Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Biyyi Dargaggoof hin taane………………………………..

0 704

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Biyyi Dargaggoof hin taane………………………………..

Waa’ee guddina biyya tokkoo yeroo haasofnu dhimmi dargaggoo biraa hafuu hin danda’u. Sababnisaa dargaggoo jechuun humna misooma biyya kana gara guddinaaf jijjiirama yaadamee bira ga’uu dhaaf adeemsa kamiinuu keessatti hirmaannaa dargaggoon ala mirkanaa’a jechuun waan yaadamu miti.  Keessumaa biyyi keenya Itiyoophiyaa yoo ilaalle baay’inni dargaggoota umriin isaanii waggaa 18-29 keessa jiranii walakkaa baayina uummata kanaa ol waan ta’eef dargaggoo malee waa’ee misoomaa yaaduun abjuu dha.

Seenaawwan yeroo dhiyoo dargaggootni biyya kanaa keessa darban yoo ilaalle,  akka humna misoomaatti ilaalamaa kan turan osoo hin taane akka humna badiitti ilaalamuun yeroo gara garaa dhiibbaan irra ga’aa tureera.

Sababawwan dhiibbaa kanneeniinis dargaggootni baayeen lubbuu isaanii qalii kan dhaban hamma hin qaban. Kanneen biroon ammoo qooda biyya isaanii keessatti hojjetanii misooman  biyya hormaatti baqachuun jireenya alagummaa yeroo itti jiraachaa turan tureera.

Yeroo ammaa kana seenaa kana jijjiiruuf ciminaan itti deemamaa yoo jirattellee ammallee haalli tokko tokko hudhaa ta’uu dhaan bu’aan hanga yaadame hin argamne. Rakkoowwan kunneenis deemanii deemanii  haala wal xaxaa yeroo ammaa nuti keessa buunee jirru kanaaf sababa ta’anii jiru.

Rakkoowwan yeroo ammaa kana biyya kana keessatti dargaggootaa wajjin wal qabatee biyya kana akka isheen hin tasgabboofne godhan keessaa tokko rakkoo hoji dhabdummaati. Dhuguma dubbachuuf yoo ta’e rakkoon hoji dhabdummaa rakkoo biyya Itiyoophiyaa qofaa akka hin taane beekuun barbaachisaa dha. Rakkoon hoji dhaddummaan wal-qabatee jiru addunyaa kanaafuu yaaddessaa ta’aa waan jiruuf dorgommiin hojii uumuuf hojii argachuu daran jabaatee itti fufee jira.

Hojii fi hoji dhabdummaan wal qabatee biyyi keenya dhimma kana keessatti xiyyeffannaa guddaa itti kennuu dhaan  yeroo ammaa kana jijjiiramaaf hojjechaa jira.

Haa ta’uyyuu malee tarsimoon mootummaan dhimma hoji dhabdummaaf baasee hojii keessa seenee jiru kana haalaan qindeessanii deggersa barbaachisaa yeroo barbaachisaa ta’etti dargaggootaaf kennuu irratti qaawwaaleen hedduun ni mul’atu.

Qaawwaalee kanneen keessaa inni guddaan rakkoo maxxantummaa fi kiraa sassaabdummaa ti. Kana yemmuu jennu dargaggoota hojii keessa galchuuf mootummaan baajata miliyoona hedduu ramadee yeroo sochii eegalutti raawwachiiftotni tokko tokko abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliin walii galuu dargaggootni kunneen hojii keessa galanii akka isaan hin dorgomneef  baajata ramaduun dargaggoo umrii isaa guutuu mana barnootatti dabarse san boodas waan ittiin jiraatu hin qabaanne lafatti haaxa’achuun garaa fi ittiin bulinnaadhaan seera cabsuun faayidaa dhuunfaa irratti hirkachuun dargaggoo irra dhiibbaa gara garaa yeroo itti geessisaa turan ni jira.

Qaawwaa inni biraan itti gaafatamummaa dhabuu fi ofittummaa dha. Inni kun immoo dhimmi dargaggoo kanaa na galcha jechuu dhiisuun akkasumas qarshiin liqeeffamu kun baduu danda’a waan jedhuun rakkoo hoji dhabdummaa sana iddoo biratti irraanfachuun teessuma ofiif haala mijeeffachuu qofaaf kanneen muudamanii imimmaan dargaggoo haati hiyyeessaa fi abbaan hiyyeessaa rakkattee barsiifatte alatti dhorkuun diina mootummaa taasisuun rakkoolee yeroo ammaa darbanii darbanii ka’aniif sababa kan ta’aa jiran qaama biraa osoo hin taane, ofittoo isa ta’e abbootiin taayitaa sadarkaa adda addaa irra jiran rakkoo isaan uumanii dha.

