abbaay osoo Raayyaan Ittisa biyya keenyaa sadarkaa har’a ga’e kana hin ga’u ture. Hidha kana keessatti ga’een Raayyaa Ittisa Biyya keenyaa ba’achaa jiran baay’ee boonsaa kan ta’eef gocha jajjabeeffamuu waan qabaniif baatii kana keessa guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa akka kabajamu ta’ee erga kabajamuu eegalee waggoottan 7 lakkoofsiseera itti fufas.
Egaa taateewwan nuti armaan olitti ilaalaa turre martinuu taateewwan gurguddaa baatii tokko qofa keessatti raawwatanii dha. Nutis akka dhaloota ammaatti injifannoowwan galmaa’anii darban hundunuu osoo keessaa hin hir’atin dhaloota dhufuuf akka dabarsinuuf seenaa hojjennee darbuunis barbaachisaa akka ta’e seenaa kana irraa waan baay’ee baranna.
Kanaafaniyyuu baatiin kun baatii injifannoo ti jedhee eegale.