Haaluma wal fakkaatuun adeemsi sirna hojii uumuu dargaggootaa kun gubbaa dhaa hanga gadiitti qajeelfama mataa isaatii yoo qabaatellee akkaataa qajeelfama mootummaatti hojii irra oolchuu dhadhabuun rakkoo tasgabbii biyya kana keessatti uumamaa jiruuf sababa kan ta’aa jiran qaama raawwachiiftuu sadarkaa gara garaa irra jiran keessumaa rakkoon Aanaa fi gandi naannoo kanatti uuman biyya kana waan guddaa kaffalchiisaa jira.

Gama biraatiin ammoo darggoonis rakkoo guddaan inni sirreeffachuu qabu ilaalamutu irra jiraata. Rakkoo inni guddaan dargaggoo biratti mul’atu ilaalcha hojii mootummaa qofaa irratti maxxanaa ta’uu dhaan waan ta’uufis waan hin taaneefis boo’aa ooluun yeroo ofii gubuun kan itti mul’atuu dha. Kunimmoo umrii dargaggummaa isaa keessatti akkaataa barnoota naaf ta’a jedhee filateen muuxannoo argate irraa fayyadamaa ta’uu dhaaf kaka’umsa mataa isaatiin hojii mataa isaa uumuu dhaan sosocho’uutu irra jiraata. Keessumaa ilaalcha qacaramanii hojjechuu jedhu sammuu ofii keessaa balleessuun barbaachisaa dha. Yeroo barnoota barannus waan dandeenyuuf gara fuul duraatti nu gargaara jennee yaadnu qofa barannee irraa fayyadamoo ta’uu dhaafis ciminaan hojjechuun barbaachisaa dha. Kanarraa kan hafe gosa barnoota gabaa irratti barbaachisaa hin taaneef dorgomaa nu hin taasifne barachuun booda rakkoo nutti dhufu dursinee beekuun waan salphaatti ilaalamu ta’uu hin qabu. Yeroo baay’ee gosuma barnootaa baay’ee barbaachisaa ta’an yoo seennes qabxii barbaachisaa gadi galmeessisuunis dorgomaa waan nu godhuuf jabaannee yoo qayyabannee qabxii gaarii galmeessifne harka namaa eeguu irraa baraaramuu caalaayyuu iddoo hundumaatti barbaachisummaan keenya ni dabala. Kanaaf wanti salphaan erga akkuma tasaa eebbifamnee booda rakkachuu irra dursinee waan gochuu qabnu gochuu dhiisuu keenyarrraan kan ka’e rakkoo hoji dhabdummaa fi dorgomaa ta’uuf akka hin saaxilamne gochuuf ga’een dargaggoos ol’aanaa dha.

Furmaatni rakkoo hoji dhabdummaa wajjin wal-qabatu kan mootummaan hiikaa jiru yeroo ammaa kanatti, tokkoffaa carraa hojii uumuun dargaggoon akka fayyadamuuf hojjechaa jira. Carraa hojii uumuu kana keessattis iftoominni akka jiraatuufis ciminaan hojjetamaa jira.

Walumaa galatti Mootummaan Naannoo fi Federaalaa waliin ta’uun rakkoon hoji dhabdummaa kun akka furamuuf  Fandii Naanna’aa ramaduun dargaggoota miliiyoonotaan lakka’amaniif carraan hojii uumamaa jira. Dhimmoolee kanaan wal-qabatees  hudhaaleen jiran akka furmaata akka argataniif dargaggotni hojii dhabanii jiran galmaa’anii akka hojii keessa seenaniif  guutummaatti hojjetamaa jira.

Xumura irratti rakkoowwan armaan olitti fiixa ba’umsa tarsimoo mootummaatti gufuu ta’an raawwatee dhabamsiisuuf hirmaannaan dargaggoos ta’e hawaasa maraa waan barbaachisuuf qaama dhimmi ilaallatuu wajjin mari’achuun qaama gufuu tarsimoo mootummaa ta’an saaxiluun furmaatni waarawaan akka dhufuuf cimanii hojjechuun  biyya dargaggoof mijooftuu taate uumuun barbaachisaa dha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy